“Hanniifi saamichi damee ijaarsa dhaabbilee barnoota olaanaa qoraa jiru xiyyeeffannoo Ministira Muuummee barbaada” -Doktar Girmaa Mokonnon

Waasihun Takileetiin

Misooma dhaabbilee barnoota olaanaa babal’isuun dhaloota barnoota ammayyaatiin ijaarameefi teknolojiin fagaate horachuuf warraaqsi mootummaan damicharratti taasisaa jiru jajjabeessaadha. Sochii gama kanaan taasifamaa jiruun lakkoofsi dhaabbilee barnoota olaanaa mootummaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiranii 45 irra gaheera.

Misoomni dhaabbilee barnoota olaanaa Itoophiyaa kun lakkoofsaan haa dabalu malee saamichiifi hanni damee babal’ina ijaarsichaarratti qaqqabaa jiruufi maallaqni qisaasamaa jiru rakkoo qulqullina barnootaa fiduurra darbee dinagdee biyyaa laamshessaa jira.

Dhimmi kun egeree imala haaromsichaatiif sakaallaafi balaa ta’ee waan mul’atuuf hattoota kanneen seeratti dhiyeessuufis ta’e maallaqni ijaarsaaf ramadame seeraan hojiirra akka ooluuf xiyyeeffannoon Ministira Muummee Mootummaa RFDI murteessaa ta’uun ka’aa jira.

Hojmaanni badaan dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti mul’atu kun akka sirraa’uufi Manni Hojii Odiitarii Waliigalaa kanaan dura irra deddeebiin Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatiif gabaasaa tureera. Rakkinichi akka furamuuf manni marichaas kallattii kaa’aa tureera.

Gaafdeebiin Gaazexaa Bariisaa dhimma kanaafi kanneen biroorratti Ministeera Saayinsiifi Dhaabbilee Barnoota Olaanaatti Hogganaa Damee Ijaarsa Yunivarsitiiwwanii Doktar Girmaa Mokonnon wajjin taasise akka ittaanutti dhiyaateera.

Bariisaa: Misoomniifi babal’inni dhaabbilee barnoota olaanaa Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru maal fakkaata?

Doktar Girmaa: Akkuma beekamu dameen misooma barnootaa kallattiifi xiyyeeffannoon guddaa kennameefii adeemsa gaariirra jira. Yeroo ammaatti baay’inni yunivarsiitiiwwan mootummaa Itoophiyaa keessa jiranii lakkoofsaan 45 irra gaheera. Keessumaa ijaarsonni jijjiiramaa as gaggeeffamaa jiran yeroofi qulqullinasaanii kan eeggataniidha.

Bariisaa: Yunivarsiitiiwwan Itoophiyaa keessa jiran ijaarsasaaniirratti hundaa’uun bakkawwan afuritti akka qoodaman himamaatii maal maaliidha isaan?

Doktar Girmaa: Ijaarsawwaniifi babal’inarratti hundaa’uun yunivarsiitiiwwan mootummaa biyya keenyaa bakka afuritti qoonneerra. Isaanis umriifi ijaarsasaaniirratti hundaa’uun dhaloota 1fa hanga 4fa jedhamuun beekamu.

Bariisaa: Yunivarsiitiiwwan dhaloota 1fa jalatti ramadaman meeqa, kam fa’i?

Doktar Girmaa: Yunivarsiitii, Finfinnee, Haramaayaa, Jimmaa, Baahirdaar, Gondorfaa dabalatee kudhani.

Bariisaa: Yunivarsiitiiwwan dhaloota 1fa hanga afuriitti jiran kanneen gidduu ijaarsaan walqabatee garaagarummaan jiraa?

Doktar Girmaa: Ijaarsaan walqabatee garaagarummaa guddaatu jira. Ijaarsiwwan yunivarsiiwwan dhaloota 1fa hanga 3fa keessatti gaggeeffamaa turan hedduunsaanii rakkoo hannaafi qulqullinaan walqabatee gaaga’ama keessa turan.

Harkifannaa ijaarsaatiin walqabatee qisaasa’uun bajataafi baasiin hinmalle akka dabalamu taasiseera.

Hudhaan kun akka itti hinfufneef kallattii mootummaa pirojektonni yeroo qabameefi bajata ramadameefitti haalaan fayyadamanii walharkaa fuudhinsi taasifamuu qaba jedhee baaseen hordoffiifi deeggarsa taasisnee rakkinicha furaa jirra.

Keessumattuu ijaarsa yunivarsiitiiwwan dhaloota 4fa hudhaalee hanna, bajata qisaasessuu, ijaarsawwan yeroo qabameef keessatti qulqullinaan xumuruu dhugoomsineerra.

Fakkeenyaaf Yunivarsiitiin Booranaa alana xumurame eeruun kan dandahamu yoo ta’u, yunivarsiitiiwwan dhaloota 4fa keessaa isa tokko.

Bariisaa: Hannaafi saamichaan walqabatee komiiwwan gara garaa ijaarsa dhaabbilee barnoota olaanaarratti qaqqabaa jiru olaanaa ta’uu himamaatii kun akkamitti ibsama?

Doktar Girmaa: Eeyyee dameen kun hannaafi saamichaan daran kan qorame, qarshiin biliyoonaan lakkaawamu damee kana keessatti ukkaamfamaa jira.Inni kunimmoo qorannoo irra deddeebbiin mirkanaahus birmannaa hin arganne,kutannaa siyaasaan itti seenanii hiikuu gaafata.

Bajata mootummaa dhidhimsaa kan jiruufi xiyyeeffannoo addaa ministira muummee kan gaafatuudha. Damee kana jalatti caasaan hattoota gaaraa hanga dakaatti ijaaramee jiru egeree biyyaafillee yaaddessaadha.

Kunimmoo yunivarsiitiiwwan dhaloota 1fa hanga 3fa jalatti ramadaman keessatti kan hammaatu yoo ta’u, xiyyeeffannoofi hordoffii qabu jechuun nama rakkisa.

Bariisaa: Ministirri muummee hojii hunda gadi bu’ee hordofuu danda’aa? bifa kamiinis xiyyeeffannoo kennuu qaba jettu?

Doktar Girmaa: Indastiriin ijaarsaa dhaabbilee barnoota olaanaa maallaqni guddaan ittibahee yeroorraa yerootti kan gaggeeffamu yoo ta’u, ittifayyadama bajataarratti of eeggannoon barbaachisaadha.

Maallaqni ijaarsaaf ramadame hammaam? Akkamitti? haalaan hojiirra oola jira isa jedhu beekuuf koreen mataasaa danda’eefi ittiwaamamnisaa ministira muummeef ta’e yoo ijaarameen ala hidhanni hattootaa kun cituu hindanda’u.

Maallaqni misooma dhaabbilee barnoota olaanaaf ba’u olaanaa ta’us irra jireessi kaayyoo karoorfameef ooluurra hattootaan saamamaa jira. Adeemsa ammaa kanaan barnoota qulqullina qabuufi ijaarsa qulqullina qabu qabatamaan lafa qabsiisuuf saalfachiisa.

Hojmaanni badaa akkasii kun yeroon buqqa’uu baannaan dinagdee biyyaa hubuurra darbee madda rakkoo nageenyaallee ta’uu mala.

Bariisaa: Akka Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaatti yaaliin hattoota kanneen saaxiluu taasifame hinjiruu?

Doktar Girmaa: Mandheen hattootaa damee ijaarsa dhaabbilee barnoota olaanaa sakaalee jiru daran walxaxaafi dameesaa hanga gandaatti waan babal’ifateef salphaatti diiguun hindanda’amu. Hudhaa kana furuufimmoo qaamni damicharratti walabummaan hojjetuufi itti waamamnisaa ministira muummeef ta’een osoo hordofamee hidhanni hattootaa kun diigamuu danda’a.

Bariisaa: Erga mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufee hattuufi ofittoota seeratti dhiyeessuun eegalamee ture isin biratti bu’aa hinbuusnee?

Doktar Girmaa: Jalqabbiin manneen hojii tokko tokko keessa ture gaarii ture. kan Ministeera Saayinsii Barnoota Olaanaa ammallee xiyyeeffannoo barbaada. Keessumaa damee ijaarsaa sakaaluun saamichiifi qisaasamni bajataa qaqqabaa ture daran olaanaadha.

Dameen kun maallaqni guddaan kan itti socho’u, hordoffiifi deeggarsa cimaa gafatudha. Kanamalees dameen ijaarsa dhaabbilee barnoota olaanaa akaakuuwwan 17 kan qofa keessaa qabu yoo ta’u, kanneen mara hordofuun mataansaa daran ulfaataa waan ta’eef hattootaaf haalli mijataa akka uumamu taasiseera.

Bariisaa: Erga isin hoggansaatti dhuftanii keessumaa waan jijjiiramaa as jiru otoo nuu ibsitanii?

Doktar Girmaa: Akkuman dura sii kaase dhaabbileen barnoota olaanaa bakka afuritti qoodamanii ilaalamu. Isaanis dhaloota 1fa, 2fa, 3fafi 4fadha. Yeroo ammaa xiyyeeffannoodhaan irratti hojjetaa kan jirru warra dhaloota 4fa yoo ta’an, warreen 2008 as ijaarsisaanii eegalamaniidha.

Yunivarsiitiiwwan yoo ta’an warreen dhiyoo ijaaramanii baruu barsiisuu gaggeessaa jiraniidha. Isaanis Yunivarsiitii Salaalee, Dambidolloo, Odaa Bultum, Booranaa, Qabriidahaar, Jiinkaa, Boongaa, Waraabee, Injibaaraa, Dabaarqiifi Yunivarsiitii Raayyaa hammatu.

As keessatti yunivarsiitiiwwan dhaloota 4fa akka Oromiyaatti jiran afur yoo ta’an, isaanis Yunivarsiitii Salaalee, Dambidolloo, Odaa Bultumiifi Yunivarsiitii Booranaati.

Ijaarsa yunivarsiitiiwwan kanneenii qulqullinaafi yeroo qabameef keessatti akka xumuramaniif humna guutuun hojjetaa turreerra. Maallaqni ijaarsasaaniif ramadames qisaasa’a tokko malee haalaan hojiirra akka oolu taasisneerra.

Bariisaa: Ijaarsa yunivarsiitiiwwan dhaloota 4fa kanneen keessaa Yunivarsiitiin Dambidolloofi Odaa Bultum dallaa hinqaban. Barataan achitti baratu naamusa hinmalleefi rakkoo nageenyaafillee akka saaxilamu hintaasisanii laata? Sababiin hanga ammaa hindalleeffamiin hafanii maalimee?

Doktar Girmaa: Dhugaadha Yunivarsiitii Dambidolloofi Odaa Bultumiin ala dhaabbileen barnoota olaanaa dhibbantaa 75 ol dallaa kan qabaniidha. Kun ta’us ijaarsa dallaan walqabatee Yunivarsiitiin Dambidolloofi Odaa Bultum xiyyeeffannoo addaa kan barbaadanidha.

Kan Dambidolloo rakkoo nageenyaatiin walqabatee har’aa boruutiin yoona gahe. Ammas toorri xiyyeeffannoo akka taa’u ta’aa jira. Kan Odaa Bultum xiyyeeffannoo mootummaafi kutannoo siyaasaa barbaada.

Keessumaa Yunivarsiitii Odaa Bultumiin walqabatee rakkoo hamaan hanga ammaatti furmaata hinarganne jira. Sabuma kanaan komii guddaan waamn jiruuf dhimmi kuniifi kanneen biroo ijaarsicha sakaalaniiru.

Yunivarsiitii Odaa Bultum ilaalchisee ammallee hudhaan jiru hinfuramne. Yaaliin hudhicha furuuf taasifames caasaa hattootaa walsakaalaa ta’een akka dhabeera. Qorannaafi gamaggama taasisneenis furmaanni akka kennamuu qabu, gabaasaanis beeksisnus qaamni furmaata kennu hinargamne.

Bariisaa: Caasaan hattootaa kun sadarkaa gaaraa hanga dakaatti erga hidhata qabaatee baruu barsiisuurratti miidhaa hinfiduuree, kallattiin furmaataa jiru hoo maali?

Doktar Girmaa: Kaayyoon keenya otoo dhaloota teknolojii dijitaalaatiin fagaate, qorannoofi qo’annoo rakkoo hiikuu dandahu horachuu ta’ee osoo jiruu caasaa hattootaan sakaalamuun balaa biyyaafi lammii ta’uurra darbe rakkoo qulqullina barnootaa fiduunsaa waan oolu miti.

Kun akka furamuuf dameen ijaarsaa of danda’ee bahuu qaba. kanamalees hayyoota ogummichaan ga’oomaniin hogganamuu, hanniifi saamichi akka baduufis itti waamamnisaa ministira muummeef akka ta’u feena. Kanaan ala misoomni dhaabbilee barnoota olaanaa jalqabame haala karoorfameen milkaa’a jechuun hindanda’amu.

Hamma dhaloota teknolojiin of ga’oomeefi biyya badhaate ijaaruuf kaanetti hattoota maallaqa mootummaa ukkaamsan saaxiluufi seeratti butuuf deeggarsa ministira muummee barbaanna kan jennuufis kanumaafi. Kun ta’uu baannaan dhaloota barnoota ammayyaatiin of ijaareefi boruuf abdii biyyaa ta’u horachuun ni danda’ama jennee hinabadannu.

Bariisaa: Yunivarsiitiiwwan dhaloota 1fa hanga sadaffaa keessatti hanniifi saamichi hammaataa jira jettaniittu mee bajanni ijaarsa dhaabbilee barnoota olaanaa dhaloota 4fa kanaaf ramadame hammam hojiirra ooleera?

Doktar Girmaa: Yunivarsiitiiwwan dhaloota 1fa akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeenya. Ijaarsi eegalamee waggaa 7-10 lafarra harkifamaa jira. Kanaan walqabatee qarshiin biliyoonatti lakkaa’amu achi buuteensaa dhibeera ykn qisaasaheera. Kunimmoo qaama dhimmi ilaallatuun qoratamee bara eeggachaa jira.

Gara kan keenyaatti yoo deebinu bajanni babal’isaafi ijaarsa dhaabbilee barnoota olaanaa dhaloota 4fa waggaa shaniif ramadame biliyoona 13 oli. Kana duguugnee ijaarsa barbaadameefi karoorfame sanaaf oolchuuf sochii taasisneen milkaa’ina gaarii argamsiisneerra.

Haaluma kanaan bajata ijaarsa yunivarsiitiiwwan dhaloota 4faf waggaa shan dura ramadame keessaa biliyoonni kudhanii ol seerumaan hojiirra ooleera. Qarshii biliyoona lamaa ol kan hafe yoo ta’u, ijaarsawwan hinxumuramiin ittiin raawwachuuf hojiitti jirra.

Seenaa keessatti akka mana hojichaatti maallaqni ijaarsa yunivarsiitii dhaloota 4faf ramadame haalaan hojiirra kan oole yoo jiraate kana jechuu dandeenya. Kun kan ta’eefis maallaqichi sirnaan akeeka ramadameef akka ooluuf waanti hojjetame bu’aa buuseera.

Bariisaa: Yunivarsiitiiwwan dhaloota 4fa ammaan tana xiyyeeffannoon kennameefii ijaaramaa jiran dhiyeessiiwwan baruu barsiisuu, meeshaalee mana nyaataa barattootaafi ijaarsawwan bu’uuraa hammam keessumeessaniiru? moo callifameetuma mana qofaa dhaabuudha?

Doktar Girmaa: Gaaffii gaarii kaaste. Dhaloonni 4fan dhaloota teknolojii dijitaalaatiin of gaheefi kalaqawwan gara garaatiif of qopheessu, egereefis biyyi abdattu waan ta’aniif dhiyeessiiwwan barbaachisoon akka guutaman taasifamaniiru.

Kanaan dura kutaan yaaliifi laabiraatorii hinturre. Kanarraa kan ka’e barattoonni yunivarsiitii biraa deemanii qorannoofi qo’annoo gaggeessaa taasisaa turan.

Innimmoo barattootas ta’e yunivarsiitiiwwan baasii hinmalleef saaxileera. Amma garuu meeshaaleen yaalii laabiraatorii gahaa ta’aniifi sadarkaasaanii eeggatan bitamuun tajaajila akka kennan ta’aniiru.

Bariisaa: Meeshaaleen laabiraatorii irra jireessaan alaa kan galan waan ta’eef ittifayyadamasaatiin walqabatee rakkoon mudate hinjiruu?

Doktar Girmaa: Meeshaaleen laabiraatoriis ta’e kanneen birii dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti argaman ilaalchisee ogeessota dhimmichi ilaallatuuf leenjiin leenjistootaa ni kennama. Kanaanis rakkoon mudachuu malu akka maqfamu ta’eera.

Bariisaa: Hojiin gama bu’uuraalee misoomaa yunivarsiitiiwwan keessaa mijataa taasisuun walqabatanii hojjetaman akkamiin ibsitu?

Doktar Girmaa: Misoomawwan bu’uuraa yunivarsiitii keessaa kanneen akka daandiiwwan keessoo, bishaan, ibsaa, jenereetaraa hudhaa ta’aa turaniiru. Dhiyeessiiwwan kunniin guutamuu dhabuun rakkoo nageenyaafillee akka sababaatti ka’aa turaniiru.

Jijjiiramaa as garuu hunduu guutamanii ijaarsiwwan qulqullinaafi yeroon xumuramuun baruu barsiisuun si’aayinaan akka ittifufu ta’eera.

Keessumaa ciccituu ibsaatiin walqabatee baruu barsiisuun akka hingufanneef jenereetara sadarkaasaa eeggateefi ammayyaa ta’e yunivarsiitiiwwan galchuun rakkoo sababa kanaan mudachuu malu maqsineerra.

Bariisaa: Dhaabbilee ijaarsa raawwachuuf fudhatanii harkifannaa agarsiisan tokko tokko takkaan baasii dabalataa gaafachaa jiru, takkaanimmoo rakkoo qulqullinaafi nageenyaa ta’aa jiru jedhamaatii asirratti maal jettu mee? Tarkaanfiin sirreessaa fudhatame yoo jiraates nuu eeraa?

Doktar Girmaa: Erga gara waajjira kanaa dhufnee damee ijaarsaa kana hoogganuu jalqabnee kontiraaktaroota sababoota adda addaa uumuun yeroo ijaarsi itti xumuramu dabarsaniifi rakkoo qulqullinaa uuman tarkaaniin hanga waliigalteesaanii haquutti fudhanneerra.

Kanneen hudhaalee gara garaatiin harkifatanimmoo dhiyeessiiwwan barbaachisoo ta’an guutuufiin hojiinsaanii akka si’atu haala mijeessineerra.

Akka fakkeenyaatti tarkaanfiin ijaarsa Yunivarsiitii Salaaleefi waraabeerratti fudhatame jijjiirama agarsiisuurra darbee yeroodhaan akka xumuramu taasifameera.

Bariisaa: Akkuma isinuu jettan hannaafi saamicha ijaarsa yunivarsiitiiwwaniitiin walqabatee mul’ataa jiru maqsuuf akka kallattiitti qorannaan kan mirkaneeffataniifi ta’uu qaba jettan yoo jiraate?

Doktar Girmaa: Walumaagalatti ijaarsa yunivarsiitiiwwanii ilaalchisee qaamni bittaa raawwatu, meeshaalee dhiyeessu, sirni hordoffii faayinaansii cimaan otoo jiraatee gaariidha.

Hanga kun hintaanetti harki hattootaa daran dheeraa waan ta’eef maallaqni mootummaa seeraan ala qisaasahaa tureera. Keessumaa yunivarsiitiiwwan dhaloota 4fan ala saamichiifi warra kaan keessatti qaqqabaa jiruufi maallaqni seeraan ala kiisii nama dhuunfaatti gala jiru kan biyya deegsu waan ta’eef mootumman fuulasaa gara ijaarsawwaniitti naannessuu qaba.

Bariisaa: Yunivarsiitiiwwan tokko tokko odiitii ta’uuf fedhii hinqaban jedhama. Akka waajjira keessanitti odiitii waggaa waggaan taasifamaa? Maallaqni odiitiidhaan deebihe hoo jiraa?

Doktar Girmaa: Odiitiin hingaggeeffamu taanaan baasiifi duubdeebiin hiika dhabeessa ta’a. Hojmaanni badaan kanaan dura ture hammaataa ta’us bara darbe kutannoon ittiseenuun odiitii taasisneen qarshiin miliyoona 600 ol kaazinaa mootummaatti deebi’eera.

Ittifayyadama bajataatiin walqabatee hamma danda’ametti duguuganee ittifayyadamuurratti hanqinni jiraachuu baatus hudhaa guddaan hanna qofa.

Bariisaa: Misooma dhaabbilee barnoota olaanaan walqabatee komiin beenyaa lafaa qonnaan bulaarraa ka’u hinjiruu? Yoo jiraate hammamtu, haala kamiin furame?

Doktar Girmaa: Beenyaa wajjin walqabatee mootummaan kaffaltii gahaa kenneera. Ta’us iddoowwan gara garaatti harkifannaa ijaarsaatiif sababiin ta’aa kan jiru irra deebiin beenyaa gaafatachuudha.

Kun alseerummaa namummaa keessaa baheedha. Dhimma kanaan walqabatees Yunivarsiitiin Odaa Bultum hordoffii barbaada. Beenyaan kaffalamus sakaallaa bulchiinsa godinaafi raawwachiistotaatiin walqabatee rakkinni ture hanga ammaatti furmaata hinarganne.

Hoggansi yunivarsiitichaas gamasaatiin yaaliiwwan gara garaa taasisus jijjiiramni mul’ate waan hinjirreef qaamni mootummaa olaanaan osoo birmate gaarii ta’a.

Bariisaa: Yunivarsiitiiwwan simannaa barattootaa karooraa gadi taasisan jiru. Akka fakkeenyaatti Yunivarsiitii Boongaa eeruun ni danda’ama. Kun maaliif ta’e, isaan ammoo waajjira keessan himatu waan ta’eef?

Doktar Girmaa: Yunivarsiitiin Boongaa sirriidha, ijaarsisaa harkifateera. Sababnisaas otoo hoggansi ijaarsasaa nuun raawwatamuu qabuu ofiikeenya yoo hogganna malee waan jedhaniif kennineefii turre.

Hoggansi yunivarsiitichaa hordoffiifi to’annaa gahaa taasisuu dhabuusaatiin dabalataanis mahaandisa tokko qofaan ijaarsa gaggeessuuf yaalanii milkaa’uu hindandeenye. Haalichi ulfaataa ta’uusaatiin walqabatee booda deeggarsa ogummaa nu gaafatanii amma ijaarsisaa xumurarra jira.

Bariisaa: Rakkoo vaayirasii koronaatiin walqabatee simannaa barattootaa walwalirratti raawwachuun rakkina hinuumnee?

Doktar Girmaa: Wayita ijaarsiwwan raawwataman of eeggannoodhaan waan ta’eef hanga ammaatti rakkoo hinuumne. Darbees lakkoofsi barattootaa istaandardii baruu barsiisuun gaafatuu ol ta’anii hinargamne.

Bariisaa: Rakkoo nageenyaa Tigraayitti mudateen walqabatee barattoonni wayita as deebihanoo rakkoon istaadardii hinuumamuu?

Doktar Girmaa: Reeshoo barataa amma jiruufi ijaarsawwan jiran hangas kan rakkoo uuman miti. Ijaarsawwan hinxumuramne hatattaamaafi qulqullinaan raawwannee tajaailaaf oolchuuf humna guutuufi kutannoon hojjetaa jirra.

Bariisaa: Dhaabbileen barnoota olaanaa kaayyoo ka’aniif milkaahina akka hinarganne kanneen taasisan keessaa ijaarsawwan harkifachuufi meeshaalee dhiyeessii baruu barsiisuuf oolan guutamuu dhabuu ta’uu eeramaatii kanarratti maal jettu mee?

Doktar Girmaa: Kanaan walqabatee ergamoota ijoo yunivarsiitiiwwanii keessaa hojiin baruu barsiisuu, qorannoofi qo’annoo rakkoo furu taasisuufi hirmaannaa hawaasaa cimsuun ni eeramu.

Dhimma ijaarsa yunivarsiitiiwwanii, dhiyeessiiwwan nyaataa qaaraan, shunkurtiin, zayitiin, dhume jedhu keessatti pirezedaantii yunivarsiitii hirmaachisuun dogoggora.

Pirezidaantiinis barsiisaanis ergamasaanii dhiisanii waa’ee nyaata barataafi ijaarsaarratti yoo xiyyeeffatan barnoonni qulqullina qabus ta’e qorannoofi qo’annoon yaadamu milkaa’uu hindanda’u.

Bariisaa: Hojii ijaarsaa yunivarsiitiiwwaniin gaggeeffamaa tureen walqabatee maal taajjabdan?

Doktar Girmaa: Yunivarsiitiiwwan tokko tokko gamoo xiyyaara qubachiisu ijaaranii bakki bultii barataa, bakki barataan taa’ee baratu, bakki barataan itti shayii dhugu hinjiru. Waanti akkanaa baasii hinmalle qaqqabsiisuun ala hannaafi saamichaaf karaa saaqaa jira.

Kanaaf, wayita ijaarsiwwan raawwataman qaama dhimmisaa ilaallatu waliin marii taasisuufi hordoffiifi deeggarsa gaafachuun barbaachisaadha.

Yunivarsiitiiwwan tokko tokko ijaarsaaf bajata nuu ramadame akkaataa nuuf mijatuun ittifayyadamna yaada jedhu kaasanii eeyyamneefii turrus adeemsichi rakkoo hamaa, harkifannaa ijaarsaa waan isaanitti fideef abbummaasaa nutti deebisaniiru.

Yunivarsiitiiwwan adda addaatti maallaqni guddaan maqaa ijaarsaatiin qisaasa’aa jiru daran olaanaadha. Maallaqni biyya ijaaruu danda’u kiisii namoota dhuunfaa seenaa jira. Kanaaf mootummaan xiyyeeffannoo kennee irratti hojjechuu qaba.

Bariisaa: Fuulduratti mul’ata waajjirri keessan ijaarsa dhaabbilee barnoota olaanaafi biyyaarratti qabu akkamiin ibsitu?

Doktar Girmaa: Waajjirri keenya ijaarsawwan dhaabbilee barnoota olaanaa dhaloota 4fa haalaan xumuree dhaloota teknolojii dijitaalaatiin badhaadhe, dhaloota qorannoo rakkoo hiikuu danda’uufi biyyasaatiif abdii ta’u horachuuf akeeknee hojjetaa jirra.

Kun akka milkaahuufimmoo hattoota farra jijjiiramaafi badhaadhinaa buqqisaa deemuun barbaachisaa yoo ta’u, kanaafis birmannaan Ministira Muummee Itoophiyaa murteessaadha.

Bariisaa: Sochii ijaarsawwan dhaabbileen barnoota olaanaa itti jiraniifi hudhaaleesaanii ilaalchisuun ibsa bal’aa nuu kennitaniif isin galateeffanna.

Doktar Girmaa: Isinis galatoomaa.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You