“Ambo maaliif akka qabsaa’u beeka” – Obbo Diriirsaa Waaqumaa

Finfinnee: Ummanni Magaalaa Amboofi Godina Shawaa Lixaa adeemsa qabsoo biyya ijaaruu yeroo garagaraa taasifame kessatti adda durummaan gahee olaanaa ummata bahaachaa turedha.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Diriirsaa Waaqumaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif haala yeroorratti kennaniin dargaggoonni Godina Shawaa Lixaafi Magaalaa Amboo rakkoo ABUT akka waliigalaatti biyyarratti raawwateen walqabatee waamicha mootummaan taasiisee fudhachuun Raayyaa Ittisa Biyyaattii xiiqii guddaan makamaa jiru.

Ummanni Godinichaa kanneen humna qaban Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuun, Kanneen qabeenya qaban deeggarsa qarshii taasiisuun bira dhaabataa jiru jedhanii, hanga ammaatti deeggarsa marsaa tokkoffaan sangoota 150 oliifi tumaaleyyii Hoolotaafi Ro’oota 200 ol ta’an waliitti qabameera jedhan.

Deeggarsii walittiqabame kunis walta’insa godinoota biroo waliin taasifameen Raayyaa Ittisa Biyyaa bira akka qaqqabu eeranii, deeggarsii taasifame qarshii miliyoona lamatti kan tilmaamamuufi kan marsaa jalqabaa waan ta’eef fuulduraafis cimee kan ittifufu ta’uu himaniiru.

Dargaggoonni godinichaafi Magaalaa Amboo saba Tigreefis ta’e saboota Itoophiyaa hundaaf kabaja guddaa akka qabu yaadachiisanii, mootummaan nagaafi misooma biyyaaf jecha wayita irradeddeebiin garee ABUTiif dhiifama taasisetti, dargaggoon Amboo miidhaa gareen kun akka biyyaatti, keessuumaa qeerroofi qarree Oromoorraan gahe osuma beekuu dhiisee ture.

Haata’umalee wayita garichi birmadummaa biyyaa tuttuqaa jiru kanatti dhiibbaafi kakaasa tokko malee qeerroon Amboofi naannawaashee akkasumas biyyasaa cinaa dhaabbachuu ibsaniiru.

Dargaggoon Amboofi naannawashee durumaa maaliif akka qabsaa’u waan beekuuf, duula birmadummaa biyyaa baraaruuf taasifamuurattis waamicha mootummaan taasiise kabajee, kaayyoo garee kanaas waan beekuuf miira ho’aafi hamiilee guutuun ofkennee aarsaa qabsoon kun barbaachisu hundaa kaffaluuf ofqopheessuun gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamee biyyaasaa oolfachuuf gara mana leenjiitti imaluu beeksisaniiru.

Sirni gaggeessaa dargaggoota kanaaf taasiifames akka duudhaa, safuufi safeeffannaa Oromootti eebba Abbootii Gadaafi Jaarsolii biyyaan kan dabaalame ta’uu eeranii, alaabaa biyyaafi naannoo Oromiyaatiin imaanaan itti kennamuun kan gaggeessaman ta’uus himaniiru.

Dargaggoon Oromoo keessumaa Amboo maaliif, akkamittifi yoom akka qabsaa’u bareechee waan beekuuf gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamee qabsoo birmadummaa biyyaa eegsiisuuf taasifamu keessatti wareegama barbaachisu kamuu kaffaluuf kutannoo qabu agarsiisuu ibsaniiru.

Sinqinash Alamuutiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 24/2013

Recommended For You