Qonnaan bultoota Finfinneetiif galteewwan qonnaa bilisaan dhiyaachaa jiru

Natsaannat Taaddasaatiin

Kanaan dura lafa qonnaan bultoota magaalaa Finfinneefi naannawaashee malee qonnaan bulaaf xiyyeeffannaan kennamaa hinture. Lafti qonnaan bultoota kunneen maqaa misoomaafi invasimantiitiin seeraan ala saamamaafi qarshii laficha hinmadaalleen irraa fudhatamaa ture.

Mootummaa jijjiiramaatii as garuu lafa qonnaan bulaa utuu hintaane qonnaan bulaatu barbaadamee deggeramaa jira. Kanneen kanaan dura utuu beenyaa gahaa hinargatin lafasaaniirraa buqqa’anis barbaadamanii mana waliin jireenyaa akka argatan ta’eera.

Akkasumas gurmaa’anii hojiilee gara garaarratti hirmaachuun ofiifi maatiisaanii akka jiraachisan taasifamaa jira. Qonnaan bultoota lafa qonnaa qabaniif ammoo sanyii filatamaan, xaa’oofi qorichi farra aramaa kaffaltii tokko malee dhiyaachaa jira.

Finfinnee, Kutaa Magaalaa Qaallittiitti, Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaan Bulaafi Misooma Qonna Magaalaa Obbo Zannabaa Wayyeessaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, kutaan magaalaa kun aanaalee 13 kan qabu yoo ta’u, isaan keessaa aanaaleen 12 qonnaan bultoota ni qabu. Waajjirichis qonnaan bultoota kunneeniif deggersawwan gara garaa taasisaa jira. Kilaastaraan qotuun Finfinneetti hinbaratamne ture. Yeroo ammaa garuu qonnaan bultoonni gurmaa’anii kilaastaraan akka qotaniifi deggersawwan gara garaa taasisaafii jiraachuu himu.

Waajjirichi qonnaan bultoota kutaa magaalichaatti argamaniif sanyii filatamaa, xaa’oofi farra qoricha aramaa bilisaan dhiyeessaa kan jiran ta’uu kan himan Obbo Zannabaan, ogeessonni qonnaas qonnaan bultoota kana ogummaadhaan akka deggeran taasifamaa jiraachuu eeran. Deggersi kun omishniifi omishtummaan qonnaan akka guddatuufi jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Baroota dheeraadhaaf Finfinnee keessa qonnaan bulaan hinjiru jedhamaa ture kan jedhan jedhan ittigaafatamaan waajjirichaa, yeroo ammaa garuu qonnaan bultoonni magaalattii keessa kan jiran ta’uun qabatamaan mul’achaa jiraachuu dubbatu.

Fakkeenyaaf aanaaleen kutaa magaalichaa keessaa ja’a qonnaan bultoota hedduu qabu. Qonnaan bultoonni kunneen omishaafi omishtummaasaanii guddisanii ofiifis jijjiiramanii ummata magaalattii akka hinsoorreef deggersi barbaachisu taasifamaafii kan hinturre ta’uu himaniiru.

Guutummaatti ta’uu baatus teknolojiin qonnaa qonnaan bultoota naannolee bira erga gahee tureera kan jedhan Obbo Zannabaan, qonnaan bultoonni kutaa magaalichaa sararaafi kilaasteraan akka qotaniifi facaasan taasisuun kan jalqabame waggaa darbe ta’uus beeksisaniiru.

Hojii kana barana bifa qindaa’een akka itti ufuuf hojjechaa jiraachuufi kunis omishaafi omishtummaa qonnaan bultootaa guddisuu keessatti gumaacha guddaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Akka Obbo Zannabaan jedhanitti, barana kutaa magaalichaatti waldaalee bu’uuraa shan hundeessuudhaan galteewwan qonnaa (sanyii filatamaa, xaa’oofi qoricha farra aramaa) qonnaan bultootaaf akka dhiyeessan ta’eera. Qonnaan bultoonni kutaa magaalichaa irra jireessaan xaafii, qamadii, misiraafi shumburaa omishu.

Bara darbe lafti tokkollee soomii buluu hinqabu sagantaa jedhuun lafti balfi itti gatamaa turellee qulqullaa’ee akka qotamu ta’eera. Hojiin kun omishaafi omishtummaan qonnaa akka guddatu taasisuu keessatti gahee waan baranas ittifufiinsaan raawwatamaa jira.

Qabatamaan kutaa magaalichaa keessa qonnaan bultoonni kuma sadiifi 200 jiraachuus himanii, qonnaan bultoota kunneen kan lafti qonnaa irraa fudhatame, kan lafa qonnaa xiqqoofi bal’aa qaban jechuun bakka sadiitti qooduun ni danda’ama.

Kanneen lafti qonnaasaanii kanaandura irraa fudhatame gurmaa’anii hojii qonna magaalaa, loon furdisuufi lukkuu horsiisuurratti akka hirmaatan taasisaa jiraachuus himanii, kanneen lafa qonnaa qabaniif ammoo galteewwan qonnaa deggersaan dhiyeessaafii jiraachuu dubbataniiru.

Kutaan magaalattii qabeenya bishaan lafa jalaa dhiyeenyatti argamu guddaa waan qabuuf utuu qaamni dhimmi ilaallatu boolla qotee bishaan lafa jalaa baasiifii qonnaan bultoonni waggaatti yeroo lamaa ol omishuu ni danda’u kan jedhan Obbo Zannabaan, biyyoonni akka Kanaadaa deggersa qamadii kan nuu taasisan lafa qonnaa bal’aa biyya keenya caalu qabaatanii utuu hintaane teknolojii qonnaatti fayyadamuufi waggaatti yeroo lamaa ol qutuudhaan ta’uu eeran.

Qonnaan bultoonni Kutaa Magaalaa Aqaaqii teknolojii qonnaatti fayyadamanii waggaatti yeroo lamaa ol utuu qotanii ummata Finfinnee sooruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruun ni danda’u jedhu.

Bishaan lafa jalaa baasanii jallisiif ittifayyadamuun baasiifi muuxannoo kan barbaadu ta’uus himanii, Ministeerri Qonnaa dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennee utuu hojjete qonnaan bultoonni kutaa magaalichaa waqtii bonaa qamadiifi xaafii facaasuu akka danda’aniifi hojiin misooma jallisii akka babal’atu kan taasisuudha jechuun eeraniiru.

Omishaafi omishtummaa qonnaan bultoota kutaa magaalattii guddisuuf waajjirichi barana sanyii filatamaa qamadiifi xaafii akkasumas xaa’oofi farra aramaa bilisaan qonnaan bultootaaf kan dhiyeesseef ta’uu himanii, kutaan magaalichaa tiraaktara qonnaa tokko waajjirichaaf kan taasise ta’uus dubbataniiru.

Sagantaa ‘Ashaaraa Magariisaa’ milkeessuufis waajjirichi waldaalee 161 biqiltuuwwan qopheessan hundeessuudhaan hojiilee bal’aa hojjechaa turuu himanii, waldaaleen kunneen biqiltuuwwan qopheessanii gabaaf dhiyeessaa jiraachuu beeksisaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee kanaan dura qonnaan bulaan utuu hintaane lafasaa qofa barbaadaa turuu kan dubbatan Obbo Zannabaan, yeroo ammaa garuu qonnaan bulaaf sanyii filatamaa, xaa’oofi qoricha farra aramaa bilisaan dhiyeessuun jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuuf hojjetamaa jira jedhan.

Qonnaan bultoota kanaan dura lafasaaniirraa beenyaa gahaa utuu hinargatin ka’anis waldaadhaan gurmeessuun hojiilee gara garaarratti hirmaachuun akka of danda’an taasisaa jiraachuu eeranii, qonnaan bultoonniifi ijoolleensaanii mana waliin jireenyaa akka argataniif haalli mijaa’uu ibsan.

Obbo Alamuu Nadhii Kutaa Magaalaa Aqaaqiitti qonnaan bulaa Ganda Koyyeeti. Akkasaan jedhanitti, duraan lafa qonnaa heektaara 10 qabanirra xaafii, qamadii, baaqelaa, atara, shumburaafi akaakuuwwan midhaan gara garaa facaasaa bara 2004 lafti isaanii sababa ijaarsa mana waliin jireenyaatiin irraa fudhatamee yeroo ammaa lafa heektaara sadii ta’u kan harkatti hafe ta’uu dubbatu. Beenyaan yeroo sana kaffalameef lafa qonnaa kaaree meetirii tokkotti qarshii 18.507, lafa dheedichaa kaaree meetirii tokkotti ammoo qarshii sagaliifi saantima 25 qofa ta’uu eeraniiru.

“Lafa kana guyyaa tokko qofa nu waamanii walga’ii nu teessisanii akka lafichi nurraa fudhatamu nutti himan” kan jedhan qonnaan bulaan kun, qonnaan bultoonni 200 ol ta’an yeroo sana walga’icharratti hirmaatan boo’aa gara manaatti deebi’an.

“Yeroo sana lafti bal’aan Finfinnee keessa utuu jiruu nu dhiibuuf jecha gara moggaatti dhufanii lafa qonnaafi dheedichaa heektaara 854 guyyaa tokkotti nurraa fudhatan. Aarii kanaan qonnaan bultoonni du’aniifi sammuunsaanii miidhamee biyyaa badan baay’eedha. Kaan ammoo hanga ammaatti waa’ee lafasaanii yeroo yaadan kan boo’an ni jiru” jechuun dubbatu.

“Qonnaan bultoonni lafasaaniirraa buqqa’an hedduun rakkoolee hasaasummaa gara garaaf waan saaxilamaniif ana dabalatee ijoolleesaanii barsiifachuu hindandeenye” kan jedhan qonnaan bulaan kun, dur aannan, dhadhaa, midhaan, tumaalessa hoolaa, re’ee manaa fuunee itti fayyadamaafi walitti dhuufnee ammoo sangaa qalannee nyaachaa turre jechuun darbe yaadachiisu.

Yeroo ammaa garuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee gara qonnaan bultootaatti gad bu’ee mari’achiisaafi deggersawwan gara garaa taasisaafii jiraachuu himanii, omishaafi omishtummaasaanii guddisuuf sanyii fimalataa, xaa’oofi qoricha farra aramaa kaffaltii tokko malee qonnaan bultootaaf dhiyeessaafii jiraachuu himu. Bara darberraa eegalanii lafasaanii sirriitti qotanii sanyii sararaan facaasuun omisha gaarii kan argatan ta’uufi baranas kan dura darbeerra haala gaariin qotanii facaasuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

Yeroo ammaa mootummaan qonnaan bultoota bara 2004 guyyaa tokkotti lafti heektaarri 854 irraa fudhatameefi ijoolleesaaniitiif mana waliin jireenyaa akka argatan taasiseera kan jedhan qonnaan bulaan kun, akkasumas gurmaa’anii hojii horsiisa lukkuufi horii furdisuurratti akka hirmaatanis taasisaa jiraachuu himaniiru. Gandisaanii hanga ammaatti sarara ibsaafi bishaanii waan hinqabneef mootummaan rakkoo kana akka furuufiif gaafataniiru.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013

Recommended For You