“Qeerroo jiru Oromoon lammata aangoo siyaasaan hincabu”Dargaggoo Kadir Indaalkaachoo Pirezedaantii waldaa Dargaggoota Oromiyaa

Jaarraa tokkoofi walakkaa oliif Oromoon siyaasaan,dinagdeenfi hawaasummaan Itoophiyaa keessatti mataasaa olqabatee akka hindeemne sirni gabroomfataa Atseewwanii hanga dargiitti biyyattii humnaan bulchaa ture hiraarsaa sabummaafi dhiittaa mirgaa qaqqabsiisaa tureera. Cunqursaa sabummaa isaafi sabaaf sablammiilee biyyattiirratti sirnoota balaafamoofi doofaan qaqqabaa ture qolachuuf aarsaa qeerroofi qarreen Oromoo kaffalaa turan hadhaa’aa ta’uu seenaatu ragaa baha.

Sirnoonni darban marayyuu Oromoo riqicha godhachuun golasaa saamaa qorqalbiisaa jaamsaa eenummaansaa akka dhabamsiifamuufi eenyummaan saba aangoorra jiru akka isatti fe’amu ta’aa tureera. Inni kunimmoo diddaan akka dhohu umriin cunqursitootaa akka gabaabbtu biiftuun haqaafi dimokiraasii akka baatu karaa saaqeera. Qabsoofi wareegama qaalii dargaggoota Oromoon durfamuun taasifameen sirnoonni maxxantuu atseewwaniis ta’e Dargii dabareesaanii eeganii unkutaahaniiru.

Sirni RFDUI murna bicuu ABUTn durfamaa ture guyyaa aangootti dhufee kaasee sirna federaalizmii sabdaneessaa hunda hirmaachisaa ta’e lafa qabsiisuuf kan hojjetu ta’uu ibsaa tureera. Turtii aangoorra ture waggoota 27 keessattis hojiilee gaggaarii akkuma hojjete hojiilee faallaa heeraafi sirna federaalawaa dimokiraatawaa ta’e gara garaanis komiin guddaa irratti ka’aa tureera.

Gama kanana hojii hojjeteenis mirga afaan ofiin barachuu, mirga naannoon ijaaramuu,mirga mootummaa ofii sadarkaa naannootti qabaachuufi aadaa guddifachuu hojiitti hiikus faallaa sirnichaa kan ta’an hojmaata badaa gara garaanis kan liqimfame ture.Keessumattuu naannooleen mootummaa mataasaanii akka qabaatan heerri RFDUI ibsus faallaa sirnichaa namoota gahumsa hinqabneefi ergama murna bicuu raawwachuu dandahan muuduun saamicha qabeenyaa, hannaa, sassaabdumma kiraafi hiraarsaa sabummaa qaqqabsiisaa turuun diddaan akka dhohu sababa ta’eera.

Fincila diddaa gabrummaa qerroofi qarreen Oromoo kaaseen raafama siyaasaa,dinagdee fi hawaasummaa hammaataa waggootii sadi keessatti mudateen sirni ADWUI murna bicuu ABUTn durfamu hundeedha akak buqqa’u ta’eera.Sirna bicuu hattuufi saamtuu ABUT kana hundeedhaa diiguuf diddaa taasifameen qeerroofi qarreen Oromoo kumaatamatti lakkaawaman wareegamaniiru.

Qeerroonfi Qarreen Oromoo addasaanii rasaasaaf laachuun sodaa tokko malee fincila diddaa gaggeessaniin murni waggoota 60f Itoophiyaa bulchuuf wixinee saamichaafi hannaa baafateeru unkutaahuu dandaheera.Qabsoo dargaggoonni taasisaa turan cinatti hayyonni Oromoo biyya keessaafi ala jiran dabalataan deeggarsa ga’umsa siyaasaan ijaarame taasisaniin awwaalli sirna saamtuu akka ariifatu kan godhe yoo ta’u, yeroo ammaatti waggoota sadi lakkoofsiseera.

Yeroo ammaattis filannoon marsaa jahaffaa bara kana akka biyyaatti gaggeeffamuuf qophiin gara garaa gamanumaa taasifamaa kan jiru yoo ta’u dargaggoonni sirnicha dhiigasaaniin dhalan hirmaannaa guddaa taasisu jedhamee eegama.Sirni mootumma haaromsaa amma aangoorra jiru kun imaanaa dargaggoonni dhiigaaf lafeesaaniin fidanii itti laatan hamma ta’etti bu’aasaaniiti jechuun dandahama.

Kanamalees ijaarsa dimokiraasii lafa qabsiiuuf jecha filannoo haqa qabeessa, bilisaafi hirmaachisaa ta’e gaggeessuun murteessaa waan ta’eef isa kanaafimmoo dargaggoonni paartii fayyadamummaa keenya mirkaneessa jedhan filachuun egeree biyyasaaniif aantummaasaanii mirkaneessuun isaanirra jiraata. Keessumattuu egeree biyyattiitti abdii horuufis ta’e fayyadamummaasaa mirkaneessuuf qabsoosaa kaardiin ibsachuun aadaa dimokiraasii reefu guddinarra jiru qabatamaan lafa qabsiisuu keessatti bakka olaanaa qabaata.

Filannoo marsaa jahafaa akka biyyaatti alana gaggeeffamuuf jiruufi qophii dargaggootaa ilaalchisuun turtii Pirezedaantii Waldaa Dargaggoota Oromiyaa waliin taasisneen yerichi yeroo murteessaafi kutannoon dargaggootaa itti calaqqisuu qabudha. Pirezedaantiin Waldaa Dargaggoota Oromiyaa Dargaggoo Kadir Indaalkaachoo filannoofi qophii dargaggootaa ilaalchisuun yaada gaazexaa Bariisaaf addatti kenneen dargaggoonni injifannoo dhiigasaaniin fidan dimokiraatessuuf paartii isaan fayyaduu dandahuuf sagaleesaanii laachuuf kaardii fudhachuun irra jiraata.

Seenaa Itoophiyaa keessatti jiraachuu Itoophiyaaf bu’uura kan buusan dargaggoota Oromoo ta’anis jaarraa tokkoofi walakkaa oliif Oromoon siyaasaan caalee akka hin argamneef akka cabu ta’aa turuu Dargaggoo Kadir kaasa.

Sirna Oromoo cabsaa ture kana cabsuun Itoophiyaa hundumaaf haadha taate ijaaruuf qabsoowwan hadhaahaa wareegama qaalii kaffalsiisan dargaggoota Oromoon gaggeeffamaa kan turan yoo ta’u bu’aa gurguddaa galmeessisaniiru.Akka fakkeenyaatti waraana Xaaliyaanii Itoophiyaarraa deebisuu keessatti dargaggooni Oromoo gahee leencaa taphatu kan jedhe Pirezedaantichi ajajoota waraanaa 11 akka biyyaatti bobbahan keessaa sagal ilmaan Oromooti.

Damee atileetiksiin,Artiin,qondaalota waraanaanfi kalaqaanis yoo ta’e jiraachuu Itoophiyaaf hundee kan ta’an dargaggoota Oromoo akka turan Pirezedaantichi yoo himu Itoophiyaa Oromoon mataa keessatti olqabatee adeemu ijaaruuf garuu yeroo dheeraaf hindandahamne ture.Isa kanaafis sababa kan ta’e olaantummaan saba tokkoo daran daraaruusaan shira xaxamaa tureen Oromoon dirree siyaasaa keessaa bahee gaafa rakkoo fi xiiqii qofa barbaadamaa ture.

Siyaasni summaawaa akkasii kunimmoo Oromoon akka dammaqu shira ofittootaan sakaalamee siyaasaan,dinagdeen fi hawaasummaan akka hin milkoofne caalees akka hin argamne cunqursaa jala turuusaan qabsoon diddaa akka dhohu ta’aa tureera.Qeerroo fi qarreen Oromoo Oromoon siyaasaan dinagdee cabuusaatti aaran hadheeffatanii qabsaahuun sirna cunqursaa isa cabsaa ture,nafxanyaas ta’e wayyaanee buqqisuun biyya dimokiraatawaa hunda walqixa keessummeessitu ijaaruu keessatti gahee leencaa taphataniiru.

Isa kana dhugoomsuufis warraaqsa diddaa gabrummaa waggoota sadiif osoo walirraa hincitiin taasisaniin murna hattuu ABUT dhabamsiisuun mootummaa haaromsaa bu’aa dhiigaaf lafeesaa ta’e hundeeffachuu dandaheera.Ijaarsa dimokiraasii lafa qabsiisuuf kutannoon hojjetamaa jiru kana keessattis aangoon humnaan osoo hin taane kaardii filannoon darbuu akka qabu dargaggoon carraaqaa jiraachuu himuun filannoo marsaa jahaffaa akak biyyatti gaggeeffamuuf jiru keessattis si’aahinaan hirmaachuuf qophiin gara garaa taasifamaa jira.

Oromoon siyaasaan lamuu akka hin cabneefis ta’e dinagdeen caalee akka argamuuf tumsi dargaggootaa murteessaa ta’uu kan hime Pirezedaantichi yeroo ammaatti dargaggootaa akka Oromiyaatti jiran keessaa dhibbantaan 87 ol kaardii filannoo fudhachuun mootummaa barbaadan filachuuf qophiitti jiru. Jaarraa ammaan tana keessa jirru kana kessatti Oromoon lamuu caba jedhanii yaaduun hindandahamu kan jedhe Dargaggoo Kadir isa kanaaf wabiinis ta’e waardiyyaa ta’ee sirnicha kan kunuunfatu abbaa injifannichaa Qeerroofi Qarree Oromooti.

Murnoota Oromoo cabsuun qaxxaamuraan aangootti dhufuuf wixxifataniifis karaan akka hinjirre himuun dargaggoonni xiyyeeffannoon hordofuu akka qaban dhaamaniiru.Ijaarsa dimokiraasii eegalameen aangoo walii dabarsuuf falli jiru tokkoof tokko ta’uu kan hime pirezedaantichi dargaggoonni hafan kaardii fudhachuun paartii faaydaa keenya mirkaneessuu dandaha jedhan filachuu akka qaban dhaamaniiru.

Waldaan dargaggoota Oromiyaa siyaasa kamirraayyuu bilisa ta’uu himuun paartii fayyadamummaasaanii mirkaneessu adda baafachuun filachuun murteessaadha. Kuni ta’us murnoonni finxaaleyyii tokko tokko dargaggoo akka meeshaatti fayyadamuun ergamasaanii ittiin raawwachuuf kaka’aa jiraachuullee kan yaadachiise Dargaggoon kun humnoota badii akkasiirraa of eeggachuun ammayyummaa ta’uu kaaseera. Mootummaan uummataan filatame aangoo akka qabatuuf ijaarsi dimokiraasii eegalame dargaggootaan utubamuu qaba kan jedhe Pirezedaantichi faallaa nageenyaa warreen deemaniif dargaggoon gurra kennuu hinqabu.

Haaluma kanaan injifannoon galmaaheeru bu’aa qabsoo wareegama hadhaahaa dargaggootaa hamma ta’etti abdiin egeree biyyattii dhaloota haaraa kana harka waan jiruuf jijjiiramicha nageenyaan ceessisuufis ta’e nageenya filannichaa eegsisuuf dargaggoonni itti gaafatamummaa qabu. Itti Gaafatamaa Sabquunnamtii Waajira Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aas marii tibbana dargaggoota waliin magaalaa Adaamaatti taasisaa turanirratti barreeffama qopheessaniin dargaggoonni jijjiiramicha dhiigaaf lafeesaaniin fidan tikfachuu keessattis si’aahinaan hirmaannaa taasisuu akka qabandha kan kaasan.

Sirni saamtuu fi hattuu ABUT waggoota 27f gola sabaaf sablammiilee golgoleessaa ture hundeedhaa buqqa’ee akka baduuf aarsaafi wareegama qaalii kaffalaa kan turan qeerroo fi qarree Oromooti. Injifannoon bu’aa dhiigaaf lafee dargaggootaa ta’e kun lafa qabatee dimokiraasiin akka hin dhugoomne rakkoo nageenyaa uumuun aangoo dhuunfachuuf kan kaka’an akka jiran kan kaasan Obbo Taayyeen dargaggoonni dammaqinaan eeggachuu akak qabanidha kan kaasan. Isa kanaafimmoo filannoo dhufurratti dammaqinaan hirmaachuun ijaarsa dimikiraasii eegalame lafa qabsiisuuf tumsuu qabu.

Murni aangoo qaxxaamuraan qabachuun harqoota gabrummaa lammiileerratti fe’uuf kaka’u kan jiru ta’uus kaasuun isa kanarratti dargaggoonni qabsaahuu akka qaban akaksumas bu’aa injifannoosaanii eeggachuun biyyasaaniif waardiyyaa ta’uun irraa eegama. Imala badhaadhinaa eegalame kana milkeessuu keessattis hirmaannaan dargaggootaa adda duree ta’uu kaasuun biyya badhaate akkasumas biyya fayyadamummaan lammiilee keessumattuu kan dargaggootaa keessatti mirkanaahe ijaaruuf tattaaffiin eegalame dargaggootaan deeggaramuu qabaata.

Dargaggoonnis olola farreen jijjiiramaa qaxxaamuraan aangoo qabachuuf tattaafataniif gurra kennuu dhiisee injifannoo dhiigaaf lafeesaan argate tikfachaa filannoo marsaa jahaffaa akka biyyaatti gaggeeffamurratti si’aahinaan hirmaachuun paartii nafayyada jedhu filachuu qaba jedhaniiru. Walumaa galatti Itoophiyaan amma ijaaramaa jirtu biyya federaalizmiin sabdaneessaa keessatti lafa qabate sirni mootummaa tokkee keessatti awwaalame akka taatuuf qoonni dargaggootaa olaanaadha.

 Waasihun Takileetiin

BARIISAA Ebla 30 /2013

Recommended For You