Gooliin bahi; jennee Itoophiyaa qoraasuun amma

Itoophiyaa qoraasuun amma wayya, kan hinqoraane foolii bada, hamaa dhala, goolii uuma jedhama. Biyyi meeshaa miti hoo akkamiin qoraasu? maal qoraasu? jedhamuun hinoolu. Dhaqna qabaan akka qaba jedhama mitiiree warra foolii biyyaa balleessaa jiru funaananii qoraasuun yoo didanimmoo raasuun amma.

Gooliin bahiin maali? Fulbaanni 17 guyyaa goolii golaafi qe’ee akkasumas ayyaana ofiirraa itti baasaniidha. Kunis simannaa Birraatiif qunniin ykn hingiccaan buqqa’ee utubaa manaarratti shamarraniin hidhamaa ture xomboora ykn guca bobahutti maramee yeroo ittigubatudha.

Akka sirnaafi aadaa kabaja ayyaana Masqalaa Oromootti Fulbaanni 17 wayita ibsaa guban qunnii ykn hingiccaa shamarran utubaa manaarratti maran hiikamee xombooratti maruun wiirtuu waloo ibsaa itti gubanitti bobeessu.

Qunniin torban sadiif utubaa manaarra taa’e sun turtii torbanoota sadii keessatti hamaa eebba maatiifi gola nyaatu sassaaba jedhamee waan yaadamuuf gaafa ibsaan gubamu xomboora ykn guca bobeeffamutti maruun akka gubatu godhama.

Gucicha gola keessa naannessanii tuttumachaa, “Gooliin bahi kan baranaan nageesse beregereen naga’i” jedhanii hamaan gola onsaaafii nagaa booressaa ture akka bahuuf ajaju; gooliin bahi jechuunis kana.

Kana malees midhaan oyruurra bakkeerratti argamus tuttumachuun hamaan eebba callaa nyaatu akka irraa ka’u ongorogobbaasha kan baranaan nageesse beregereen nugahi jedhanii hamaan akka bahu ajaju.

Wayita kana qixqaaxee (mudhukni) waggaa kan eebba nyaatu, kan dhala nyaatuufi haalota gara garaan maatii goolaa ture irraa hurgufamee akka gubatetti yaadama. Sana booda daaraa Masqalaa adda ofiitti yoo godhatan addaggeen adda namaa hinbaaattu jedhamee amanama jechuudha.

Daaraa Masqalaa addatti godhahuun akka addaggeen adda namaa hinbaanne, mortuun nama hindandeenyeef ayyaana ulfaataa namarra kaa’a jedhamee yaadama.

Egaa ergan waa’ee goolii baasuu hammana jedhee aadaan kun hamaa Itoophiyaa goolaa jiru kana ajajee akka baasu kadhachuun murteessaadha jedhee waanan amaneefi.

Itoophiyaan erga rakkoo nageenyaatiin rafamuu jalqabdee waggoonni lakkaa’amaniiru. Sirni ABUT humna qeerrootiin angoorraa ari’ame miira akka baraatti miti akkan barettin bula jedhu qabachuusaatiin har’a dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhabuu lammiilee gaaffii jala galeera.

Miiraan oofamanii walajjeesuun, waljifachuun, akka dhaloonni dhufu ilaalcha balaafamaa waliif qabaatuuf shirri xaxamaa jiru hammaataadha. Murna ABUT jechuun ummata Tigraay jechuu akka hintaanes himamaa tureera. Ta’us namoonni miira maalnadhibdeetiin oofaman tokko tokko ummata Tigraay akka Bulguutti ilaaluun barbaachisaadha jedhanii yaadu.

Kun alseerummaa seenaan hindaganneefi safuu Itoophiyummaa cabse waan ta’eef gama kanaan yoo sirreeffamni jiraachuu baate amantaa lammiileen mootummaarraa qaban akka laafu kan godhudha.

Erga mootummaan haaromsaa aangootti dhufee as olii gadi socho’anii hojjechuu mitiitii qe’eefi goluma ofiittuu kabaja dhabuun ari’atamuun, ajjeefamuun heddummaateera. Goolessituutu gola seenee bahuu dide waan ta’eef gubnee baasuun alanuma egaa.

Kanaraa kan ka’e murna biyya goolaa jiru kana gola keessaa baasuuf tarkaanfii biyya baraaruu fudhatamaa jiruun walqabatee lammiileen qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an hedduudha..

Taatee kanaan walqabatee hariiroo dippilomaasiin Itoophiyaa biyyoota gara garaa waliin qabdu waan hanqina qabuuf akka dhiibbaan dinagdeefi hawaasummaa biyyattiirratti tasifamuuf karaa banaa jira.

Lammiileen Itoophiyaa biyyoota Arabaa jiranillee gara biyyasaaniitti akka deebi’an taasifamaa jiru. Kunniin hundi qaamuma goolii biyya keenya raasaafi golgoleessaa jiruuti.

Waraanni kaabatti dhalate caamuu didee ammallee dinagdee, hawaasummaafi siyaasa biyya keenyaa elmaa jira. Gubaan Masqalaa alanaa kun goolii kana gubee akka nurraa baasu hamaa akka bofaa mataa dhokfatee biyya diigaa jiru kana akka gubu kadhachuun murteessaadha.

Gooliin fayyaa goola, gola goola, nagaa goola, biyya goola, kanarraa kan ka’e biitti akka gaagura kanniisni keessaa godaantee bookeen itti huursituu dinagdeen hawaasummaan, siyaasaan ontee ajjeefamuufi qe’eef qabeenya ofiirraa buqqa’uu lammiilee qaqqabsiisuu danda’a. Kanas ifatti argaa jirra. Maddi hadhooftuu Itoophiyaanonni liqimsaa jiranis kanuma.

Egaa ayyaana masqalaa alana akka biyyaatti kabajamu kanaan gooliin kun bahinnaa?Tasgabbiifi nageenyi biyyaa akkasumas kan lammiilee mirkanaa’innaa jedhanii yaaduun hinoolu.

Kun akka ta’uufimmoo qabsoon murnoota ABUT irratti taasifamu akkuma jirutti ta’ee fakkeessitoonni mootummaa fakkaachaa ergama hammeenyaa bobaa jalatti baatanii deeman caasaa mootummaa keessaa yeroo itti buqqifaman akka ta’uufis fedhiifi hawwii keenya.

Mootummaan federaalaa Fulbaana 24 bara 2014 hundaa’u dhimma nageenya biyyaa kana qabatamaan mirkaneessuuf qaamota isa fakkaachaa gola Itoophiyaanotaa goolaa jiraniifi siyaasa dhokataa sirna jaarraa 16fa deebisuuf dheebotanii harkatti maseensuu qaba.

Dabalataanis murnoota kashalabbee mootummaa fakkaachaa imala Itoophiyaa sakaaluuf shira xaxan kanarratti dammaquun bobaasaa jalaa buqqisee hayyoota ilaalcha walqixxummaa, misoomawaafi nageenyaatti amananiin of ijaaree Itoophiyaa hunda walqixa keessumeessitu qabaachuuf hojjechuu qaba.

Gooliin namaan hojjetu, gola goolessu,qe’ee onsuufi ilaalcha dulloomaa jaarraa 16fan Itoophyaa kabna jedhee yaadu ibsaa Masqalaatiin gubatee haa bahu.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014

Recommended For You

About the Author: wendimagegn