Hima didduun du’a hindiddu

 Akkuma “Manni Ijaarsa Bade hanga Jigutti Fokkisa!” jedhan sana, TPLF/Juntaan humna dhalootarraa naaffateefi fayyuu waakkateedha. Bara 1967 wixinee siyaasaa saba tokkoof fira, saba kaaniif alagummaa labsu qabattee dirree qabsoo hidhannootti kan seente TPLF humna fuggisoo dhalatteedha.

TPLF fuggisoo waan dhalatteef fuggisoo yaaduu, shira omishuu, mancaasuufi ololaan olaantummaa gonfachuuf kaachuun hojiisheeti. Har’as jallinaan umrii dheereffachuuf wayita wixxifattu arguun waan haaraa hinta’u.

Juntaan ji’oota sadeet dura machii miiraatiin raayyaa ittisa biyyaarratti waraana gantummaa bantee salphatte. Olola miidiyaa keessaafi alaatiin burjaajii guddaa uumuuf yaaltus, yeroo torban sadii hincaalle keessatti wiirtuu dahoo godhattee turte, Maqalee, gadi lakkiste.

Gaafasiif “Tarsiimoo qabsoo jijjiirre,” jettee ololeessite. Otoo oolee hinbuliin dahoo dukkanaa Tanbeeniifi Takkazee keessatti silmiiwwan guguddoo waggoota 27f Itoophiyaa xuuxaa turan dhabamsiifamnaan jecha dhabde.

Har’as Juntaan adabachuu hindandeenye. Akkuma, ‘Antuutni maraatte, adurree afaan buuti!’ jedhan san, murtii dhukaasa dhaabuu gamtokkee mootummaa federaalaa akka injifannoo ofiitti lakkaa’attee machiifi maraatummaasheetiin salphachaa jirti. Harki ijoollee ummattootaa gamtoome Wayyaaneetti waaroo salphinaa uwwiseera.

Arcaatuun Juntaa namul’isaa filatte nadhoksaaf gaafachuu eegalteetti. Akkuma “Hima didduun du’a hindiddu” jedhamu san harka nagaaf diriireef ciniinte. Qaqawweefi bakakkaa mallattoo rooba gannaa seetees dhaggeeffatte, irree ijoollee ummataa ta’uu bartee boolla itti seentu wallaalteetti. Galteen ololaa harkaa haphannaan waan qabdee gadi lakkistus wallaalteetti. Shororkeessaa TPLF caqasuun qilleensa abootuufi bishaan waaduu waan ta’eef, itti dammaquu qabna.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You