Hirmaannaan keenya ho’inasaa eeggatee ittifufuu qaba

Guutiinsi bishaanii pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa marsaa lammaffaan Adoolessa 12 bara 2013 milkaa’inaan xumurameera.

Pirojektichi handhuuraa dhaloonni har’aa abuureefi maallaqa sabbata haadholiifi kiisii ummattoota Itoophiyaa hunda keessaa arjoomameen ijaaramaa jiruudha. Hidhichi mallattoo gootummaafi siidaa injifannoo Adwaa har’aati.

Ummanni Itoophiyaa ijaarsicha milkeessuuf lukkuu hanga lubbuutti gumaachuun seenaa haaraa galmeesseera. Akkuma kaleessa jaarraa tokko dura irree gamtoomeen bobbaanee dirree Adwaarratti weerartoota injifanne, har’as mudhiin lammiilee saqqiifi sabbataan cimee hidhatame injifannoo Adwaa lammaffaa jaarraa 21fa galmeessisneerra.

Humni Juuntaa aangoo saamichaaf itti fayyadamaa ture maallaqa sabbata aayyoo, harka daa’imaa, kiisii maanguddoofi qabeenya lammiilee hundaarraa ijaarsa hidha haaromsaatiif walitti qabame qorqee wayita badutti abdii osoo hinkutatin obboloota keessan waliin tumsi taasifame galmee seenaarratti iddoo olaanaa qaba.

Kanaanis “Bishaan lafa bulu hinbeeku, jirma guuree yaa’a”  seenaa ta’ee Lagni Abbayyaas waggoota dheeraaf biyyee gabbataa Itoophiyaa haree biyyoota ollaatiif geessaa ture hidhamee kunoo marsaa lammaffaa bishaan qabateera. 

Gaafa ilmaan Itoophiyaa gogiinsaafi ongeedhaan rakkatan warri bishaan Abbayyaa fayyadaman garuu ittiin misoomaa turan. Kanarraa kan ka’e lagichi qabeenyummaansaallee kan biyyoota dhangala’aa gadii Sudaaniifi Misir fakkaata. Itoophiyaanonnillee waan bishaanumasaaniitti fayyadamuufillee mirga qaban hinfakkaatan ture.

Baroota keessa garuu, seenaan jijjiiramaa dhufee hidha keenya ofuma keenyaan lafa keenyarratti ijaarrannetti fayyadamuuf fiixeerra waan geenyeef ammas fiixeerra gahe kun guutummaatti xumuramee hanga ibsaa maddisiisutti hirmaannaan keenya ho’inasaa eeggatee ittifufuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You