Moggaasa maqaa Magaalaa Galaaniifi gandootashee

Natsaannat Taaddasaatiin

Magaalaan Galaan magaalota Godina addaa Naannawa Finfinnee keessaa tokko yoo taatu, karaa bahaatiin Finfinneerraa kiiloo meetira 25 fagaattee argamti.

Magaalaan Galaan Adoolessa bara 1999 bu’uura labsii mootummaa naannoo Oromiyaa lakkoofsa 65/1995tiin magaalaa Oromiyaa sadarkaa 2fa ‘A’ taatee kan hundoofte yoo ta’u, caaseffamaafi gurmaa’ina sadarkeessuu magaalaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara 2008 irra deebi’ee fooyyesse labsii lakkoofsa 195/2008n  immoo  magaalaa Oromiyaa sadarkaa olaanaa jedhamte.

Magaalaan Galaan moggaasa maqaa Galaan jedhu kan argatte gosa Oromoo Tuulamaa (Daaccii, Bachoofi Jiillee) keessaa Galaan damee sadeen Tuulamaa keessaa ilma hangafaa, Daaccii irraayi. Galaan hortee ja’a qaba. Isaanis (Jidda, Liiban, Warra Jaarsaa, Aabbuu, Ada’aafi Gaadulla) jedhamu.

Magaalaan Galaan seena qabeessummaa maqaa “Caffee Tumaa”  jedhamu waliin hidhata qabdi. “Caffee Tumaa” ardaa jilaa Galaan keessatti argamuufi Oromoon Tuulamaa miseensa shanan Gadaatiin waggaa saddeet saddeetiin ardaa itti godaanee dabareen seera Gadaa itti tumuufi itti lallabuudha.

Moggaasni Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa “Caffee Oromiyaa” jedhamus, ardaalee yaa’iin Gadaa itti godaanu kanaafi seerri ittiin bulmaataa irratti tumamu kanarraa ka’ee kan moggaafameedha.

Kanaafuu mootummaan naannoo Oromiyaas Caffee ykn gumii bakka bu’oota ummataa “Caffee Oromiyaa” jedhee moggaasa ganamaa Gadaarraa fudhachuudhaan bulchiinsa siyaasaa ammayyaatti makee naannicha ittiin geggeessaa jira.

Waajjirri Aadaafi Tuurizimii Magaalaa Galaan guddinaafi dagaagina afaan, aadaa, aariifi seenaa ummata Oromoo guddisuufi qabeenya tuurizimii uumamaafi namtolchee misoomsuufi kunuunsuuf hojjechaa jira. 

Magaalaan Galaan  iddoo hambaa aadaafi Seenaa Sirna Gadaa   Oromoo Tuulamaa waliin hidhata cimaa qaba. Magaalattiitti iddoowwan hawata turizimii ta’uu danda’an afur qorannoodhaan adda bahaniiru.

Isaanis: 1. Caffee Dongoraa:  iddoo Qaalluun warra Marii Galaan tureefi Gadaan Muudaaf itti deemuudha.

 2. Caffee Tuulamaa:  Seerri Gadaa Odaa Nabeetti itti aggaamamee tureefi Caffee Dongoraatti afaan itti saaqqatan  tokko tokko Caffee Tumaatti mariifi erga falmiin cimaan irratti adeemsifamee booda ardaa jilaa kanarratti tumaan seeraa geggeeffama. Seerri Dongoraatti afaan saaqame Caffee Tuulamaatti irra deebi’amee ibsa waliin himama. Caffee Dongoraatti gaaffiin hinkeessummeeffamu. Caffee Tuulamaatti gaaffii dhiyaatuuf ibsi ni kennama.   

3. Handoodee Tumaa (Dhakaa Koraa): Seerri Caffee Tumaarratti tumame irratti waliigalamee xumurame hundi  Handoodee Tumaa (Dhakaa Koraatti) lallabuun goolabama.

4. Holqa Koraa Maariyaam fi Holqa Gabri’eel: holqoonni kunneen jaarraa 16fa keessa akka hundeeffaman ragaaleen adda addaa ni mul’isu.

Moggaasni maqaa gandoota magaalaa galaanis aadaa, seenaafi Sirna Gadaa wajjin walqabatu. Fakkeenyaaf:

  1. Ganda Caffee Tumaa (Abbaa Muudaa): Caffeen Abbaa Muudaa bakka aadaa, seenaafi safuu guddaa qabuudha. Sirna Gadaa keessatti Odaa nabeerraa gara Caffee Tumaatti (Caffee Abbaa Muudaatti) yeroo godaanan Seerota Seera caalan (Seera Ilkee) jechuun (Seera Waaqaa, Seera Lafaa, Seera Abbaa, Seera Haadhaa, Seera Tulluufi Seera Malkaa) jechuun iddoo kanatti korma qaluudhaan halkan tokkoof irra bulanii kan seerrataniidha.

Bakka kana  Garba gurraacha afur (Garba Ateetee, Garba Warabboo, Garba Baroodaafi Garba Miiccaa) akka ta’aniifi tajaajila aadaa, seenaa, duudhaafi safuu kennuudhaan beekamaniidha.

2. Moggaasa Caffee Kormaafi Goromsatu Madda Walaabuutti ka’e: Abbaan horii bokkuu harkatti qabatee, haati horiis siinqee, gaadiifi okolee qabattee horii kana faana adeemsa eegalan. Ardaalee jilaafi bakkeewwan ulfoo Oromoo agarsiisan hedduutti goraa darbaa erga turanii booda Odaa Nabee gahan.

Iddoo kanatti goromsi many’ee mul’iste. Yeroo kana haati loonii Odaa kana ni muudde. Odaa kanas Odaa Nabee jettee moggaaste. Booda adeemsi jaraa itti fufee Caffee Dongoraa (Caffee Abbaa Muudaa) gahan. Yeroo Caffee Dongoroo gahan goromsi oota (bihsaan mataa) dhangalaastee jilbeenfattee yeroo lafa haatu lafa goromsi lafa haatee bishaan bahe. Lafa bishaan bahe kanaanis Caffee jedhan.

3. Ganda Tulluu Gurraachaa: Moggaasni maqaa ganda kanaaf kenname osoo ummatni lafa kanarra hinqubatin namichi maqaansaa ‘Gurraacha” jedhamu lafa ol ka’aa (tulluu) naannawaansaa magariisa ta’erratti loon horsiisaa lafa qotee midhaan nyaataa omishuun jiruufi jireenyasaa geggeeffachaa ture jedhama.

Akka odeeffannoo maanguddoota biyyaarraa argametti, naannoo kanatti babal’ifannaa lafa looniifi qonnaa wajjin walqabatee yeroo ummanni naannawaa tulluu kanaa jireenyaaf qabatu, naannawicha namni qubsumaan dursee qabate namicha ‘Gurraacha’ jedhamuudha.

Namichi kun lafa ol ka’aarra jiraachaa waan tureef moggaasni lafa naannawichaa ‘Tulluu Gurraacha’ jedhamee moggaafame jechuun maanguddoonni odeeffannoo nuu kennaniiru.

Ittidabaluunis dur yeroo geejibni hinjirretti namoonni naannawa adda addaarraa miilaan daldalaaf gara Finfinnee deeman bakka bultii yeroo walgaafatan “Kooticha Gurraacha” bullee waliin jedhaa akka turan odeeffannoon maanguddoota naannawaarraa arganne ni mul’isa.

4. Ganda Mareenoo: Moggaasni maqaa ganda Mareenoo bara mootummaa abbaa irree ilmaan jahaan Galaan keessaa gosa Liibanirratti weerarri (lolli) waan banameef gara lafa yeroo durii kaasee hanga ammaatti Mareenoo jedhamtee waamamtu kanatti baqachuun sirna abbaa irree ofirraa fonqolchuuf (kaasuuf) gosti Liiban marii geggeeffatan.

Moggaasni maqaa ganda kanaas marii gosti Liiban geggeeffaterraa ka’uun mareenoo jedhame. Liiban Gaara hintuffatu Tulluu jala teessi jechuun mammaaksaan dubbatu jedhu maanguddoonni ganda Mareenoo.  

Maddi: Barruu Simboo Galaan Waxabajjii 2013 ba’e

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013

Recommended For You