Waldaa Sanyii Baay’isuu Dhakaa Diimaa: Gurmuu hanqina sanyii filatamaa furuuf hojjechaa jiru

Waldaa Sanyii Baay’isuu Dhakaa Diimaa Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti lafa hektaara 45 ol irratti hojii sanyii qamadii baay’isuurratti bobba’ee hojjechaa jira.

Hojii miseensonni waldichaa kilaastaraan gurmaa’anii hojjechaa jiran kun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurra darbee hanqina sanyii filatamaa furuu keessattillee gahee guddaa qaba. Kilaastarri qamadii waldichi teknolojii qonnaafi galteewwan qonnaatti fayyadamuun omishe torban darbe garee gaazexeessitoota, ogeessotaafi hoggantoota sektara qonnaatiin daaw’atameera.

Miseensa waldichaa kan ta’an Obbo Amaan Maguu akka Gaazexaa Bariisaatti himanitti, Waldaan Sanyii Baay’isuu dhiirotaa 14fi dubartoota 12 waliigalaan miseensota 26n hundaa’e. Waldichi barana lafa qonnaa hektaara 45.9 mootummaan kenneefirratti akaakuu qamadii ‘qaqqabaa’ jedhamu makkaanaayizeeshinii qonnaafi paakeejii qonnaa (galteewwan qonnaa) guutuu fayyadamuudhaan facaaseera. Lafa heektaara tokkorratti ammoo raafuu dhaabee irraa gurgurataa jira. Omishni qamadii kun omishaafi omishtummaa qamadii guddisuurra darbee rakkoo hanqina sanyii filatamaa qamadii furuu keessattillee gahee guddaa kan qabu ta’uu dubbatu.

Waldichi qamadiin akka faca’een qoricha farra aramaa haaraa ‘Palaas Supper’ jedhamuufi akaakuuwwan aramaa hunda balleessu kan dhaabbanni ittigaafatamummaasaa murtaa’e ‘CHEMTEX’ dhiyeesseef maasaarratti waan biifeef omishni qamadichaa aramaarraa bilisa. Milkaa’ina hojii keenyaaf deggersi ogeessonni sektara qonnaa nuu taasisan olaanaadha jedhu.

Waldichi gara fuulduraatti meeshaalee qonnaa kanneen akka tiraaktaraafi kombaay’inara bituudhaan hojii qonna bonaafi gannaa bal’inaan hojjechuuf karoora guddaa kan qabu ta’uus eeranii, hojiin qonna bonaa kan gannaarra xiqqoo waan cimuuf mootummaan deggersa barbaachisu akka waldichaaf taasisu gaafataniiru.

Waldichi laga Aannannoo naannawaa lafa qonnaasaa yaa’u fayyadamuudhaan bona baranaa jillisiidhaan omisha qamadii akkasumas kuduraafi muduraa gara garaa bal’inaan omishuuf karoora guddaa qaba. Omisha kana adeemsisuuf ammoo motoora bishaan lagichaa harkisee maasaa keessa dhangalaasu qabaachuun dirqama ta’uufi kanaafis waajjirri qonnaa godinichaa deggersa motooraa akka isaaniif taasisu gaafataniiru.

Waldichi motora bishaan lagaa harkisee maasaarra dhangalaasu tokko kan laficha waliin kennameef qaba. Yeroo roobni gidduudhaan addaan citee tureefi abdii kutannetti motoora tokkittii kanatti fayyadamuudhaan bishaan lagaa harkifnee omisha qamadii kana badii oolchineera. Raabni addaa cite turesutuu hinturin waan roobeef omishni qamadii kun badii oolee har’a kan qaamolee gara garaatiin daawwatamu ta’eera jedhu Obbo Amaan.

Hanqinni sanyii filatamaa akka naannoottis ta’e biyyaatti rakkoo qonna bonaafi gannaarratti mul’atu ta’uu himanii, waldichi keessumaa sanyii filatamaa qamadii baay’isuudhaan rakkoo kana furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Waldichi qonna bona dhufuutiinis laficharratti sanyii boqqolloo, qamadii limuufi daamotee jedhamu baay’isuun ummataaf dhiyeessuuf kan hojjetu ta’uu eeru.

Obbo Amaan akka jedhanitti, waldichi garafuulduraatti mekaanaayzeeshinii qonnaatti fayyadamee qotuudhaan hanqina sanyii filatamaa sadarkaa biyyaatti jiru furuu ykn hambisuudha. Utuu humna qabnuu, hojjechuu dandeenyuu, lafa bal’aa qabnuu, lagni nubira yaa’uu qamadii biyya alaatii bitanii galchuun qaaniidha.

Waldichi mootummaarraa deggersa faayinaansii xiqqoo argannaan omisha qonnaa lafa bal’aarratti adeemsisuun hanqina sanyii filatamaa biyyattii keessa jiru hambisuu ni danda’a. Kanaafis karooraa qophii cimaa qaba.

Miseensonni waldichaa qarshii, humnaafi yeroosaanii aarsaa gochuudhaan qamadii maasaarratti mul’atu kana omishneerra kan jedhan Obbo Amaan, mootummaan utuu sarara elektirikii harkisee lagicharraan nuuf ga’ee qonna bonaatiin lafa bal’aa qotuudhaan omisha guddaa argachuu dandeenya.

Yeroo bonaa motoraan bishaan lagaa harkisanii qotuun boba’aaf baasii guddaa waan gaafatuuf mootummaan utuu sasara humna ibsaa nuuf diriirsee tibba bonaa hojii qonnaa bal’aa adeemsisuu dandeenya. Guddinni waldichaa karaa biraatiin guddina biyyaa waan ta’eef mootummaan deggersa barbaachisu akka nuu taasisu gaafanna jedhu.

Waldichi hojjetee guddachuuf kutannoo cimaa qaba. Rakkoolee humnasaatii oliin yoo sakaalame garuu bakka yaadeefi karoorfate ga’uu waan hindandeenyeef mootummaan deggersa barbaachisu akka waldichaaf taasisuuf gaafataniiru.

Waldichi yeroo ammaa hojidhabdoota 14f carraa hojii uumee hojjisiisaa jira kan jedhan Obbo Amaan, miseensonni waldichaas qooda hojii fudhatanii hojii waldichaa akka hojii dhuunfaasaaniitti ittigaafatamummaafi amanamummaa cimaan hojjechaa jiru. Omishni qamadii kun waan namoonni hinmilkaa’u jedhanii yaadantu milkaa’ee kan qaamolee gara garaatiin daaw’atamu ta’e. Kun ciminaafi kutannoon hojjechuu waldichaa kan mul’isuudha.

Waldaadhaanis ta’e kilaastaraan gurmaa’anii makkanaayizeeshinii qotuufi galteewwan qonnaa fayyadamuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kanaafuu qonnaan bultoonni hanga ammaatti kilaastaraan hingurmaa’in jiran kilaasteraan gurmaa’uu akka qabaniifi warra kilaasteraan gurmaa’anii omishanirraa muuxannoo qooddachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Omisha qamadii waldaan keenya omishe kana kanaan dura waldaaleen 14 dhufanii daawwachuun muuxannoo nurraa qooddataniiru kan jedhan Obbo Amaan, waldaadhaanis ta’e kilaasteraan gurmaa’anii hojii qonnaa hojjechuun inni humna hinqabne isa humna qabutti hirkatee tattaaffii cimaa akka taasisuufi omisha gaarii argatu taasisa. Waldaadhaanis ta’e kilaastaraan gurmaa’anii qotuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessattillee gahee olaanaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.

Waldaan Sanyii Baay’isuu Booraa Dambal sanyii qamadii filatamaa gatii gad bu’aadhaan waldaa keenyaaf kennuun deggersa guddaa nuuf tasiseera kan jedhan Obbo Amaan, dhaabbanni ittigaafatamummaasaa murtaa’e ‘CHEMTEX’ jedhamus qoricha farra aramaa haaraa ‘Pilaas Supper’ jedhamu dhiyeessuufi ogeessotas nuuf erguudhaan milkaa’ina hojii waldichaaf gumaacha cimaa waan taasisaniif galateeffataniiru.

Qorichi farra aramaa haaraan kun akaakuuwwan aramaa hunda balleessuudhaan hojii qonnaa daran nuuf salphiseera. Omishni qamadii kun aramaarraa bilisa ta’ee omisha olaanaa kennuuf akka abdachiisus taasiseera. Hojii qonnaa kana milkeessuuf waan akka namaatti hojjechuun nurraa eegamu hunda raawwanneerra. Daraaraa qamadii kana ijatti jijjiiruufi rooba roobsuun ammoo hojii Rabbiiti jedhu.

Biyyattii hiyyummaa keessaa baasanii gara badhaadhinaafi milkaa’inaatti ceesisuuf hojiin qonna mala aadaatiin geggeeffamurraa gara qonna ammayyaa’aatti ceesisuuf taasifamaa jiru cimee ittifufuu akka qabu Obbo Amaan eeraniiru.

 Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014

Recommended For You