“Itoophiyaa hundarraa hundaan taate ijaaruuf ni hojjenna” -Doktar Abiyyi Ahimad

Wiixata darbe Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad muudamasaanii booda ummata isaan deeggaruuf Addababa’ii Masqalaatti argame, akkasumas keessummoota biyya keessaafi alaatiif ergaa dabarsaniiru. Kanaanis kallattii xiyyeeffannoo mootummaasaanii waggoota shanan dhufanii ibsaniiru. Nutis haasaasaanii akka gaazexaaf ta’uutti qindeessinee akka armaa gadiitti dhiheessineerra.

Imaanaa mootummaafi lammiileetti kenname

Itoophiyaan kan badhaatu hamma nuti biyya keenya jijjiirruu barbaanneettiifi mul’ata waliinii qabaanneetti qofa. Yeroo Itoophiyaan bakka duuftee itti ol kaatu ammadha. Kana milkeessuuf har’a imaanaa guddaan Itoophiyaanootarratti gatameera. Imaanaa kana gabbisnee jalqabbiiwwan gaarii barootaa cimsinee, bidiruu Itoophyaa jedhamtu mootarashee haaressinee, dambaliifi obomboleettiin tasumaa akka ishee hinraafneef cimsinee dhaabuun adeemsashee eegalsiisuun qooda keenyadha.

Biyyi keenya jaarraa walakkaaf dimokraasii sirna mootummaatiin ijaaruuf ifaajjii olaanaa taasifteetti. Sodaafi abdii, carraafi qormaati dabaree itti waljijjiiraa bu’aa ba’ii hedduu keessa dabartee har’a geesseetti. Kana keessattis aarsaa ummanni sadarkaa hundarra jiru kanfale bakka olaanaa kan qabu ture.

Injifannoo Filannoo

Hammam illee filannoon marsaa ja’affaa mudaa tokko malee  akka hawwii keenyatti raawwanne jechuu baannus gaaffii barootaa kan ture dimokraasii ijaaruufi dhugoomsuuf boqonnaa haaraa baneera. Tarkaanfii tokkos nu tarkaanfachiiseera.

Aangoon sanyii dhiigaan ykn qawweetiin ykn ammoo dabaan osoo hintaane sagaleen ummataa korojoo keessaa akka aragamu taasisuun  danda’ameera. Kanaafis ummanni biyyattii rakkoon garagaraa, qormaatawwan weerarriifi haalli biyyattii osoo danqaa itti hinta’in ittigaafatama lammummaasaa ba’ateera.

Injifannoon filannoon galmaa’e kan paartii tokko qofaa miti. Kan mootummaa qofas miti. Injifannici Itoophiyaan akka biyyaatti, Itoophiyaanoonni akka ummataatti kan itti injifatan ta’uu hubannee carraa kana haalaan faayidaarra yoo oolchine rakkoowwan hedduu ittiin furuuf carraa olaanaa ta’uu hubachuu barbaachisa. 

Rakkoolee siyaas dinagdee barootaaf kuufamaa dhufan gaggeessummaa paartii tokko qofaan hiikuun akka hindanda’amne beekamee rakkoolee walirratti nutti dhufan waltaaneefi idaa’amne hiikuuf ka’uun nurra jira.

Gama keenyaan Itoophiyaa hundarraa, hundaaf taate ijaaruuf adeemsa hirmaachisaafi hunda hammataa hordofuuf cimnee hojjenna.

Waliigaluun hojjechuu

Abbootiin keenya “Walii galan alaa galan” jedhu. Kana jechuun yoo waliigalle alaa galla, yoo mari’anne rakkooleen furmaata argatu, yaada keenya araarsinee, addaummaa keenya kabajannee gara olka’iinsaatti yeroo itti deemnu ta’a. Kun akka ta’uuf addaddummaa siyaasaa keenya dhiphisaa waltajjii biyyaaleessaa hunda hammataa hundeessina. Kunis adeemsa hayyoota siyaasaa gidduutti taasifamu qofa osoo hintaane kutaalee hawaasa hundaa ilaalcha keessa kan galcheefi Itoophiyaanootaan kan hogganamu akka ta’u taasifama. 

Waldhabdee kutaa kaaba biyya keenyaatti gantuufi oftuulaan uumeen waggaa darbe akka biyyaatti aarsaa olaanaa nu kanfalchiiseera. Waldhabdeen kun namoonni muraasni biyyi nuti hinto’anneefi akka barbaanne hintaasifne hinjiraattu jechuun kan uumaniidha.  Diinni gargaartotasaatti fayyadamaa meeshaa hidhatee waraana keenya ajaja kaabaa jaallannurratti daba raawwateera. 

Dhiheenyallee yeroo aara galfii kenninaaniif daa’imman hamaafi tolaa hinbeekne meeshaa waraanaa hidhachiisee bakka fayyadama ummataa tajaajila ala taasisaa, manneen barnootaafi keellaawwan fayyaa diigaa, maatii adda baasaa, qulqulloota ajjeessaa, qonnana bulaa horiisaa ijoolleesaarraa adda baasee  hinilaalle ajjeesaa diraqamaan gara duula olaantummaa seeraa kabajchiisuutti akka seennu  nu taasisuunsaa beekamuu qaba.

Olaantummaa seeraa kabachiisuu

Waraana qabannee yommuu kaanu, lolli keenya guddaan humnoota jibba Itoophiyaa qabaniifi biyya diiguuf, ummata wal nyaachiisuuf, barcumasaanii mijeeffachuufi kiisiisaanii guutachuuf kanneen  yaalan waliin ta’uun beekamuu qaba. Biyyi keenya qormaata keessaafi alaan ishee mudate dandamattee keessa darbuufi fuuldurattis faayidaafi kabaja biyyaalessawaashee eegsisuu akka dandeessuuf humna nageenyaa humnaafi ga’umsa qabu ni ijaarti.

Fedhii hamaa birmadummaafi tokkummaa keenya diiguu barbaadu yommuu ofirraa ittisnutti haalli dippiloomaasii humnoota idil addunyaarraa nu mudate seenaa boodatti deebinee akka ilaallu nu dirqamsiisa. Hariiroo dippilomaasii barootaa keessatti dhugaawwan faallaa lama dabrsineerra. Har’as akkuma kaleessaa seenaa michummaa kan itti fufan akkuma jiran seenaa gantummaa kan irra deebianis ni jiru. Itoophiyaan imala gara badhaadhinaatti taasiftuuf deggarsa michootashee cimsitee barbaaddi. Ta’uus michummaan kamiyyuu haala kabajaafi birmadummaasheetti bu’uun ta’uu hinqabu, ta’uus hindanda’u.

Afrikaa badhaate ijaaruuf

Obboloonni keenya Afrikaa, nuti qajeelfama rakkoolee Afrikaaf furmaata Afrikaawaa jennee yommuu kaanu Afrikaa tokkomteefi badhaate ijaaruuf darbees ardii sadarkaa biyyooleessaatti faayidaashee eegsiftu akka jiraattuuf yeroo kamiyyuu caalaa ittigaafatama keenya ba’uuf ni yaalla.

Ardii keenya keessatti wantoota walitti nu buusan caalaa kan walitti nu araarsan, kan addaan nu baasan caalaa kan walitti nu hidhan baay’eedha. Abbootii Gaamoo “Kan nama waliin waggaa tokko hinqonne, qofaa waggaa torba qota” jedhan hireen keenya walitti hidhataa waan ta’eef humna bittina’aa qaxanaa keenya jiru walitti fidnee osoo tokkomnee rakkooleen nurra jiran akka simbirroo risaa fuuldura dhaabbattee xiqqaatu.

Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa faayidaa hawaas dinagdee akka biyyaatti nuuf argamsiisu caalaa pirojektii guddaa walitti hidhamiinsa qaxanaafi ollummaa cimsudha; hiiknisaas olaanaadha. Abbayya jechuun fakkeenya ol ka’uu keenyaa, agarsiiftuu humna mataa keenyaan dhaabachuu, funyoo tokkummaa keenyaati. Abbayyaan humnasaa hinmula’nneen waan walitti nu hidheef, ofitti amanamummaa keenya waan dabaleef daa’immanii hanga maanguddootaatti, magaalaadhaa hanga baadiyaatti, gammajjii hanga baddaatti, kibbaa hamma kaabaatti, bahaa hamma lixaatti, lammiin Itoophiyaa hunduu nyaata guyyuufi daara waggaasaarraa hir’ise hidhicha xumuruuf kutateera. Hidhichis ni xumurama.  

Imala badhaadhinaa milkeessuuf

Imala badhaadhina biyyattii milkeessuuf dinagdeen biyyattii dameewwan baay’eedhaan kan caaseeffame, taatoonni hedduu kan irratti hirmaatan akka ta’uuf cimsinee hojjenna. Dinagdeen keenya dursummaa damee dhuunfaatiin mootummaan gabaa deggaruun, guddina si’ataafi haqaqabeessa daldalaafi invastimantii biyyooleessaa waliin walitti hidhame, qabeenya ga’aa lammiileef carraa hojii ga’aafi amansiisaa ta’e kan uumu akka ta’uuf ni hojjenna.

Waggoota darban tarkaanfiiwwan qaala’ina jireenyaa  to’achuuf hojjetaman bu’aa barbaadame akka hinfidneefi harka qaleeyyii hedduun rakkoo kanaaf saaxilamuu mootummaan ni hubata. Kutaa hawaasaa kana dhiibbaa jalaa oolchuuf waggoota ittaananitti mootummaan hojiiwwan bulchiinsa dinagdee xiyyeeffannaa dursaa itti kennuun hojjetu keessaa tokko ta’uu ibsuun barbaada.

Kenniinsa tajaajilaa

Mootummaa haaraan kan karoorsu, hojiirra kan oolchu malee kan hawwuufi abjoo’atu ta’uu hinqabu. Hanga yoonaa karoorfamanii miinjaalarraa kan hinbuuneefi jalqabbiiwwan eegalamanii karaatti hafan bakka jiruutti kan dhaabannuufi takka takkammoo kan mucucaannu nu taasiseera. Joora lammileerra ga’u hiikuurraa kaasee hanga furmaata isa dhumaa itti kennuutti kenninsi tajaajilaa si’ataafi teknolojiin deggarame akka jiraatuuf ni hojjenna. Keessumaa hattummaan akka dadhabina salphaatti osoo hintaane akka balaa guddaa hiyyuummaaf nama saaxilutti ilaaluun xiyyeeffannaa itti kenninee hojjenna.

Adeemsa jijjiiramaa dabarsinetti milkaa’inoonni gara garaa kan turan ta’uus, qormaatiwwan hedduun nu mudataniiru. Ammas namoonni dhuunfaafi gareewwan yoo haqni jiraate qullaatti hafan, dimokraasiin yoo ijaarame hafura kan hinqabaanne walqixxummaan hacuccaa kan itti fakkaatu baay’eetu jiru.

Hojii biyya jijjiru hedduu yommuu hojjennu, kaayyoon keenya gaarii ta’uus darbee darbee balleessuufi karaarraa kaachuun keenya hinoolu. Of jaja yeroo hunda hojii mudaa hinqabne hojjenna jedhu hnqabnu. Garuu kanneen nu booda dhufan isa dogoggorre akka sirreessan, isa jalqabne akka gabbisaniifi bu’a qabeessa kan itti ta’an, Itoophiyaanis yeroo ol jettee itti mul’attu ta’a.

Waggoota dhufanis qormaatawwan gama hundaan nu mudatan injifachuuf ni hojjenna. Hacuccaa dimokraasitti, hiyyummaa badhaadhinaan, saaxilamummaa diinaa humna nageenyaa biyyaaleessaa cimaadhaan  bakka buusuuf hundi keenyayyuu miira tokkummaa Itoophiyummaatiin tumsuu qabna.

Akkuma abboonni keenya “Akka duriifi harka xuriitti hinhafan” jedhanitti, biyyi qormaatiwwan akka warqeetti baqsanii ijaaran baay’ina  awwaaraafi tuullaa kosiitiin warqummaashee gadi kan hindhiisne  Itoophiyaan kaleessas turteetti, har’as jirti, bor awwarashee hurgufattee, tuullaa kosii ofirraa urguftee yommuu kaatu yommuus humni lafarraa durashee dhaabbatu tokkoyyuu hinjiru.

Kanaaf ammoo amaanaatu nurra jira. Amaanaa bokkaafi qorri osoo hindaangeessin, hirriba halkanitiin osoo hindhibaa’in lammiilee nu filatan irraa kan nutti kennameedha. Akkasumas kanneen Itoophiyaa fayyisuuf dhiigasaanii dhangalaasanii lubbuusaanii  gabbaran, haadholii halkaniifi guyyaa nageenya biyyattiif boa’an irraa, haadhoolii abboota dafqasaaniin biyy atajaajilan irraa, daa’imman nu abdatanii afaansaanii mi’aawaa sanaan waa’ee Itoophiyaa farsaniirraa amaanaa nutti kenname qabna.

Kanaafuu waggoota dhufan amaanaa nutti kenname galmaan ga’uuf kan hinmugne, waan qabnu hunda mararfannaa tokko malee kan kennuu yeroo muraasaafillee kan hindaganne ta’uu, carraa kanaanis waadaa keenya akka haareessinu maqaa mootummaafi paartii keenyaatiin isinii mirkaneessuun barbaada.

Hinshakkinaa waggoota dhufanitti abdii keenya haareessinee, sodaa keenya hir’isnee, carraawwan keenyatti dugugnee fayyadamnee, warreen nu qoran injifannee bara biyya keenya daandii badhaadhinaarra itti geessinu ta’a. Itoophiyaadhana qixa, ummatasheetiin qixa amanamuufi hattummaa hadheeffachuu, ummataafi biyya jaallachuu, qajeelummaan tajaajilu, ummata osoo adda hinqoodiin Itoophiyaa boquu ol qabuu akka dandeenyuuf  kadhaadhaan akka nu bira dhaabbattaniifi uumaanis akka nu gargaaruuf nan kadhadha.

Itoophiyaan ifaajji ijoolleesheetiin kabajamtee barabaraan haa jiraattu!

Waaqni Itoophiyaafi ummattootashee haa eebbisu! Galatoomaa!

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014

Recommended For You