Oromiyaa Ijaaruun Itoophiyaa Utubuudha !

Bayyanaa Ibraahimiin

Namni tokkummaafi birmadummaa Itoophiyaa jaalatuufi hawwu kamiyyuu ijaaramuufi misoomuu Oromiyaa jibbuufi balaaleeffachuuf sababa qabaachuu hin danda’u.

Oromiyaa handhuura Itoophiyaatti kan uume uumaadha malee humna biraa miti. Isa uumaan handhuura godhee uume humnaafi daba garaa garaa sirnootni gita bittootaa raawwachaa turaniin moggaatti dhiibuuf yaadanis hanga har’aatti hin milkoofne.

Manni utubaa cimaatiin hin ijaaramne gaafa obonboleettii cimaan tokko  dhufe tasa diiggamuunsaa waan hin oolle.  Biyyi utubaafi handhuura cimaa irratti hin ijaaramnes haala salphaa ta’een kan raafamtu waan taateef, gaafa Oromiyaan ijaaramtuuf misoomtu aariin ija deemeeffachuu osoo hin taane, hooggantoota sana raawwatan galatoomfachuu qabu.

Bu’uruma kanaan tibbana kitaabotni mata durewwaan ; Oromiyaa Ijaaruu, Dinagdee Maatiin Oromiyaa Ijaaruufi Tarsiimoo Indaastiraalaayzeeshinii Oromiyaa Jedhaman Pirezedaantii Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin barraa’anii qindeessummaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Waajjira Pirezedaantiitti eebbifamuun isaanii ni yaadatama.

Kitaabotni kunniin Jijjiirama Bu’uuraa Fiduuf Barreeffamoota Paakeejii Jijjiiramaa qabatanii kan qophaa’an yemmuu ta’u,tarsiimoo ammaayyaawaa jijjiirama siyaas dinagdee naannichaa fooyyeessuuf karaa saayinsaawaan qoratamanii kan qinda’anidha.

Bu’uruma kanaan,Kitaabota kanneen keessaa Mata Duree “Oromiyaa Ijaaruu” jedhu qabiyyeewwan yaada haaraa,Oromummaa,maalummaa injifannoo,aadaa oromoo kaleessaa fi har’aa,Birokiraasii Oromiyaa fi ce’umsa Mootummaa,Nageenya Oromiyaa,ijaarsa dinagdee Oromiyaa,Turizimii Oromiyaa fi hojiiwwan dhaloota haaraa uumuu fi ceesisuu jedhaman kan qabateedha.

Wantoota ciccimoo kitaabicha keessatti caqafaman keessaa torbee kanaaf Kutaa 1ffaa isaa akka armaan gadiitti dhiheessineerra.

Seen Duubee(Back Ground)

Itoophiyaan biyya lafa Oromoorratti riqummaa (ladder) Oromootiin, utubamummaa Oromootiin, waaltaafi dagalummaa Oromootiin hundeeffamtedha. Gadi siqnee yaada kanatti kan deebinu yoo ta’u, jabinni Oromoo cimina Itoophiyaas akka ta’e hubachuu barbaachisa. Oromoofi Oromiyaa ijaaruun kan isaan yaaddessu yoo jiraatan kallattiinis ta’e al kallattiin, galeefiis ta’e osoo hin galiiniif kan isaan yaaddessu cimina Itoophiyaati jechuudha.

Naannoo kam caalaa sabaafi sablammoonni Itoophiyaa kanneen biroon bal’inaan keessa tamsa’anii kan jiraatan Oromiyaa keessadha. Cimuun Oromiyaa cimuu sabaafi sablammoota kanneen birootis. Muuxannoon kun gara naannoleefi sab-lammoota birootti salphaattii darbuuf carraa inni qabus bal’aadha. Oromoon seenaasaa keessatti ummattoota kansaa hin turre kansaa godhachuudhaan beekama.

Haalli jireenya isaa, adaasaafi haqa qabeessummaan ummattoonni biroon ummata kam caalaayyuu onnee guutuudhaan Oromootti maxxananiifi walmakanii jiraachuu isaan dandeessiseera. Oromoon ummata kansaa hin taane ofitti makuuf baay’ee hin rakkatu. Kanaaf, aadaa gabbataa qaba. Moggaasa (namoota fedhiidhaan gosatti makuu), guddifachaa (daa’ima Ormaa guddifatanii kan ofii godhachuu), Ilma-mixii, ilma-barcumaa (daa’ima boojuu guddifachuu) …wkf aadaalee ummata biroo ittiin ofitti makaa turedha.

Waan biraan hafnaan, warreen adiin aadaa isaarraa fagoo bakka ta’erraa dhufanillee (kanneen Itoophiyaa hin taane) gara Oromummaatti jijjiramuu/dhufuuf hinrakkatan. Oromoon sirna siyaasaa gita maleessaa Maarksiizimiifi Leeniniizimiin falmuuf hunda dursee sirna ijaaree kan itti jiraataa turedha.

Sirni Gadaa isaa gitamaleessa (egalitarian) akka ture hayyoonniifi qorattoonni dhugaa bahu. Kaayyoon barreeffama kanaa inni guddaan sirna Gadaa Oromoo hubachiisuuf kan barreeffame ta’uu baatus, adeemsa ijaarsa Oromiyaafi Oromummaa keessatti qajeeltoowwan (Principles) bu’uuraa Gadaa dagachuun garuu mana utubaa hin qabne ijaaruu ta’a.

Bulchiinsi dimookraatawaafi walharkaa fuudhinsi aangoo karaa nagaa hedduu dubbatamuufi kan danda’u sirni Gadaa, amalasaatiin baay’ee naga qabeessa; jaalala, tokkummaa, walkabajuun kanneen biroo hammachuu, waldanda’uu, adda addummaafi waldhibdee karaa nagaa hiikuu kan bu’uura godhatedha. Murteewwan kennaman martii haqa qabeessa kan ta’anidha. Adabbiiwwan isaa lama hedduu kan barsiisaniifi kan gorsa giddugaleessa godhatanidha. Kun har’as Oromoo Booranaafi Gujii biratti, akkasumas Oromoota aadaa isaanii osoo gadi hin lakkisiin jiran biratti haqa mul’atu malee seenaa irraanfatamee bade miti. Dhuguma Gadaan Oromoota biratti laafee tureera. Bakka tokko tokkotti maqaa isaa irraan kan hafe qajeeltoowwan, kabajaafi shaakalli isaa baduurra gahaniiru. Sababa kun ta’eef ilaaluun har’arratti Oromummaa ijaaruuf carraaqqii godhamuuf ni fayyada. Sirni Gadaa laafuun sadarkaa guutumaan guutuutti jedhamuu danda’uun Oromoo dadhabsiiseera. Maddi cimina Oromoo sirna Gadaa isaa ture. Sirni Gadaa kan laafe dhiibbaawwan keessoo isaafi alaatiin ture. Rakkoowwan keessoo keessaa inni tokko adeemsa keessa dheerina yerootiin jireenyi Oromoo nannoowwan guutumaan guutuutti gara hojii qonnaatti jijjiirametti qabeenya dhuunfaa horachuun daran kan nama kabachiisu ta’aa dhufuusaati.

Yeroo qabeenyi dhuunfaa dabalaa dhufu wal dhaggeeffachuu dhabuun mumul’achaa deemeera. Yeroo isaanii baay’ee hojiiwwan waloorra hojii dhuunfaarra oolfachuufi bu’aa argamutti quufuun suuta suuta sirna Gadaa, guutummaattis ta’uu baatus, kabajuu dhiisuun uumamaa akka dhufe abbootiin ni hubachiisu.

Naannoo tokko tokkotti immoo abbootiin Gadaa yeroo isaanii eeganii aangoo dabarsuu dhiisuufi bakka jijijjiirrachuun aangoorra turuuf yaaluun sirnicha akka laaffise ni dubbatama. Aadaan kabaja guddaa of keessatti kan qabate waan ta’eef akkuma fedhe jedhanii yeroo dheereffachuuf yaaluun kabaja isaa sana faayidaa dhuunfaa ofiif oolfachuuf barbaaduun haalli inni itti mul’ate jira.

Kunis atakaaroo adda addaa, waldhaggeeffachuu dhabuu, qindoomanii socho’uu dadhabuu, abbaa Gadaa aangoo dabarsuu dideef abboomamuu diduu; kunis walsukkuumuu hordofsiisee sirnicha laaffise. Sirni Gadaa kun baroota keessatti bakka tokko tokkotti daran laafuu isaatiin ummatichi qoqqoodamuun tokkummaa isaa dadhabsiiseera.

Mootonni Oromoo adda addaa uumamani bulchiinsa mataa isaanii akka hundeeffatan isaan taasiseera. Oromoon Yajjuu seenaa mootota Goondor keessatti qooda guddaa akka qabu kan beekamudha. Kanneen kaan immoo naannoowwan Kibba Lixaa keessaatti bulchiinsa mataa isaanii uummatanii yeroo dheeraadhaaf bulchaniiru. Haata’u malee, gargar ciccituufi laafuu tokkummaa Oromoo akka carraa gaariitti eeggachaa kan tureefi irra deddeebiidhaan irree tokkummaa Oromoo argaa kan ture gitni bittaa sadii ollaa qawwee warra adiirraa argateen deeggaramee bulchiinsota Oromoo addaan faca’anii turan humnaan weeraree gabbarsiisuu danda’eera.

Gitni bittaa halagaa haaraan kun madaallii humnaa ilaaluudhaan Oromoo isa nagaadhaan harka kennate isa fincile irrattii duulchisuun ummaticha walii waliisaa waraansisuudhaan akka qoqqoodamuufi daraan akka dadhabu godheera.

Sirna Gadaa ummaticha tokko taasise laaffisuufi bokkuun Gadaafi abbaan duulaa tasuma dadhabee turuu isaatiin iddoowwan baay’eetti ummatichi qophii gahaa malee humna diinaa jabaa qawwee ammayyaa hidhate eeboofi goraadeen kiphee aarsaa ulfaataa kafaleera.

Maayyiirrattis, kutaalee biyyaa hedduutti qoqqoodamee, tokkummaan isaa badee gabbaarii/ ciisanyaa/ ta’ee baroota hedduuf bitameera. Dhuguma Itoophiyaan akka biyyaatti erga hundooftee booda Oromoon humna koloneeffataa alaa dhufe jilbeenfachiisuuf lolawwan gaggeeffaman keessatti gahee adda durummaa taphateera.

Tokkummaa Itoophiyaafi kabajaa biyyaa eegsisuu keessatti addi waraanaa Oromoon hiriiree itti hin loliin hin jiru. Hoggantoonni waraanaa jajjaboofi bebbeekamoon ummata kana keessaa dhalataniiru. Loltummaafi gootummaa dur abbootii isaanii irraa dhaalan sana birmadummaa Itoophiyaa eeguuf itti fayyadamaniiru. Kunis ta’ee garuu, hanga xumura bara mootummaa mooticha Hayilasillaseetti Oromoon moototaafi qondaalota isaaniin hacuuccaan hamaan irra gaheera. Jabinni isaa sun irraanfatamee, akka ummataatti ofitti akka qaana’u godhameera. Arrabsoon, salphisuun, tuffiin wkf irra gaheera. Afaansaa tuffatameera; aadaansaa gabbataan sun arrabsameera. Gitni bittaa kun tokkummaa ummata kanaa adeemsa seenaan erga hubatee eegalee baay’ee waan sodaateef hanga isaa danda’ametti akka qoqqoodamu godheera.

 Gosoonni bakka amma Finfinneen itti hundeeffamte jiraataa turan osoo hin hafiin walii isaanii akka wal waraanan, dabaree dabareen akka wal dadhabsiisan; dhumarrattis dhiibamanii gara moggaattii akka ariyaman ta’uu isaa barreeffamoonni seenaa galmeessaniiru.

Walumaagala ummatichi ba’aa bulchiinsaa ulfaataa keessa darbeera. Sirna ciisanyaafi gabbaarii keessatti qabeenyi isaa saamamee hiyyummaa hammaataaf saaxilameera.Suuta suuta ajandaan siyaasa Oromoo gara qabsoo faca’aa, sirna bittaa hamaa kana ofirraa buqqisee gatuuf taasifamuutti ce’e. Kanneen keessaa akka fakkeenyaatti: Qabsoo qonnaan bultoota Baalee, Qabsoo Waldaa Maccaafi Tuulamaa, Qabsoo Waloofi dhuunfaa barattoota Oromoo, akka dhaabaattis Adda Bilisummaa Oromoo, jechaa qabsichi akkanatti itti fufe.

Dhaabbilee siyaasaa ilaalcha 4 Maarkisistii fi Leeninistiin socho’an keessatti hirmaachuudhaanis saboota sablammoota ummattoota cunqurfamoo Itoophiyaa biroofis bilisummaafi dimookiraasiin akka dhufuuf dargaggoonni Oromoo qabsoo cimaa godhaniiru. Baay’een isaanii hidhamaniiru; garafamaniiru, ajjeefamaniiru; ukkaamfamanii achi buuteen isaanii dhabameera. Baqataniis biyyaa bahaniiru. Walumaagalatti cunqursaa sabaafi cunqursaa gitaa mala adda addaan hanga wareegama lubbuutti wal’aansoo qabaniiru.

Maayii irrattis qabsaa’ota sabaafi sablammoota biroo waliin ta’uun sirna fiiwudaalaa ukkaamsaa sanaafi isatti aanees kan dhufe sirna bulchiinsa waraanaa gara jabeessa sana jigsaniiru. Bu’aa isaatiinis Oromiyaan Federaala Itoophiyaa keessatti akka naannoo tokkootti hundaa’uun Oromoota kutaalee biyyaatti bibittinnaa’anii jiraatan bakka tokkotti walitti sassaabde.

Oromoon afaansaatiin barachuu eegleera. Akka aadaasaa guddifatuufis carraan uumameera. Naannoo isaa keessatti ofii isaan akka of bulchuuf heera mootummaa naannoo isaa tumachuun, mirga sabaafi sablammoonni Itoophiyaa biroon argatan argateera. Haata’u malee bulchiinsi kun Oromoo ilaalchisee hanqinoota tokko tokko qaba ture. Lafasaa irratti; isumaayyuu handhuura irratti kan hundeeffamte magaalaan guddittii biyyattii tumaa heera mootummaa keewwattoota jallinaan kaa’amaniin “teessoo Mootummaa Federaalaa; kan bulchiinsaafi mana maree mataa ishee qabdu, itti waamamni ishees federaalaaf kan ta’e haa ta’u” jechuudhaan gochi jallinaa irratti raawwateera.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013

Recommended For You