Irreecha; Wiirtuu walitti dhufeenyaa; utubaa tokkummaa

Irreechi Oromoo biratti seenaa bara dheeraa qaba. Umurii sirna gadaa qabaachuu ni mala jedhamee yaadama. Oromoon akkuma naannawasaatti malkaatti ba’ee irreeffatee, dhibaafatee kabaja; nyaatee dhugee, sirbee, shubbisee, garmaamee ayyaanefata.

Sirni Irreechaa umurii dheeraa qabaatullee akkuma sirna Gadaa dhiibbaa guddaa jala ture. Naannawa tokko tokkotti irreecha irreeffachuun addaan cite ture. Dhiibbaan sirna bittaa biyyaa kanaa addaan cituu kabaja sirna irreechaatiif qabata isa muummeedha. Amantiiwwan Oromoon akka fudhatu taasisames gahee mataasaanii qabu. Ammayyummaanillee qooda keessaa qaba. Garuu bultee bubbultus Oromoon qabsaa’ee reebbateera. Kabajni sirna Irreecha Hora Arsadii bu’aa qabsoo Oromooti. Irreechi Malkaa Finfinnees akka laayyotti hindeebine.

Irreechi jabaatee kan ifatti bahe jiguu sirna darguu booda. Sirni irreechaa Hora Arsadii waggaa dheeraaf jiraatullee haala wiirtuu Oromoo ta’uun kabajamuu kan jalqabe gadaa sadeen darban keessa. Si’oominaafi hoo’ina akkasumas sirna cimaa kan godhate yeroo kana keessa. Malkaan Tuulamaa Oromoo fagoofi dhihoo, gamaafi gamanaa Maccarraa, Boranaafi Gujii, Sikkoofi Mandoo akkasumas Ituurraa kan walitti fidee afuura walfudhachiise, kan malkaa tokkotti irreeffachiise, kan duudhaafi uumaa yaadachiise bara Darguutii asi. Irreechi Hora Arsadii kan Oromootaan bala’atee gabbatee, duudhaafi safuu Oromoo qabatee qabsoo dhiigatiin.

Hori Finfinnee eddii dhorkamee waggaa 150 booda bara 2011 yeroo jalqabaaf kan kabajame wareegamni kanfalameeti. Hara malkaa irreechaa hedduu qabna. Macca yoo deemne, Sikkoo Mandoo yoo dhaqne, Itutti yoo baane, Karrayyuutti yoo godaanne, Boranaafi Gujii yoo buune bakka Waaqa keenya itti galateeffannu hedduu qabna. Waaqayyoofi Qabsaa’oti Oromoo galata haa argatan.

Akka seenaafi seeratti irreechi nagaadha. Kallachaafi caaccuu qabatee nagaa lallaba, seera walqixxumma dhala namaa guduunfa. Irreechi jaalala. Jaalala uumaafi uumamaa of keessatti hammata. Irreechi tokkummaadha. Tokkummaa Oromootaa. Wiirtuu Oromootaati. Irreechi ilaalcha ykn falaasama siyaasaa hinqabu. Amantiin Oromoota gargar hinbaasu. Wiirtuu tokkummaa, hundee eenyummaati.

Kabajni sirna Irreechaa hunduu yaadannoo mataasaanii qabu. Ashaaraa seenaa dhiisanii darbaniiru. Irreecharratti gammachuufi gadda argineerra. Irreecharratti kolfinee, shubbisnee taphanneera. Irrecharratti reebichaafi hidhaa qofa osoo hinta’iin ajjechaa suukaneessaa keessummeessineerra. Namni nagayaan waaqa galateeffachuuf manaa bahe hiriyaa of biraa dhabee yeroon boo’aa itti gala ni jira. Kun gochaa hamaa mootummaan wayyaaneen hogganamu faallaa sirna Irreechatiin raawwateedha.

Akkuman sila kaase irreechi yaadannoofi muuxxannoo hedduu qaba. Mudannoo Irreechaan walqabate keessaa taateen Hora Arsadiiti bara 2009 ta’e yoomiyyyuu kan dagatamuu miti. Qeerroofi qarreen Oromoo hedduun Bishooftuutti lubbuunsaanii darbeera. Kanaaf itti gaafatama kan fudhatu mootummaa yeroo sana aangorra jiru kan ‘TPLF’n durfamuudha. Sirna kabaja Irreechaa keessatti taateen akkasii uumamee hinbeeku. Waaqayyo lammata Oromootti hindeebisiin.

Dhugaan taatee Irreecha bara 2009 akka ilaalcha kootitti, waanuma dhokatee jiru natti fakkaata. Hanga hubannoo kootti lubbuun nama meeqaa akka wareegamte qaamni walaba ta’e qoratee ifa hintaane. Maqaan Oromoota guyyaa sana lubbuunsaanii darbee katabamee iddoo seena qabeessa taa’uu qaba; suurasaanii wajjiniin. Kun gochaawwan suukaneessaa sirni wayyaanee Oromoorraan gahe haala dhugaa qabeessaan hubachiisa.

Gama biraatiin wareegamtoota guyyaa sanaatiin qeerroofi qarree lubbuusaanii dhabaniif yaadannoon gochicha madaaluufi mul’isu hinijaaramne. Wanti yaalame akka jiru beeka. Siidaan akka ijaaramuu ta’e tokko dhugaa sana ifatti kan baasuu miti. Gochaa guyyaasanaa kan dhalootaaf dabarsuu miti. Hanqina hedduu of keessaa qaba.

Kanaaf, siidaan gochaa sana madaalu magaalaa Bishooftuu keessatti bakka kabajaafi mul’atutti ijaaramuu qaba jedheen yaada. Siidaa kana wajjiniin muuziyeemiin sirna Gadaafi Sirna Irreechaa mul’isu, bakki bashannanaa, aartiin Oromoo itti calaqqisu ijaaramuu qaba. Maqaan wareegamtootaafi suuraansaanii godamabaa kana keessatti walitti qabamuu qaba. Kun magaalittii wiirtuu Oromoo taasisa. Shinniigaatti aanee bakki dhiigni Oromoo gargarbaatii tokko malee waliin itti dhangala’eedha.

Yaadannoo Irreechaa keessaa inni biraa Irreechi Malkaa Finfinnee waggaa 150 booda deebi’ee kabajamuu jalqabamuu isaati. Jaarraa tokkoofi walakkaa booda bara 2012 haala ajaa’ibsiisaadhaan kabajamuunsaa kan yaadatamuudha. Miiraa bara 2012 sana namni lubbuun jiru kan dagatuu miti.

Irreechi magaalaa Finfinneetti kabajamuun Abbaa biyyaa kan ta’e ummata Oromoo gammachiiseera. Qaamni mootummaa ayyaanichi bakkatti akka deebi’u gumaacha taasises galata qaba. Gama biraatiin qeerroon lolee sirrna hamaa sana jijjire mootummaa haarawa fide mootummaarraa galata argachuu qaba.

Irreechi Malkaa Finfinnee kun Malkaan itti irreeffatamu sirriitti adda hinbaane jedheen amana. Bakki amma Irreechaaf qophaa’e sanarratti beektonni irratti walii hingalle. Gosooti Oromoo Finfinnee turan, kan Finfinneen ofirraa dhiibdee faffacaaste sun eessatti irreeffataa turan jedhanii qoratanii bakkatti deebisuun gaariidha. Malkaan oodaafi safuu qabdi waan ta’eef.

Kanuma wajjin walqabatee Finfinnee keessa bakki abbootiin gadaa itti qubatan, itti mari’atan, afuura itti baafatan hinjiru. Wiirtuun Aadaa Oromoo jira jechuu dandeessu. Inni kan mootummaati. Mootummaan aajaa hedduu itti qaba. Galmi biraa kan gumii abbootii gadaatiin bulu Galmi Hora Finfinnee kan godaambaa adda addaa of keessaa iddoo seena qabeessaafi walakkaa magaalattii kessa jiraachuu qaba. Beenyaa Oromoota Addis Ababaan eenyumaasaanii balleessitee ta’ee tajaajila. Ummati Xoobbiyaa maalummaa sirna kanaa akka itti hiiqee baru gargaara. Gargaaruu qofa osoo hintaane akka sirna isaatti akka fudhatu karaa saaqa; akkuma yeroo ammaa sabaafi sablammiin irratti argamee kabajaa jiru kana. Gama biraatiin qo’attootaaf haala mijataa uuma. Kanaaf itti yaadamuu qaba.

Yaada kana abbootiin Gadaa, abbootiin malkaa, haadholiin siinqee ajandaa gochuu qabu. Lafa Finfinneedhaa argachuuf yaalii gochuu qabu. Ijaarsi isaa rakkoo waan qabu natti hinfakkaatu. Hayyotaafi beektota hedduutu jira. Oromoon guyyaa Irreechaa irreecha Malkaa Finfinnee dhufan qofti qarshii kudhan kudhan yoo walitti buusan galma Abbaa Gadaa miidhagaasaa ijaaruu ni danda’a. Kanaaf itti yaadamuu qaba.

Egaa biraan bari’ee jira. Bacaqii gannaa ofkalleerra. Dukkana keessaa baanee kunoo guyyaa irreechaa geenyeerra. Guyyaa kana walitti dhufnee sirbinee galuu qofa osoo hin taane gara aadaa meeshaan ibsamutti (material culture) dabarsuun barbaachisaadha. Barri bara teknolojiiti. Yeroon yeroo giloobaalaayizeeshiniiti. Yeroo inni jabaan xiqqaa liqimsu; yeroo ammayyummaan aadaa dhabamsiisu; osoo hinbeekiin afaan kee si irraanffachiisu; seenaa kee si dagachiisuudha.

Kanaaf barri bara aadaafi seenaa ofii barreeffamaan, meeshaadhaan, aartiidhaan… olkaayyatanii dhalootaaf dabarsaniidha. Gama kanaan qaamni mootummaa, beektonni, hayyoonni… qindaa’anii waan Oromoo fakkaatu kaa’anii darbuu qabun jedha. Hunda keenyaaf Irreechi baranaa Irreecha nagayaa nuuf haa ta’u.

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014

Recommended For You

About the Author: wendimagegn