Seenaa qonna Itoophiyaa geeddaraa kan jiru, qonna Oromiyaa

Osoo lafa qotamu qabnu haala itti qotamuufi waan qotamuu malu wallaaluudhaan midhaan irra ciifnee gargaarsa midhaaniitiif faranjii jala harka qabuun biyya kanatti waan baratameedha.

Biyyoota addunyaarratti yeroo duraatiif qonna eegalan keessaa ishii tokko kan taate Itoophiyaanis teknolojii qonnaa yeroorraa yerootti fooyya’aa adeemu waliin osoo hinadeemin hanga har’aatti qonnuma gaafa jalqabaa sangoota lama walitti hidhanii maarashaan qotan keessaa guutummatti bahuu hindandeenye.

Biyyootni gaafa Itoophiyaan hojii qonnaa eegaltu hinuumamne hedduu yeroo har’aa qonna ammayyaafi makaaniizdi ta’etti fayyadamanii waan omishaniif ofirra darbanii biyyoota akka Itoophiyaa hedduuf gargaarsa midhaan nyaataa taasisaa jiru.

Waggoonni kurnan darban akka biyyaatti yeroo warraaqsi qonnaa ittifufe ta’us, bu’aan seektara qonnaarratti waggoota sadeen darban galmaa’e seenaa keessatti isaan duraa ta’uu qaamotni hedduu irratti waliigalu.

Keessattuu sosochiin qonnaafi bu’aan damee kanarraa argamaa jiru seektara qonnaa biyya kanaatiif seenaa haaraa kan galmeessiseedha.

Akka fakkeenyaatti akaakuuwwan sanyii akka biyyaatti hedduu barbaadamoo ta’anii yemmuu ilaallu, omishaa qamadiifi garbuu biiraa alaa galu biyya keessatti bakka buusuuf bara omishaa 2013 keessaa waqtii gannaatti aanalee qamadii omishan 93 keessatti bara omishaa 2012 hektaara 970,517.66 irra ture gara 1,203,591tti guddisuun dabalataan lafa hektaara 233,073.34 misoomsuun danda’ameera.

Kanaanis omishaafi omishtummaa heektaara tokkorraa kuntaalaa 28.17 tures gara heektaaraan kuntaala 36.7tti guddisuun danda’amuu ragaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Garbuu biiraa omishuun yeroo ammaa fedhii waarshaa nannoo Oromiyaa guutummaatti kan danda’ame yemmuu ta’u, yeroo gabaabaa keessatti immoo fedhii akka biyyaatti jiru guutuudhaan gabaa alaatiif erguuf hojjatamaa jira.

Gama biraatiin immoo Oromiyatti bara 2014tti omisha qamadii bonaatiin lafa heektaara 607,800 misoomsuuf karoorfameera.

Kanarraayyi omisha qamadii kuntaala miiliyoona 26.3 argachuuf karoorfamuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa ni ibsa.

Qonna gannaatiin immoo akka Oromiyaatti lafti hektaara miiliyoona 6.3 ta’u ni qotama.

Qonna ganna baranaatiif qophiin barbaachisu hundi xumuramuu ibsa tibbana miidiyaaf kennanirratti kan eeran Hogganaan biirichaa Obbo Dhaabaa Dabalee, dhiheessiifi raabsaan galtee qonnaas bifa gaarii ta’een raawwatamaa jiraachuu dubbataniiru.

Waan ta’eefis barana hanqinni xaa’oo qonnaan bulaa akka hin qunnamneef tattaaffiin bal’aan taasifamaa tureera. Fedhiin qonnaan bulaan xaa’otti fayyadamuu irratti qabu yerorraa yerotti dabalaa deemaa kan jiru ta’uunsaas hubannoo keessa galamee hojjatamaa kan tureedha.

Hojiin qonnaa gannaa kun kaayyoowwan gurgoddoo afur kan qaban ta’uu kan eeran Obbo Dhaabaan, wabii nyaataa mirkaneessuun, Omishoota alaa galan isa biyya keessaatiin bakka buusuun,omisha ala ergiif oolan omishuuniifi dame kanaan immoo carraa hojii olaanaa ta’e hawaasa baadiyyaatiif uumuun kaayyoowwan eeggaman ta’uu ibsu.

Akka ibsaaniitti; kaayyoowwan qabaman kanneen bu’ura taasifachuunis qonna gannaa kanaan biqiltuu bunaa biiliyoona tokko dhaabuuf karoorfamusaas ragaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Naannichaa ni mul’isa.

Barri xumurame kun gama seektara qonnaatiin hojiin seena qabeessa ta’e kan itti hojjatame ta’uu kan eeran Obbo Dhaabaan, hojii baratamaa qonna gannaa qofa ture bira darbamee gara qonna bonaatti galamuusaatiin jijjiirama dinagdee biyyaa keessatti agarsiisuun danda’amuu dubbatu.

Barri qonnaa darbe hojiin “ni danda’ama” jedhanii yaaduuf namatti ulfaatan hedduun kan itti milkaa’an ta’uu eeranii, kunis kutannoo gaggeessaa sadarkaan jiruufi hirmaannaa qonnaan bulaatiin kan dhugoome ta’uu ni kaasu.

Kun immoo kutannoon gaggeessitoota sadarkaadhaan jiranii kaka’umsa ummataatiin deeggaramnaan wanti hindanda’amne kan jiru ta’uu agarsiisa.

Bu’aan seektara qonnaa keessatti waggoota lamaafi sadeen darban kanatti galmaa’aa jiran immoo irra jireessaan kan deeggaramaa jiru hojiiwwan misooma jallisiitiin yemmuu ta’u, osoo pirojektiiwwan jallisii hedduun hojjatamuu baatanii bu’aan amma argamaa jiru kun waan yaadamuu miti.

Osoo jallisiin jiraachuu baatee omishni qamadii waqtii bonaatiif jennee qophatti karoorfannu kunis waan yaadamuu miti.

Waan ta’eefis lafti bal’aaniifi omisha jallisiitiin misoomuuf mijataa ta’e hundi gara misooma jallisiitti akka galaniif karoorri qabames guutummatti gara hojii qabatamaatti gala waan jiruuf yeroon Itoophiyaan midhaan nyaataatiin of danda’uu bira dabartee kanneen birootiif deeggartu fagoo miti.

Qonnaan bulaan hundi teeknooloojiiwwan qonnaa haaraa bahanitti sirnaan akka fayyadamuuf raawwataa hanga gaggeessatti inistitiyuutiin isaanii heddu dhama’uu kan himan immoo Daarektarri olaanaan Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Doktar Tashoomaa Boggaala, amma immoo hawaasni bu’aa teknolojii baree fedhiin ittifayyadamuuf jirus dabaluusaatiin hojii fedhii kanaan walgitu raawwachuuf qophaa’uusaaniis ni dubbatu.

Milkiiwwaniifi bu’aawwan teeknoolojii qonnaatti gargaaramuuhaan baroota muraasa darban kanniinitti galmaa’uu eegale ittifufsiisuudhaan seenaa haaraa galmeessuun kan danda’amu immoo hirmaannaan qaamota dhimmichi ilaaluu hundi bifa guutuu ta’een yoo jiraate qofa ta’uus ibsaniiru.

Seenaa hojii qonnaa keessatti milkiin akka bara qonnaa isa darbeetti argame takkaa argamee kan hinbeekne ta’uu kan himan immoo Gorsaa Olaanaan Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaa Doktar Abarraa Dheeressaa, iccitiinsaa immoo kutannoo hoggansa olaanaa hanga dakaatti jiru ta’uu dubbatu.

Keessattuu bu’aawwan qorannoowwan bahan sirnaan funaananii gama hojii qonnaatti galchuun bu’aan qabatamaa damee qonnaa irratti akka argamuuf shoorri hoggantootni Biiroo Qonnaafi Qabeenya Oromiyaatiin hojjatamaa tures fakkeenyummaadhaan kan ka’uu danda’u ta’uus ni ibsu.

Akka ibsasaaniitti; rakkoowwan guddaan seektara qonnaa biyyattii keessatti waggoota hedduuf mul’ataa turan keessaa inni tokko teknolojii qonnaa haaraa bahanitti sirnaan fayyadamuu ture. Hojiin barana sadarkaa Oromiyaatti Biiroo Qonna Oromiyaatiin hojjatame immoo hudhaa kana kan cabse duwwaa osoo hintaane, seektara qonnaa akka biyyaatti jiran hundaafuu akka moodelaatti kan fudhatamuu danda’uudha.

Biyya kanatti rakkoo qorannoo gaggeessuu osoo hintaane, rakkoo bu’aa qorannootti fayyadamuuttu jira. Ilaalchi kun bakka guutummaatti hincabnetti immoo seektara qonna biyyattii guutummaatti jijjiiruun ulfaataa ta’a.

Waggoota sadeen darbanitti wanti seektarri qonnaa naannoo Oromiyaa taasisaa ture ilaalcha baratamaa kana keessaa guutummaatti bahuurratti kan xiyyeeffate waan tureef yeroo ammaa sanyiiwwan akka biyyaatti daran barbaadaman; qamadiif garbuu bonaafi ganna omishuun ofirra darbee waan biyyattii sooruu danda’u omishuun danda’amaa jira.

Gama omisha garbuutiinis garbuu biiraa omishuuf doolaaraan alaa gala ture yeroo ammaa guutummatti biyya keessatti omishuun danda’ameera.

Kanaanis baasii alaa hir’isuu bira darbamee yeroo akka ammaatti biyyattiin rakkoolee hedduuf saaxilamtetti doolaara akka qusattu gochuun waan guddaadha.

“Hojiiwwan qorannoo gara garaa giddugaloota qorannoo qonnaafi dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti qabeenya mootummaatiifi ummataatiin hojjataman hundi osoo lafarratti hojirra oolanii rakkoon qonnaa biyyattii irra jireessaan ni furama” kan jedhan Doktar Abarraan, yoo hin taane garuu qorannoon gaggeeffamu kisaasama qabeenyaa ta’uu dubbatu.

Walumaagalatti, waggoota kurnan lamaan darbanitti dinagdeen biyyattii qonnaan durfamaa tureefi boodarratti immoo gara indaastiriin durfamuutti ce’e keessatti ga’een qonnaa olaanaa ture.

Omishaafi omishtummaa dabaluudhaan keessattuu akaakuuwwan midhaanii barbaadamoo ta’aniifi biyya alaatii gala turan biyya keessatti omishuu sadarkaa danda’amee irra gahuun immoo milkii seektara qonnaa waggoottan sadeen darbaniiti.

Hunda caalaa immoo sosochiin damee qonnaa naannoo Oromiyaatti jiru naannolee biyyattii hundaaf kan fakkeenya ta’uudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014

Recommended For You

About the Author: wendimagegn