“Barri haaraan waadaan seename hojiirra ooluu kanitti eegaluudha” – Pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee

“Barri haaraan kun kan Itoophiyaan ittiboqottuudha” -MM Abiyyi Ahmad (PhD)

 Charinnat Hundeessaatiin

Waanti barri 2013tti argine irra deebi’amuu hinqabu. Dhaadannoorra irratti irratti haa hojjennu. Yeroo baay’ee waan bara haaraatti ni raawwanna jennee yaadne raawwachuuf ofii keenyarraa kaasee kan wadaa itti galluudha.

Bu’uura filannoo adeemsifameetiin paarlaamaa haaraan hojiisaa eegala. Ittaansees mootummaa haaraan ni hundaa’a. Kunis karoorawwan mootummaan ummataaf waadaa gale hojirra oolchuu kanitti eegalu ta’a.

Kanaafuu hundi keenya biyya keenyatti nageeny waaraan akka mirkanaa’uuf, fedhiiwwan bu’uuraa ummataa akka guutamaniif, dhugoomuuf, biyyi keenya waraana otoo hintaane wajjummaan jiraachuufi guddachuuf danda’uushii akka agarsiistuuf hundi keenya hirmaannaa walirraa hincinne gochuutu nurraa eegama.

Oggaa bara haaraa simannu:

– Dhaloonni sanyummaadhaafi garajabinaan akka hinfaalamneef cimnee kanitti sochoonu,

– Lammiilee keenya danuu buqqa’an gara qe’eesaaniitti kanitti deebisnu, kan darberraa barannee hojiirra kan oolchinu,

 – Dhimmoota ijoo biyya keenyaarratti wajjummaan mari’annee, waldhageenyee waliigaltee wajjummaarraa kan geenyu,

– Itoophiyaa kabajuun, kabachiisuun, guddisuudhaan tokkummaashii kanitti eegnu, ittisnu,

– Dimokraasii kaniti cimsinu,

– Jibbiinsa fiixeetti baheefi garajabina of keessaa kanitti baasnu akka ta’uuf waamicha koo Itoophiyummaa dhiyeessuun barbaada.

Oduudhuma walqabateen, barri haaraan  kun bara Itoophiyaan qormaata waggoota 30f irratti gatame jalaa itti baatu, mootummaa ittihundeessinu, qormaata nurr gaherraa bayyanannuufi fuula keenya gara badhaadhinaatti akka naanneffannu akka ta’un amana jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad ergaa baga bara 2014f nagaan isin gahee dabarsaniin.

Barri haaraan bara tokkummaan wajjummaa keenya ittijabaatu, duudhaaleen dimokraasii keenya itti dagaagan, riifoemiin eegalle toora ittiqabatan akka ta’u nan abdadha jedhan.

Bara haaraa gaarii, barichi kan milkaa’inoota haaraa ittigalmeessinu haa ta’u, Itoophiyaan ilmaanshiitiin kabajamtee bara baraaf haa jiraattu, Uumaan Itoophiyaafi ummatashii haa eebbisu jedhan.

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana bara 2014

Recommended For You