Sabaafi sablammoota hedduu kan hirmaachise; Ayyaana Irreechaa baranaa

Bishooftuu: Horri Arsadeefi Fininnee bakka walargii Oromoo ta’eera. Irreechi safuufi duudhaa Oromoon kaleessa buufate ta’uu bira darbee mallattoo tokkummaa, waltajjii miidhaginni Oromoo addunyaafis ta’ee sabaafi sablammoota biratti tulluu ta’ee itti mul’atu.

Utubaa obbolummaa sabaafi sablammootaas ta’ee tajaajiluu eegaleera. Iddoo gahumsa turistii biyya keessaafi alaas ta’ee tajaajilaa jira.

Kun akkuma jirutti ta’ee ayyaanni Irreechaa qormaatawwan addaddaa keessa galuu kabaja ayyaana Irreechaarraa kan hinhafne hojigaggeessaa Ittaanaa Mana Lubummaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Lubni Balaay Makonnin ni dubbatu.

Akka ibsasaaniitti, kaleessa gama tokkoon ala dhiibbaan sirna weerartootaa, keessaan ammoo dhiibbaan amantii dawoo godhate sirnicha akka dadhabu taasiseera.

Har’a immoo ayyaanni kun sadarkaa amma irra jiru kana akkamiin akka gahe dagachuun ayyaanni Irreechaa ajandaa siyaasaa akka ta’u taasifameera. Hambaa kana Oromoon wareegama akkamiin akka asiin gahe dhaloonni har’aa dagachuu hinqabu.

Wanti nama dinqu yeroo ayyaanni Irreechaa waggaa 150 ol booddee Finfinneetti kabajamu namoonni baay’een balaaleffatanii turan. Akkuma beekamu ummanni keenya obsaa, hammataa, jaalataafi walqixxummaa dhala namaa duraan dursee waan beekuuf kunoo har’aa haala adda ta’een sabaafi sablamoonni biyyattii kumaatamaan kabajaa jiru jedhan.

Haati Siinqee Handarii Qaabatoo Godina Arsii Lixaa, Magaalaa Shaashamanneerraa dhufan gamasaaniitiin, ayyaanni kun kan har’a jalqabee osoo hintaane, durumaa kaasee ummanni Oromoo malkaafi tulluutti kabajachaa kan ture ta’uu ibsu. Dhalootni har’aas sirna miidhagaa abbootasaarraa dhaale kana sirnaan kunuunsee dhaloota egereetiif dabarsuu akka qabus ni dubbatu.

Akka yaadasaaniitti; Irreechi irree tokkummaati. Tokkummaan kan saba tokkoo qofa osoo hinta’in kan ummata guutuu biyyaa ta’uu qaba. Kanaafuu waggoota sadan darban kanneen keessa haala maraanuu tasgabbiin biyya keessatti muldhachuusaatiin saboonni biroos asitti argamuudhaan ayyaanni kan hundaa ta’uu mirkaneesaniiru.

Kanaan dura ummanni Oromoofi Sidaamaa naannawa daangaarratti walitti bu’uudhaan lubbuun namoota hedduu dabarteetti. Mootummaan ammaa kun nagenya buusuudhaan har’a ummanni naannolee lameenii tokko ta’anii bakka tokkotti gammachuudhaan ayyaanicha akka kabajatan taasiseera.

Warri kaleessa ayyaanichi kan Oromoo qofa jechaa irraa qoollifataa turan ammaan tana wajiin irreefachaa jiru jedhu.

“Irreechi ergama biroo kan qabu osoo hintaane, bakka waaqa itti kadhatan, bakka qulqulluudha” kan jedhan immoo barsiisaa Irranaa Raggaasaati.

Akka ibsasaaniitti; ayyaanni kun akka cimee ittifufuuf abbootiin, hayyoonniifi beektotni Oromoo baay’een itti wareegamaniiru. Dhaloonni har’aas akkuma ilaalamu kana dhiiraa dubara osoo hinjedhin ala buluudhaan duudhaa abbootii keenyaa kanaaf kabaja qaban agarsiisaa jiru. Ummanni Oromoo gara fuula duraattis ayyaanota akkanaa kanneen tokkummaasaa cimsan sirnaan kabajuu qaba.

Guddina biyya tokkoof qabeenyi nama dhuunfaa murteessaadha. Kanaafuu dargaggootni ayyaana kabajauu cinaatti haala itti madda turiizimii taasisanii galii irraa argatanis yaaduu qabu.

“Ayyaanni Irreechaa ibsituu tokkummaa ummata keenyaa waan yeroo inni kabajamutti beekaafi wallaalaa, laafaafi jabaa jechuudhaan osoo adda hinbayin lammiileen marti kanirratti hirmaataniidha” kan jedhu immoo Dargaggoo Shimallis Bayyanaati.

”Miidhamaa qaamaa ta’us akkuma obbolaa kiyyaa wiilchariidhaan dhufee Irreecha kiyya kabajachaa jira” jedheera.

Jiraataa magaalaa Bishooftuu kan ta’e Shimallis, waggoota sadan darbaniif yeroo tokkollee ayyaana kanarraa hafee kan hinbeekne ta’uu dubbata.

 Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014

Recommended For You