“Bona baranaatti qamadii hektaarri kuma 400 ol jallisiidhaan ni omishama” – Obbo Garmaamee Gaarumaa

Finfinnee: Tibba bonaa baranaatti omishni qamadii hektaara kuma 400 caalu jallisiidhaan akka omishamu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichatti daayireektarri olaanaa ekisteenshinii qonnaa Obbo Garmaamee Gaarumaa ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin akka jedhanitti, tibba bonaa baranaatti lafa hektaara kuma 400 olirratti omishni qamadii jallisiidhaan ni geggeeffama. Kunis qamadii alaa galu bakka buusuu keessatti shoora olaanaa qabaata.

Mootummaan omisha qamadiif xiyyeeffannaa addaa kennaa hojjechaa jira kan jedhan daayreektarichi, waqtii bonaatti oyiruuwwan qonnaan bulaafi mootummaa hedduurratti fedhii hawaasaa giddugala godatee qamadii jallisiidhaan ni omishama.

Tibba omisha gannaatti carraa misoomuu bal’aa kan qabu qamadiin, ganna darbe lafa hektaara miliyoona lamarra facaafame yeroo ammaa haala gaariirratti akka argamus eeraniiru. Kanaanis omishni hanga kuntaala miliyoona 60 ol ni argama jedhamee tilmaamamuusaas beeksisaniiru.

Omishni qonnaa biyyattii fayyadama biyya keessaatiif, alatti erguufi galtee industiriiwwaniitiif jedhamee kan omishamu akka ta’e kan kaasan Obbo Garmaameen, yeroo ammaa kana fedhii omisha qamadii biyya keessaa guutuuf mootummaan xiyyeeffannaadhaan hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.

Qamadii biyyattiitti omishamu keessaa dhibbantaan 90n omisha gannaatiin kan haaguugamu ta’uus eeranii, xiyyeeffannoo addaa dhimmichaaf kennamee hojjetamaa jiruun yoo ittifufame waggoota lamaafi sadii ittaananitti omisha qamadii alaa guutummaatti bakka buusuun ni danda’ama jedhaniiru.

Gama birootiin omishaafi omishtummaa qamadii mirkaneessuuf lafa asiidawaa wal’aanuufi galteewwan qonnaa garagaraa fayyadamuun bal’inaan omishamaa jiraachuus ibsaniiru.

Omishaaleen biyyattiitti omishaman oyiruu ciccitaarratti waan ta’eef oyiruuwwan kanneenirratti bifa kilaastaraan qonnaan bultoonni qindaa’anii xaa’oo, qoricha aramaafi guddistuuwwan callaa akka fayyadamaniif hojjetamaa jiraachuufi kanaanis bu’aan hedduun argamuu ibsaniiru.

Hojiilee makaanaayzeeshiniin walqabatees qonnaan bultoonni yeroo omishasaanii qotanis ta’e galfatan ofolaa’inni ykn qisaasa’inni midhaanii akka hinuumamne tiraaktaraafi kombaayinara akka fayyadamaniif gochuuf tattaafatamaa jiraachuufi hojiilee hedduun hojjetamaa turaniin jijjiiramoonnii hedduun galmaa’aa dhufaniiru.

Fiiqaaduu Dheeressaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You