Kolleejjiin Barsiisotaa Oromiyaa muummee ispeeshaalaayzeeshiniitti hiramee leenjisuufi

Finfinnee: Kolleejjiin Barsiisota Oromiyaa kanaan dura barattoota simachuun ogummaa barsiisummaa waliigalaan leenjisaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaattimmoo muummee ispeeshaalaayzeeshinii ramadameefii tokkoon barattoota simatee leenjii kennuu kan eegalu ta’uu Hoogganaa Ittaanaan BBO beeksisaniiru.

Ittaanaa Hoogganaa BBO kan ta’an Obbo Efreem Tasammaa ibsa dheengadda addatti Gaazexaa Bariisaaf laataniin, Kolleejjonni Barsiisotaa Oromiyaa 13 bakka saditti qoodamuun muummee ispeeshaalaayzeeshinii irratti hojjetan qooddachuun leenjii akka kennan taasifamuu ibsu.

Akka ibsasaaniitti; Muummeewwan ispeeshaalaayzeeshinii kunneen Afaanotaafi Saayinsii Hawaasaa,Saayinsii Uumamaafi Barnoota Waliigalaa jedhamuun kolleejjii gara garaa keessatti leenjii akka laatan taasifamu.

Sochiin kun rakkoo laabraatorii kolleejjiiwwan barsiisotaa keessatti mudachaa ture maqsuun kenniinsi barnootaa si’ataafi qulqullina kan qabu akka ta’uuf gargaara jedhaniiru.

Tarkaanfichi barnoota qulqullina qabu waliin gahuuf kan akeekedha kan jedhan Obbo Efreem, ispeeshaalaayzeeshiniin kolleejonni irratti akka hojjetan taasifamu kamuu leenjitoonni ogummaa itti leenji’an gadi fageenyaan akka beekaniif isaan kan gargaaru ta’uus ibsaniiru.

Adeemsa kana keessatti kolleejjonni muummee ispeeshaalaayzeeshinii irratti hojjetan qofarratti xiyyeeffatanii akka hojjetaniifi bu’aa gaarii akka galmeessisaniif kan gargaaru ta’uu beeksisaniiru.

Bara kanarraa kaasee simannaan kolleejjii barsiisotaa Oromiyaa ispeeshaalaayzeeshinii kanaan gaggeeffama jedhanii kaayyoonsaa barnoota qulqullina qabu waliin gahuuf kan akeeke ta’uus hubachiisaniiru.

Ispeeshaalaayzeeshinii muummeewwan kanaan kolleejjiin Barsiisotaa sadii damee Afaaniifi saayinsii Hawaasaan qofa,Kolleejjonni sadii Saayinsii Uumamaan isaan hafanimmoo Barnoota walii gala ogummaa barsiisummaan leenjisuun hojiitti bobbaasuu eegalu.

Tarkaanfichi hojii hedduu kolleejjonni baatanii deemaa turan kan salphisuufi barnoota qulqullina qabuufi ogeessa ogummaa bilchaataa qabu horachuu keessatti shoora guddaa akka taphatu kan taasisu ta’uus ibsaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You