Irreechi Irreedha! – Ergaa MM Abiyyi Ayyaana Irreechaa sababeefachuun dabarsan

Oromoon duudhaalee nagaa, araara, jaalaalaafi obbolummaa ijaaran hedduudhaan ummata badhaadhe. Ayyaanni Irreechaas duudhalee kanaan kan guutamedha. Ummatni Oromoo Irreecha kunuunsee Itoophiyaanota dhaalchisuu isaatiif kabajatu isaaf mala. Itoophiyaanonni martinuu baga guyyaa kabaja ayyaana Irreechaa geessan, baga gammaddan jechuun fedha. Ayyaanni Irreechaa ayyaana hunda keenyaati.

Irreechi ayyaana galateeffaannaafi dhugeeffannaa Waaqaati. Irreechi ayyaana nagaa fi araaraati. Ummanni Oromoo Waaqa waa hunda sirneessee uume, Waaqa humna hundaa ol qabu gamtaan malkaa bu’ee, tulluu bahee umaama qabatee Uumaa galateeffata, dhuggeeffata, kadhata. Kenna kabajamaa Uumaarraa argatee ni raajjeffata; ni dhugeeffata. Waloomaafi waliin jireenya uumamaa dinqifachaa umama qabatee Uumaaf galata galcha. Waaqni Irreecha magarse namarraa galata argata. Namni ammoo jiidha Uumaan isaaf kenne qabatee Uumama dinqifata; Uumaa galteeffata. Namni Irreeffatu waliif, ollaaf, alaafi manaaf, biyyaafi alaalaaf nagaa ta’uu qaba.

Irreechi riqicha Uumaafi umama wal quunnamsiisudha. Waaqni safuu ittiin uumama sirneesse qajeelchu qaba. Safuun Umaa-uumama kunis akka sirneeffamee ture sanatti akka fulla’uuf kadhatan.

Nageenyi, araarri, jaalalli, obbolummaafi tokkummaan duudhalee ijoo ayyaana Irreechaati.

Ayyaanni Irreechhaa, guyyaa eebbaati, guyyaa kadhannaati, guyyaa galataati, guyyaa araaraati, guyyaa nageenyaati, guyyaa jaalalaati, guyyaa tokkummaati, guyyaa obbolumaati, guyyaa dhiifamaati, guyyaa waadaati.

Oromoon nageenya, walitti dhufeenya namaafi umamaa, hormaata, fayyaa, callaa, beellada, rooba, qilleensa, bosona, ijoollee, maatii, qe’ee, gosa, biyyaa isaatiif, akkasumas addunyaa fi dhala namaa maraaf haala aadaa isaatiin Waaqa isaa galateeffata, ni kadhata, ni eebbisa.

Irreechi ayyaana ce’umsaati. Misiraachoon Ganna bacaqii keessaa gara ifa Birraatti ce’uu Irreechaan labsama. Dukkana irraa ifaatti; jibba irraa jaalalaatti; dinummaa irraa obbolummaatti; gadadoo irraa badhaadhinaatti; lola irraa araaratti; haaloo irraa dhiifamatti, hammeenya irraa gaaromaatti; tuffii irraa wal kabajuutti; waca irraa Ilaafi Ilaameetti /waldhageeffachuutti/; walitti aaruu irraa walobsuutti ce’uudha. Ce’umsi rakkoo ni qabdi. Rakkoo gamaan, dukkana gamaan, hurrii gamaan abdiitu jira. Irreechi abdiidha. Oromoon Irreecha keessatti mul’ata waloo akeeka.

Irreechi qulqullina qaamaafi sammuutiin miira gammachuufi nagaatiin kabajama. Irreeffannaaf namni wal-dhabe araaramee, jibbaafi jallina, gadoofi daba irraa qulqullaa’ee jaalaafi gammachuun gamtaan kabajama. Seerri Uumamaa akka hin dabne, Uumaan Uumamatti akka garaa hin jabaanneef Waaqa kadhachuudha. Kanaafuu, Irreechi Araara, Nagaa, Jaalalaafi Tokkummaadha. Santu seera, duudhaa, safuufi kudhaammata Sirna Gadaati.

Atoomni Uumamaafi Namaa madda guddinaafi badhaadhinaati. Hiree Uumaan nuuf kenne beekuun, dhangaa inni nu badhaasetti fayyadamuun ammoo qaroomina. Qaroomina aadaan qabnuun jabaannee yoo hojjenne dirree hundarratti ni injifanna; ni milkoofna.

Duudhaafi soonni tokkummaan keenya Itoophiyaarra darbee Afrikaa ijaaruuf humna guddaadha. Eelaafi meeluu, safuufi duudhaan dhidhiibuu qabna. Didaa gorfachuufi gumiitti deeffachuutu furmaata. Jabaa ofii faarsuun, hawwii gaarii waliif ibsuun guddummaadha. Oolmaa gaariif wal-galateeffachuufi imaanaa walirra kahachuunis murteessaadha.

Irreecha irratti gammachuu waan gaarii argachuutu leellifama. Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siiqqee, Qeerroofi Qarreen, gaheessis gameessis ayyaana Irreechaarratti huccuu aadaatiin faayamanii safuufi sonaalee ayyanicha eeganii miidhaganii kabajatu. Sirbaafi weedduu aadaa isaaniin eenyummaa Oromoo addunyaatti mul’isu. Tokkummaa, obbolummaa, jaalalaafi kabaja, seenaa waloo yaadatu, ni haaromfatu. Kabaja heddumina aadaafi amantaaf qaban mirkaneessu. Tokkummaafi obbolummaa duudhaalee Irreechaa bu’ureeffateen Oromiyaa ni ijaaru; Itoophiyaa ni utubu. Walta’insa sabootaa, sablammootaafi ummatoota Itoophiyaatiif riqicha cimaa ni ta’a.

Irreeffannaan ayyaana galateeffannaa Uumaaf dhihaatu waan taheef, Ayyaana Oromoon qofti kabaju miti. Sabooti, sablammootiifi ummatooti Itoophiyaa hundi duudhaalee Irreechaa ni qooddatu. Irreechi waltajjii waloo sabootiifi sablammooti Itoophiyaa aadaa uffannaa, faaya, sirbaafi ragada eenyummaa isaanii itti ibsatan ta’aa dhufeera. Kanaaf, Irreechi ayyaana sabootaa, sab-lammootaafi ummattoota Itoophiyaa hundaa taheera. Waggoottan muraasaa asitti tuuristoota fagoofi dippilomaatota biyyootaa hawwachaa jira.

Hardhas namni Irreecha beeku Nagaa lallaba. Jaalalaafi tokkummaa, waltumsaafi obbolummaa utuba. Irreessi irreedha. Irreen jabaadha. Irreen tokkummaadha; tokkummaan humnadha; humni beekumsadha; beekumsi hayyummaadha. Tokkummaan hundeedha; hundeen Oromummaadha; Oromummaan Gadaadha; Irreessi utubaadha. Irreessi Irree-Isaati; irren kan Waaqaati.

Waaqni dhugaadha; Irreechi dhugeeffannaadha; Oromoon dhugaa qaba; Biyyi keenya Itoophiyaan dhugaa qabdi. Dhugaan mo’ataadha. Mo’achaa ni ceena; ce’aa ni mo’anna; bakka yaadne ni geenya.

Ayyaana Irreechaa baranaa biyyi keenya Itoophiyaan abdii fi qormaata gidduutti argamuun kabajji. Bacaqiin gannaa hanga fedhe ulfaatus, dukkanaa’ee hinhafu. Ni bari’a. Asheetni birraa nyaatamu ganna yeroo rakkinaa keessa qotama. Biyya keenya Itoophiyaa gara ifa badhaadhinaatti ceesisuuf yeroo rakkinaa kana keessa hojii rokko qabnu karaa waara’aa ta’een furuu dandeessisu hojjechuutu nurraa eegama. Yoo tokkumaan hojjenne biyya keenya dukkana keessaa gara ifa waara’aatti, rakkoo irraa gara qananiitti ceesisuu dandeenya.

Rakkina keessa jirru ceenee, egereen biyya keenyaa akka ifa birraa haala nama hawwatuun quuqee bahuun isaa waan hafu miti. Dukkanni gannaa fi rakkinni yeroo abbootii keenyaa tureef kan ammaa tokko miti. Dhalli namaa tattaaffi yeroodhaa gara yerootti taasisaa dhufeen rakkina yeroo gannaa isaan mudatu hir’isaa dhufanii jiru. Daandii ijaaruun, meeshaalee quunnamtii ammayyaa kalaquun rakkoo furachaa as gahanii jiru. Meeshalee qonnaa amayyaa’aa kalaquun hojii qonnaa karaa salphaa ta’een hojjechuu eegalanii jiru. Dhaabbilee fayyaa ijaarachuun, qoricha uumuun weerara dhibee yeroo gannaa dandadamchuu danda’anii jiru.

Biyyi keenya Itoophiyaan qormaata ishee mudate cehuu kan dandeessu rakkoo numudate irratti hadheeffannee yoo tokkummaan qabsoofne qofa. Jireenya biyya tokkoo keessatti qormaata irraa bilisa ta’uun yoo hindanda’amnellee, qormaata ofirraa hir’isuun ni danda’ama. Murna yeroo ammaa qormaata biyya keenyatti ta’e akka jiraatu gonkumaa hayyamuu hinqabnu. Murni tokkummaa, waliin jireenyaa fi obolummaa ummattoota biyya keenyaa diiguun harka qullaatti nuhambisuuf marxifatee ka’e kana irree gamtoomeen dhabamsiisuu qabna. Murni kun osoo jiruu aduun birraa uumata keenyaaf bahuu akka hindandeenye hubatamuu qaba.

Yeroo qormaataa kana kessa dhagaa hedduutu gamaa gamanaa biyya keenyarratti darabatamaa jira. Dhakaa biyya keenyarratti darabatamaa jiru kana gamtoomnee gara carraatti jijjirruuf jabaannee hojjechuu qabna. Dhakaa kana walitti qabnee manneen barnootaa fi dhaabbilee fayyaa ittiin haa ijaarru. Dhakaa nutti darbatamuun riqaa haa ijaarru, Raayyaa ittisa biyya keenyaa ittiin haacimsannu. Qonna keenya ittiin haa ammayeesinu. Kenna tajaajilaa keenya ittiin haafoyyesinu.

Irreechi baranaa jala bulti biyyi keenya imala haaraa fooyeef of qopheessiteetti kan kabajamudha. Ijaarsi dimookraasii biyya keenyaa, sirni haqaa, hojimaatni diingadee fi hawaasummaa biyya keenyaa karaa ummatoota keenya fayyaduun ni haaromfamu. Dogoggoroota kaleessaa akka irra hindeebi’amne, qormaatotni kaleessaa irra deebiin akka nu hin mudanne murnootni kaleessa nuqoraa turan irra deebiin akka carraa hin arganne, cabiinsi kaleessa akka suphamu, gooboon akka qajeeluu fi egereen biyya keenyaa ifa akka ta’u imala haaraa jalqabuuf qophii xumurree jirra.

Irreechi yeroo kabajamu lolaa fi bishaan booruun darbee, laga taliila kan itti arginu dha. Yeroo dukkanni darbee ifa itti arginudha. Walumaa galatti yeroo “kan darbe nugahaa” itti jedhamudha. Amma mukkeen goganii turan lalisanii jiru. Abaaboon birraa daraaree lafa faayaan uwwisee jira. Margi gogee ture lalisee jira. Booruun calalee, taliila ta’eera.

Imalli keenya gara fuula duratti! Gara muka gogeetti, gara marga gogee harca’eetti, gara bishaan booruutti gara bacaqii gannatti gonkumaa hindeebinu. Bu’a bahii fi qormaata duuba abdiitu jira. Egreen biyya keenyaa abdiidhaan kan guutame ifa akka ta’e yaaduu qabna. Kanaaf ammo tokkummaa,obulummaa, jaalalaa fi abdiidhaan waliin dhaabbachuu akka qabnu Irreechi nu barsiisa.

Qormaatota numudatan hunda waldanda’uu, wal gargaaruu, araaraa, dhiifamaaf nagaadhaan cehuu Irrecchi nubarsiisa!

Gadaan bu’ura eenyummaa Oromooti; Irreechi Utubaadha.

IRREECHI IRREEDHA!!!!!

Gadaan Quufaafi Gabbina!!!!!!

Barri Kan Milkiifi Injifannoo Nuuf Haata’u!!!

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014

Recommended For You

About the Author: wendimagegn