Aadaa Hirma Adiifi Gaarayyuu Qeerroofi Qarree Oromoo Walloo biratti

Ijoollee Kuush  bal’inaan kaaba Itoophiyaa jiraatan keessa Raayyaan, Agawu, Qimaantiifi Oromoon Walloo isaan muraasa  yoo ta’an,  hagam dhiibbaa sirna nafxanyaa jalatti hiraarfamanis eenyummaasaanii ganamaa, aadaa, duudhaafi afaansaanii dhaloota har’aan gahataniiru.

Saboonni kunniin aadaafi duudhaasaanii akkasumas afaansaanii abbootiisaaniirraa dhaalan kana osoo hinfaaliin dhaloota har’aan gahachuuf jecha diddaa cunqursaa gaggeessaa turaniifi har’allee itti jiraniin eenyummaasaanii kabachiifatanii dhalootaaf dabarsuu dandahaniiru.

Imala kabachiisa eenyummaasaanii kanaa keessattis qabsoo taasisaa turaniin, aarsaafi wareegama qaalii kaffalaa har’aan kan gahatan yoo ta’u, qabsoonsaanii hadhaahaan sun ilmaan qaaleyyiifi sabboonaa ta’an kumaatama horateera.

Ilmaan sabboontota kunniin qeerroofi qarree yoo ta’an, aadaasaanii ganamaa kabajaa dhaloota dhufuuf dabarsuuf  har’allee jirra jechaa jiru.

Barreeffama keenya har’aa kanaan Aadaa Gaarayyuufi Hirma Adii qeerroofi Qarree Oromoo Walloo waliin isin barsiifna.

Akka aadaa Oromoo Wallootti Gaarayyuu jechuun jaalallee jechu yoo ta’u, hirma adii jechuun qabattoo adii gogaarraa tolfamuufi shamarran Walloo mudhii saaniitti hidhatanidha.

Faayi mudhii hirma adiin alatti toorbii jedhamee beekama. Hirmi adiin kun ykn torbiin  takkaan mudhii qal’isee mudhii sonsaa fakkeessa jedhamee kan amanamu yoo ta’u, lammaffaammoo agarsiistuu durbummaas ta’ee tajaajila.

Durbi tokko hirma kan hidhattu durba qarree ykn durbummaa kan qabdu yoo taate qofa. Hirma adii kanas kan isheef bitu gaarayyuu ykn jaalalleeshee ykn kaadhimasheeti.

Gaarayyuun dargaggeessa intala sana jaalateefi kunuunsaa jiru yoo ta’u, aadaa Oromoo Walloo keessatti intala tana gaarayyuu baafachuuf firoottanshii biraa eeyyama argatee hanga isheen heerumtutti kan tiksuufi firoottansheetiin beekamtii qabuudha.

Gaarayyuun dhiiraa  intala gaarayyuu wayita baafatu bakka firoottansaanii jiranitti waadaa sadii galuudhaani. Waadaan kunis “Qaalii” jedhama.

Haaluma kanaan jaalalleewwan ykn gaarayyuuwwan lamaan waljaalachuuf firoottansaanii dhiyoo keessaa lama lama dhiyeeffachuun “Qaalii” waliigalu.

Qaaliin jalqabaa gaarayyichi gaarayyittiif galu 1. “Qaaliin kiyya qaalii jaalalaati na harkaa fuudhi” jedha,  Gaarayyittiinis sirraa fuudhe(Sijaaladhe) jetti. Kana jechuun qaaliin keenya waljaalachuuf hiriyyummaaf qofa malee walitti hinbuunu jechuudha.

2.“Qaalii hamilee naharkaa fuudhi” jedha, Gaarayyittiinis sirkaa fuudhe jetti. Qaalii hamilee jechuun waljaalanna wajjin baanee wajjin galla, hamilee waliif taana garuu walxuquun ykn saalquunnamtii saalaa raawwachuun dhorkaadha jechuudha.

3. “Qaalii Gaaddisa alaa (Dhiba) na harkaa fuudhi” jedha, gaarayyittiinis si harkaa fuudhe jetti. Qaalii Gaaddisa alaa  jechuun hiriyyummaan keenya bakkeettidha malee kan mana keessaa jaalala abbaa manummaaf haadha manummaa  miti jechuudha.

Waliigaltee kana keessattis, quunnamtii saalaa raawwachuun waan biraa keeysa galuun hindandahamu jechuudha. Waadaan ykn qaaliin kun bakka firoottaansaanii argamanitti waliigalamee gaarayyuu walbaafatanidha.

Gaarayyichis guyyaa waadaa kana raawwaterraa kaasee intalaaf Hirma Adii (qabattoo gogaarraa hojjetamuufi adii) shamarran Walloo mudhiitti hidhatan, saamunaa, shittoo bituufiin wajjin bashannanuu eegalu.

Waadaa kana keessatti gaarayyuun intalatti bu’uun yakka hammaataa waan ta’eef waadaa waliigalan kanaan bakka sirbaa, qoraan, gabaafi bakkeewwan adda addaa wayita deeman waliin socho’u. Bakka sirbaatti gaarayyittiin gaarayyuusheetti qofa sirbiti.

Eeyyamasaatiin ala dargaggeessa biraa waliin walitti sirbuu hindandeessu. Kanamalees gaarayyittiin gaarayyuusheetti hinheerumtu. Durbi tokko gaarayyuu dhabuun fafaa’ummaa ta’ee waan lakkaa’amuuf hunduu qabachuun aadaadha.

Shamarri Walloo tokko guyyaa gaarayyuu baafattee kaastee gaarayyuushii waliin bilisumman baatee galuun kan jiru yoo ta’u, maatiinshiis sirna Kalahoo jedhamu qopheessuun gaarayyuushii mana barsiisu.

Kalahoo jechuun tapha jaalalaa gaarayyichiifi gaarayyittiin mana maatiisheetti wala arganii taphataniidha. Mana cinaatti kal’een hafameefii irra ciisanii ykn taa’anii yaada garaasaanii taphatu.

Kun ta’us dogoggoraan gochaa hinmalle keessa seenuun adabbii olaanaa waan qaqqabsiisuuf daangaa eeganii taphatu. Gaarayyichi hanga intalli heerumtutti ittigaafatamummaa guutuu kan qabu waan ta’eef akka mataasaatti eeggataaf.

Dhiirri kamuu durba hirma adii hidhatte tuquun alseerummaadha. Tuqee argamnaan gaarayyuunshii itti bahee tarkaanfii hamaa irratti fudhachuu waan dandahuuf durba hirma mudhiirraa qabdu hundatu safeeffata jechuudha.

Kun ta’us intalli gaafa heerumtu yoo durbummaa dhabde kan ittigaafatamu gaarayyicha.

Haaluama kanaan durbummaan intalaa yoo bade gaarayyichi waadaa cabse waan jedhamuuf loon 50 adabama. Kanamalees yeroo 40 arangamaadhaan dugdarra reebama.

Dabalataanis abbagaaritti dhiyaatee biyyaa akka bahu murteen itti murtaahuu dandaha.Egaa gaarayyichi adabbiifi tarkaanfii cimaa kana jalaa of baraaruuf intala gaarayyuu baafate sana akka ijasaatti kunuunsee heerumsiisuun dirqama aadaati.

Intalli tokko heerumtee durbummaa qabaachuufi dhabuushee kan hordofuufi gadi baasee kan himu “Lukuskusii” jedhama. Lukuskusiin kun jiraachuu durbummaa dhagahee gammachuu ibsuun ala yoo dhibes gadi baasee himuun adabbiin abbagaar gaarayyicharrattis ta’e  intalarratti akka darbu taasisa.

Haaluma kanaan intalli heerumtee sirni Qulfoo guyyoota 15f mana warra gurbaatti gaggeeffama. Sirna Qulfoo kanarratti hiriyyoonni gurbaa guyyoota 15f mana gurbaatti misirroota gammachiisuuf aadaa sirbaafi nyaataaf dhugaatii  gaggeeffamu dha.

Kanamalees  intalli yoo durbummaa dhabdeetti ta’eef hamileeshii buusuuf sirnicharratti nyaannis dhugaatiinis hir’uutu kennamaaf.

Hir’uu nyaachuunshiis ta’e hir’uu dhuguunshii intalti heerumte durbummaa waan dhabdeef adabbii hamilee irratti fudhatamu yoo ta’u, hanga ji’a tokkootti gaggeeffama.

Kun wan ta’eef qeerroon tokko intala durba taate kana karaatti argee “Qarree Hamilee harricha natti kenni” jedhee wayita gaafatu Gallabni abbaa qaba jettee bira tarti.

Kana jechuun  kaadhimaa akka qabduufi harrittiin kansaa qofa ta’uu kan itti eertudha.

Walumaa galatti; Oromoon Walloo saba aadaa boonsaa qabu, aadaasaa kanas kunuunsee dhaloota ammaaf dabarsaa jiruudha.

Dhaloonni har’aas qabsoo abboonnisaanii sirna aadaafi duudhaasaanii tiksanii asiin gahan kana tiksee dabareesaa dhaloota ittaanuuf dabarsuu qaba jedha odeeffannoon tev OBS irraa argame.  

Waasihun Takileetiin 

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013

Recommended For You