“ Nuti, humnoonni waraanaa duriis duuluuf jenna” -Kumaalaa Alii Barkiifi Koloneel Rijaaluu Marabbaa

Finfinne: Biyyi keenya ammaan tana gocha badii murni shororkeessaa ABUT raawwataa jiruun rakkoo cimaa keessa jirti. Rakkoo kana kan hubatan lammiileen biyattii akkuma isaanii danda’ametti waan qabaniin hirmaataa jiru. Kuun duuluuf qophaa’aa jira, kaan gala qopheessaa jira.

Gaazexaan Bariisaas dhimmuma kanarratti miirasaanii hubachuuf gootota waraanaa lama wajjin turtii gabaabaa taasiseera.

Goota Kaarraamaarraa, Kumaalaa Alii Barkii Murna shororkeessaa ABUTf iddoo kennuun hinbarbaachisu. Ummata hamma kanaa mo’atti jechuun cubbuudha. Maaluyyuu yoo homaa gochuu hindandeessu. Kan amma itti jirtu yerumaaf tirtiruudha malee haaluma kamiinuu, eenyumaanuu, kaaruma kamiinuu, siviiliidhaanis ta’e loltuudhaan waanti fiddu hinjiru. Nutis, humnoonni waraanaa duraanii duuluuf mootummaaf fedhii keenya agarsiisneerra, gaaffiis dhiyeessineerra. Duuluuf qophiirra jirra. Ni duulla. Maalummaashiifi akka waraanaa hundasaa waan beeknuuf ni duulla ni rukunna. Tulluufi holqishii eessa akka jirus duruu ni beekna.

Onnee yeroo duula Kaarraa maarraa sun ammayyuu eessayyuu hindhaqne ni jira. Kanaaf deemnee kallattummaan ishii  jilbeeffachiifna. Kan barbaadamu bitaa mirga ilaalanii dhukaasuu qofa. Namni rasaasa tokkoon dhibbashii harcaasu nu keessa jira.

Garee shororkeessituu tana akkuma saphaatti irra aanaa homaayyuu hinshakkiin. Ishii kana dhiisii Ameerikaafi Ingiliziyyuu yoo dhufan qaana’anii deebi’u. eenyu wajjinuu kana sana jechuurra adduma waaraanaarratti wali ilaaluu wayya. Jarri hamma fedhe dhaadatanis ta’e dorsisan waan tokkuyyuu nama hi yaaddessu.

Fedhiin dargaggoonni biyyasaanii tiksiifi shororkeessitoota dhabamsiisuuf agarsiisaa jiran, qabeenyi kennamaa jiru, galaan qophaa’aa jiru deggarsa ummataa sirnaan jiraachuu agarsiisuu bira darbee tokkummaa biyyaa cimsuu keessatti bakka olaanaa qaba.

Aniifi hiriyoonni koo gocha juuntaan raawwataa jirtu kanatti daran arreerra. Ijoollee nageenya biyyasaanii tiksuuf duulaa jiran keessaa tokko bilbibileefii jajjabeesseera.

Dhaamsa dargaggootaaf dabarsaniinis, “Nutis isiin duubaan dhufaa jirraa jabaadhaa. Juuntaas ta’e kan biraa dhuguma nu waraanuufii, kana gonkumaa hindanda’an. Kana ammoo gochaan agarsiisna, ni ilaalla”.

Dargaggoonni akka kanniisa gaagurrisaa tuqamee bakka jiranii duulaa jiraachuun akka goota tokkootti kan daran isaan boonse ta’uus eeranii, isaanis akkuma jedhan duulanii dargaggoota wajjin nageenya biyyasaanii ni kabachiisu.

Dhaloonni haaraan kun olola kamuu fudhachuu hinqabu. Kan biyya diigu oduu sobaa waan ta’eefis kanarraa fagaachuun murteessaadha. Shororkeessaa ABUT dhuguma lammata biyya kanan bulcha jettee wixxirtattii laala? Dargaggootaan ammas, “Waan manaa baataniif cimsaa qabaa, nutis dhufaa jirraa”.

Maanguddoo waggaa 110, Letenaal Koloneel Rijaal Umar Abbaa Diimaa Deebii dargaggoonni Itoophiyaa keessumaa kan Oromiyaa waamicha mootummaatiif kannanitti guddaan gammadde. Duraan hanga tokko qacceen na citte jedheen sodaachaa ture. dheen ture. Garuu dheengadda oggaa dargaggoonni Jimmaa kuma afur ta’an istaadiyemii keessatti miira gootummaatiin geggeeffaman arguu kootti guddiseen gammade.

Miirri kutatummaa dargaggoonni agarsiisaa turanis kan daran nama boonsuudha.

Anis isaan duukaa hiriiruuf dheengadda Waajjira Nageenyaa Magaalaa Jimmaatti galmaa’eera. Ani nan duula malee as taa’uu hinqabu, yoo duule malee keessi koo nagaa hinargatu. Hamma yoomiittin ijoollee ergaa taa’a. jarri garuu yoo qajeelfamni kenname malee deemuu hindandeessan naan jechaa turanii falmii guddaa booda na galmeessa. Ani bara 1932 irraa eegaleen loltummaadhaan biyya koo tajaajilaa ture.

Hawaasni biyyattii salphina amma ittijirru keessaa bahuuf akkuma baroota 1928fi 1969tti haaluma eegaleen miiraafi irree tokkoomeen mootummaa maddii hiriiruu qaba. Oromoonis hundee saboota hundaa waan ta’eef akkuma kanaan duraa ammas saba kamuu dursee biyyasaatiif hiriiruu qaba.

Habashaan lafa Kushirra babal’ifatee garmalee of beeksiste malee hundeen Oromoo ta’uu himanii, durumaa qabeeyyuu Afaan Oromoo afaan hojii biyyattii ta’uu qaba ture. Sababnisaas mootonni biyya kana bulchaa turan Tafarii Makonnin Guddataafaas hundeensaanii Saba Oromoodha.

Uffannaawwan sirnoota mootii darban keessatti uffatamanillee maddisaanii Oromoodha. Oromoonni uffannaa jirbiirraa fo’amee hojjetame uffachuun sirnicha keessatti jaalatamaafi beekamaa taasisaniiru.

Walumaagalatti abbaan biyya kanaa Oromoo waan ta’eef duula birmadummaa biyyaa eeguuf taasifamu keessatti hirmaachuuf waanti duubatti nuhambisu hinjiru. Osoo Oromoon hinjiraannee biyyi tun gabroomtee jiraatti ture.

Waggaa 81 dura bara 1932 biyyaaf waraana deemeen ture ammaas sochii birmadummaa biyyaa tiksuuf taasifamu keessatti hirmaachuuf qophiidha.

Deebii dargaggoonni Itoophiyaa keessumaa kan Oromiyaa waamicha mootummaatiif kannanitti guddaan gammadde. Duraan hanga tokko qacceen na citte jedhee sodaachaan ture. Garuu tibbana oggaa dargaggoonni Oromyaa miira gootummaatiin geggeeffaman arguu kootti guddiseen gammade.

Keessumaa bakkan qaamaan argametti miirri kutattummaa dargaggoonni Jimmaa kuma afur duulaaf qophaa’an agarsiisaa turaniifi miirri kutattummaa isaanirraa mul’ataa ture kan daran nama boonsuudha.

Anis isaan duukaa hiriiruuf Waajjira Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti amma galmaa’een ba’aa jira” jedhan ibsa daqiiqaawwan muraasa dura Gaazexaa Bariisaatiif bilbilaan kennaniin. Yoon duule malee keessi koo nagaa hinargatu. Hamma yoomiittin ijoollee ergaa taa’a.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You