“Jecha ‘Hindanda’u’ jedhu yaaduu hinjaaladhu” -Dargaggoo Daanyee Beeksisaa

Hojii tokko hojjenne milkaa’ufis ta’e damee irratti bobbaanerraa milkiiwwan gammachiisoo ta’an argachuuf amaloota gaggaarii ta’an qabaachuun barbaachisaadha. Milkaa’inoonni nuti argannu kunneen immoo kan uumaan nuuf kennite ykn beekumsaafi muuxannoodhaan adeemsa keessa horanneerraa argamuu ni danda’u. Namoonni addunyaa kanaa marti amaloota wal isaan fakkeessu danda’u qabaataniis, uumamaan namni tokko nama biroorraa bifaaniis ta’e yaadaan garaagarummaa hedduu qaba.

Namoota hundaaf milkaa’uu dhiisuu danda’a. Namoota hedduuf immoo jireenyi milkaa’uu danda’a. Namoonni hojiifi wanta dalagan irratti naamusa gaariifi cimina qaban namoota yeroo baay’ee milkaa’aniidha. Faallaa kanaan immoo qaamoleen hojiif dantaa hinqabneefi xiyyeeffannoon hinhojjenne bu’aan ifaajuu isaanii hinmul’atu. Kana jechuun sa’aatii muraasaaf xiyyeefannoon hojii tokko hojjechuun sa’aati hedduuf xiyyeefannoo malee hojjechuu caalaa. Kana qofaa osoo hintaane yeroo takkaan wanta guddaafi baay’ee hojjetanii dhiisurra wanta muraasa yeroo hundaa itti fufanii hojjechuutu caala.

Fedhii malee milkaa’un waan hin yaadamnedha. Kaka’umsa cimaan wanta tokko hojjechuun nuffii namarraa dhorka, carraa bal’aa banuun hojiin hojjennuu qulqullina akka qabaatu taasisa. Kun immoo daandii gara milkaa’inaatti nu geessu danda’udha.

Yeroo tokko tokko namoonni kennaa uumamni isaaniif kenniteetti hinfayyadamne ni jiru. Kan kennaa kennamefitti maayii bahanii jireenyasaanii jijjiiruuf dhama’uun kan galmasaanii fiixaan bahatan, kanneen carrooman osoo hintaane kan sirnaan waan isaaniif kennametti fayyadamanidha.

Milkiin imala barnootaafi bu’aa bahii dargaggoo Daanyee tibbana eebba barattoota Yunvarsiitii Amboorratti nuu qoodes kanuma nu barsiisa. Dargaggoo Daanyee Beeksisaa jedhama. Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayeetti bara 1989 ganda qonnaan bulaa Laaluu Haaruutti dhalatee guddate. Yeroo ijoollummaa isaas akkuma ijoollee qonnaan bultoota hedduutti loon tiksuun, bishaan waraabuufi hojiilee mana keessaafi alaa hojjeechuun maatii isaa qarqaaruun guddate. Yeroo umuriin isaa barnootaaf gahuuttiis achuma ganda itti dhalateetti barnoota isaa bara 1997 tokko jedhee eegale.

Yeroo mana barnootaa seenee baratutti barsiisaan inni isa barsiisaa ture waan isa jajjabeessuufi sirnaan waan isa deggaraa tureef barnootasaatiin namni isa gitu hinargamne. Barsiisaa Dajanee Kudhaamaa kan jedhamufi Daanyeef bu’uura ta’uu danda’e kana har’as maqaa isaa lafa hinkaa’u; dubbii isaa hunda keessatti isa galateeffata.

Dargaggoo Dajaneen barumsasaatiin cimaa ta’uus yeroo barataa ta’eetti rakkoowwan hedduu isa qunnamaa tureera. Abbaafi haatisaa gidduutti gaa’elasaanii addaan waan kutaniif jireenyi isa qortee turte. Meeshaaleen barnootaa isaaf hinguutaman. Uffannaafi wantoonni barbaachisoon hundi ifaajii ofii isaatiin guutamu ture. Uffata, kophee, dabtaraafi wantoota barnootaaf barbaachisoo ta’an guuttachuuf hojiilee adda addaa hojjechaa turuun of deeggaraa tureera.

Haala kana keessa ta’ees barnoota isaafi mul’ata karoorfatee qabu osoo hinirraanfatiin cimee barata ture. Mana barnootaa sadarkaa lammaffaa yeroo seenuus qormaata biyyaaleessaa qabxii kutaa kurnaffaa 3.8 fiduun mana barnootaa sadarkaa lammaaffaa Gudaritti itti fufe.

Ta’uus qabxii olaanaa fidee kana barachuuf wanti isa danqu muudate. Kuniis, yeroo Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABUT) biyya bulchaa tureefi naannawichatti hawaasafi barattootarratti dararamaafi mulqama mirga namoomaa geesisaa waan tureef gara qabsoo diddaa sirna gabrummaatti seenee qabsoo eegale. Yerichatti barattoota hedduu waliin ta’uun mormii gaggeessuufi mirgasaanii jalaa sarbamaa ture gaafachutti ka’an.

Sochii kana keessattiis hidhaa, ajjechaafi dararama qaqqabaa ture mormuun hiriyoota isaa waliin gara Keeniyaatti imala jalqabe. Kunis hinmilkoofneef. Naannawa daangaa Keeniyaa Moyyaaleetti qabame bara tokkoof mana hidhaa keessa dararama hedduu keessummeesse. Reebicharratti qaqqabeeniis ijasaarratti midhaan qaqqabuusaafi kuniis barnootasaa irratti dhiibbaa uumaa akka ture ni yaadata.

Mana hidhaatii erga baheen boodas kaayyoo isaa isa ganamaa kan ture barnootasaa itti fufee baratee xumurun gara dhaabbata barnoota olaanootti qabxii olaanaa galmeessisuun Yunivarsitii Ambotti ramadame gosa barnoota Ikonomiksii barachuu itti fufe. Reebichaafi dararaa irra ga’een ijisaa waan midhameef yeroo hedduu fudhatee barnoota qayyabachuuf isa rakkisaa ture. Yeroo muraasatti xiyyeeffannoon qayyabannaa gochuun barnootasaa itti fufe. Kanaaniis milkaa’uu danda’era.

Damee barnootaa ittiin baratuun biyya isaa gargaaruuf kaayyeefatee barachaa jiru kanaan “dinagdee biyya kiyyaaf kan tajaajilu modeela haaraa kalaquun kaayyookooti” kan jedhu dargaggoon Daanyee, galma kana bira gahuuf immoo ciminaan barachuun akkarraa eegamu hubachuun barnootasaa qabxii olaanaa galmeessisuu nama danda’edha.

Galma ga’iinsa kaayyoo kootiif seenaawwan namoota gurguddoo addunyaa keenyaa ta’anifi dhiibbaa uumtoota ta’an rakkoo hedduu keessa darbanii milkiif gahan dubbisuun seenaa isaanirraa muuxannoo fudhachuun irraa barachuuf nan yaala kan jedhu dargaggoon kun “Jecha ‘hin dandaa’u’ jedhu dhagahuu hin barbaadu” jedha. Ejjennoo isaa kanaaniis barnoota isaarratti xiyyeefatee barateen qabxii olaanaa (3.99) galmeessisuu danda’eera. Barattoota mooraa Yunivarsitii Ambootti baratan hunda caalaa qabxii olaanaa galmeessisuun barataa cimaa eebbifamtoota barichaa ta’uun waancaa badhaafamuu danda’eera.

Biyya imaammataafi tarsiimoo mataashee dhimmoota dinagdeerratti fuulleefatan baafachuun sochootu uumuufi aadaa, duudhaafi haala siyaas dinagdee biyya keenya fakkaatu kan ofi keenyaaf kalaqne qabaachuun immoo milkii kanaan booda arguu barbaadu ta’uu dargaggoon Daanyee nutti himeera. Kanaaf immoo innis gahee mataasaa bahachuuf qophii ta’uufi hojiiwwan kanaaf bu’uura ta’an dhimmoota dinagdeerratti fuulleefatan hojjechuuf qophii ta’uu eera.

Dargaggoonni haala keessa jiraniin osoo hinmo’amiinifi abdii hinkutatiin; barataan barumsasaatiin, hojjetaniis hojiisaatiin akka milkaa’uuf obsa qabaachuu, mul’ata ofi kaawwachuu, abdii qabeessa ta’uun fuulduratti yaaduun kutannoo cimaa qabaachuun barbaachisaa akka ta’e gorsa. Biyya keenyaaf malee anaaf jecha jedhu osoo hin yaadiin biyyi waan nurraa barbaaddu hunda gochuufi qabnaan dhaamsa dargaggoo kanaati.

 Fiqaaduu Dheeressaatiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014

Recommended For You

About the Author: wendimagegn