Mootummaa haaraarraa maaltu eegama?

– Gaaffiin ummanni Oromoo barootaaf qabsaa’aafii ture dhimma Afaan Oromoo Afaan hojii federalaa taasisuufaa hojiitti hiikuu qaba.

– Lola araaraan jibba jaalalaan injifatee lammiilee Itoophiyaa hunda keessummeessituufi dimokraatawaa taate ijaaruu qaba.

(Obbo Dirribii Damisee Pirezidaantii Waldaa Maccaafi Tuulamaa)

– Tajaajila yaalaa sadarkaasaa eeggate dhabuun hawaasnis ogeeyyonni fayyaas rakkoo keessa waan jiraniif dhiyeessiin meeshaalee yaalaa sadarkaasaanii eeggatan sirraa’uu dhiyaachuu qabu.

– Hospitaalli Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Naqamatee yaalamtoota godinaalee Wallaggaa afran kan tajaajilu ta’us dhiyeessiin meeshaalee yaalaafi babal’isuu wajjin walqabatee xiyyeeffannoo dhabuun hawaasnis ogeeyyonni fayyaas rakkoo keessa waan jiraniif mootummaa haaraa hundaahuun yaadatamuu qabu.

– Dhukkubsataa keenya biyya keessatti yaaluu dadhabuun biyya alaatti erginee baasii hinmalleef saaxiluun waan sirrii hintaaneef ogeeyyota biyya keessaafi alatti leenjisuun yaala si’ataafi qulqullina qabu biyya keessatti kennuu akka dandeenyu mootummaan hojjechuu qaba.

Ogeeyyonni fayyaa lammiilee eegsisuuf gatii kaffalaa jiran xiyyeeffannoo argachuu malu doktarri hospitaala keenya keessatti hawaasasa tajaajilaa ture dhibamee hirmaannaa uummataan biyya bakkeetti akka yaalamu ta’ee deebiheera, gama kanaan xiyyeeffnnoon ogeeyyota fayyaaf kennamu akka fooyya’u nan abdadha.

Humni namaa ogummaa fayyaatiin ijaaramee lafa taa’u hedduu waan ta’aniif isaan kanneen gahoomsanii hojiitti galchuun fayyaa hawaasaatiif murteessaa waan ta’eef xiyyeeffannoo argachuu qaba. Bara hojii milkaa’inaa akka ta’uufiif nan hawwa.

(Doktar Taarikuu Taaddasaa, Gaggeessaa Hojii Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Naqamatee)

Mootummaan haaraa hundaa’erraa hiyyummaa seenaa gochuun fayyadamummaa lammiilee qabatamaan mirkaneessuuf hojjechuu qaba.

Barana abbootii qabeenyaa gibira amanamummaan kaffalan hedduu badhaaseera. Kana boodammoo abbootii qabeenyaa kumaataman horachuun kumaatama badhaasuuf aantummaasaa agarsiisa jedheen abdhadha.

Alseerummaa kaffaltoota gibiraa muraasarraa mul’atu hambisuun dinagdee biyyaa dandamachiisuuf hojjechuu qaba.

Kaffaltoonni gibiraa hedduu amanamummaan gibira irraa eegamu kaffalaa jiru fuuldurattis kanaa ol hojjetanii ofiifis fayyadamanii biyyasaanii fayyaduu akka dandahaniif qaamonni waajira mootummaarra jiran gaheesaanii akka bahataniif irratti hojjetamuu qaba.

(Obbo Abbabaa Dinquu, Abbaa Qabeenyaa Warshaa Bishaanii Toop)

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014

Recommended For You