Imala, badhaadhinaa, eegalame millkeessuuf abbootiin indastirii murteessitoota jedhame

 Finfinnee: Imala badhaadhinaa eegalame milkeessuuf hidhatni abbootii qabeenyaafi mootummaa murteessitoota ta’uu Hogganaan Biiroo Indastirii Magaalaa Finfinnee beeksisan.

Hoggantichi Obbo Efreem Gizaawu barreeffama hudhaalee damee indastirii jedhurratti qopheessaniin haaromsaan dura hariiroon abbootii qabeenyaafi mootummaa laafaa turuu dubbataniiru.

Marii Ministerri Daldalaafi Indaastirii Biiroon Indastirii Magaalaa Finfinnee abbootii qabeenyaa, damee indastirii manufaakcheriingiirratti bobbahan waliin tibbana taasisaniin dinagdee biyyaa utubuuf shoorri abbootii qabeenyaa murteessaa ta’uun Roobee darbe himameera.

Abbootiin qabeenyaa haaromsa dura damee indastiriirratti bobbahanii turan maqaaf hojiitti seenanis murna aangoorra turetu maqaasaaniin hataa tureera jedhu Obbo Efreem.

Haaromsa booda garuu qorannaa gadifagoo taasifameen abbootiin indastirii imala badhaadhinaafi warraaqsa dinagdee biyyaa utubuurratti adda duree waan ta’aniif jajjabeeffamaa jiru.

Rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa furuurra, darbanii Itoophiyaan damee manufaakcheriingii garagaraan gahumsa akka horattuuf abbootiin qabeenyaa murtessitoota akka ta’anis ibsaniiru.

Ammas, hudhaa damee indastirii manufaakcheriingii qabee jiru furuun imala badhaadhinaafi warraaqsa dinagdee biyyaa saffisiisuuf mootummaan ciminaan hojjechaa akka jiru eeranii, kun ta’us abbootii indastirii sobaan ijaaramaniifi farra warraaqsa dinagdee ta’an dhabamsiisuufi seeratti dhiheessuun cimee ittifufuus ni dubbatu.

Maqaa misoomaatiin saamichi lafaa dur qaqqabaa ture kana booda kan itti hinfufne ta’uu himuun, Finfinneen cinaatti guddattu akka hinjirre hubachiisaniiru.

Abbootiin indastiriis dhimma kana beekuun lafuma kennameefirratti of kennanii hojjechuu akka qaban dubbatanii jiru.

Kana dura, qonnaan bulaan naannawa Finfinnee maqaa misoomaatiin buqqa’aaa ture dinagdeen harkifachuurra darbee eeggattummaa jalatti akka kufu taasifamuu ibsaniiru.

Abbootiin manufaakcheriingii kana booda misooma kamirrattuu bobbahan marti ulaagaa barbaachisu guutuun dirqamasaanii ta’uu kan beeksisan Obbo Efreem, maqaa investimentiin lafa fudhatanii dallaa itti ijaaruun bara, lakkaahaniif obsi hinjiru jedhaniiru.

Adeemsa kanaan abbootii qabeenyaa cimanii hojjechuun ofiifi lammiileeesaanii fayyadamaa taasisan badhaasaa, warreen diddaa agarsiisamimmoo seeraan tajaajila ala taasisaa kan deemamu ta’uu beeksisaniiru.

Abbootiin qabeenyaa tokko tokko yaadichi sirrii ta’uu kaasuun mootummaan lafa maqaa, investimentiin dallaa itti ijaaramee bara lakkaahaa jiru ammayyuu ilaaluu qaba jedhu.

Abbootiin qabeenyaa of kennanii hojjetan akkuma jiran kanneen saamicha lafaarratti bobbahanis akka jiran himanii, alseerota akkasiirraa fuudhamuu akka qabus gaafataniiru

Adeemsa amma jalqabame kanaan hariiroon abbootii qabeenyaafi mootummaa kan cimu yemmuu ta’u, badhaadhinni Itoophiyaas fagoo akka hintaahe ibsaniiru.

 Waasihun Takileeetiin

Bariisaa Ebla 30 Bara 2013

Recommended For You