Ergaawwan ijoo sadan boqonnaa haaraa

Wiixata darbe biyyi keenya waaree duraafi booda taatee seenaqabeessa raawwatteetti, hoggantootashii imala boqonnaa haaraaf muuddachuufi addababa’iitti sirna ho’aadhaan simachuu.

Sirna hundeeffama mootummaa haaraa filannoo marsaa 6fa haala nagaqabeessaan ummata miliyoona 40 hirmaachisuun geggeeffame hordofee adeemsifames ta’e simannaarratti ergaawwan ciccimoon kallattii imala badhaadhinaa biyyattii waggoota shanan dhufanii agarsiisan darbaniiru.

Keessumaa hubachiisni Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Roobii darbe wayita kaabineesaanii miseensota 22 qabu paarlaamaaf dhiyeessan kennan imaloota waggoota eeramaniitiif galaa ta’ee kan tajaajiluudha.

Ministirri Muummee Abiyyi dhimmoota ijoo sadii jechuunis hattummaafi kadhattummaa dhabamsiisuu, muudamtoonni kan sablammii otoo hintaane kan Itoophiyaa ta’uufi mormaa hogganuun akka danda’amu kanneen jedhaniidha.

Dhugaa dubbachuuf kan qalbeeffatee hubateef qabxiilee ijoon kunniin imala boqonnaa haaraatiif galaafi utubaa ta’ee kan tajaajiluudha. Muudamtoonnis ta’an hawaasni biyyattii dhimmoota milkaa’ina karoorawwan boqonnaa haaraatiif akka dhagaa goleetti tajaajilan sadan kunniin fedhii, kutattummaafi miira ministirri muummee ibsaniin dagannaafi harcaatii tokko malee yeroo hunda, bakka maratti, hundaanuu hojiitti hiikuu qaba.

Sababiinsaas dhimmoonni kunniin rakkoolee ijoofi murteessoo baroota dhufanii darbanitti biyyattii qormaata hamaa keessa galchaa turan waan ta’aniif. Kanatti dabalees qaamoleen halaala taa’anii qeeqaafi yaada kennaa turan waan kaabineetti makamaniifis miira walta’iinsaafi mariitiin dhimmoota kanneeniifi kaan hojiirra oolchuun misoomaafi nageenya dheebotame mirkaneessuun ni danda’ama.

Dhimmoota murteessoo kanneen hojiitti hiikuun qooda miseensota kaabineefi mootummaa qofa otoo hintaane hawaasni, hoggantoonni hojii sadarkaa sadarkaan jiran, paartiileen siyaasaa muudama keessa galanis ta’ee kaaniif dubbichi dubbii biyya ijaaruufi ummata baraaruu waan ta’eef mamii tokko malee qoodasaanii bahachuu qabu. Haalichi deggarsa ummataa bal’aa kan barbaadu ta’uunis hubatamuu qaba.

Dhumarrattis akkuma ministirri muummeen jedhan muudamtoonni bakka buutota sabaa otoo hintaane lammii Itoophiyaa ta’uusaanii, morkattoonnis kaabinee hundaa’e keessa galan, miseensonni Paartii Badhaadhinaa darbees qaamni ykn namni eessattiyyuu tajaajilummaa ummataafi biyyaarratti ramadameefi ramdamu kamuu ergicha hubachuu qaba, qabu.

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014

Recommended For You