“Qabsoon Shanee kan baricha giddugaleeffate miti” – Hayyoota seeraa

Finfinnee: Qabsoon hidhannoo shororkeessaa Shaneen gaggeessaa jiru kan baricha giddugaleeffate akka hintaane hayyoon seeraa ibsan.

Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaan seeraa Obbo Charinnat Hordofaafi ogeessa seeraafi abukaatoo Wandimmuu Ibsaa ibsa dhimma kanarratti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, bara ammayyoomaa dhufeefi garaagaruummaa mariidhaan hiikuun danda’amu kanatti gareen shororkeessaa Shaneen qabsoo hidhannoo filachuunsaa kan yericha hin madaallee ta’uu himaniiru.

Yeroo sirni dimokraasii hindagaagnetti gareewwan siyaasaa qabsoo hidhannoo akka filannoo tokkootti fudhachuu danda’u jedhanii, qabsoon akkanaa barbaachisaa kan ta’u biyyattiitti dirreen siyaasaa cufaa ta’ee lammiileen bilisummaadhaan yaadasaanii ibsachuuf oggaa rakkatan qofa ta’uus dubbataniiru.

Akka hayyuu seeraa Charannatitti haala qabatamaa siyaasa Itoophiyaatiin yeroo ilaalamu sirni siyaasaa mijaawaan uumameera jedhamuu baatus, sirna dimokraasii yeroodhaa yerootti ijaaramaafi shaakalaa deemuun dirreen siyaasaa banaa akka ta’an taasifamaa jira.

Qabsoon hidhannoo Shaneen taasisaa jiru kan waqticha hinmadaalle ta’uurra darbee, fedhii ummataa kan gidduugaleeffate miti jedhan.

“Kanaafiis namoota nagaarratti tarkaanfiin fudhatamu, qe’eefi qabeenyasaanirraa buqqisuufi saamuun seeralummaafi ‘shiftummaa’ akkasumas, gochaa shororkeessummaa malee qabsoo siyaasaa miti; kanaanis ‘qabsich’ milkaa’aa hinta’u. Enyummaa namootaa addaan baasuun haleellaan lammiilee nagaarratti godhamu siyaasa miti” jedhaniiru.

Ogeessa seeraafi abukaatoo Wandimmuu Ibsaa gamasaaniitiin gareen shororkeessaa Shanee qabsoo fedhii, duudhaafi sona ummata Oromoo kan bakka hinbuunefi fedhii siyaasaa garee muraasaa kan qabatee socho’u, gochaa ummata Oromoo ummattoota Itoophiyaa biroorraa adda baasuudha jedhan.

Gareen Shanee shororkeessaa ABUTirraa ergamaafi qajeelfama kennamuun lammiileerratti haleellaa sukkanneessaa dhaqqabsiisuun lubbuun akka dabartu gochuurra darbee, sababa eenyummaasaanitiin qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqaasuun dararama hedduuf saaxilaa jira jedhan.

Haala siyaasaa Oromiyaa keessa jiru hubachuun barbaachisaadha kan jedhan Obbo Wandimmuun, ummanni Oromoo, qarreefi qeerroon bilisummaasaatiif baroota hedduuf qabsoo taasisaa ture har’a firii buusuun abbaa angoo taasiseera. Yeroo ammaa biyyattiitti qabsoo hidhannoo gochuun murtoo ummataa kabajuu dhiisuufi adeemsa guddinaafi badhaadhinaa gufachiisuudha jedhaniiru.

Lammiileen gaaffiiwwan misoomaa, nageenyaa, walqixxummaafi haqaa hindeebinerratti bali’naan xiyyeefachuun hawaasa waliin ta’uun akka dhugooman gaheesaanii bahachuu qabu kan jedha hayyuleen seeraa, ergamtoota shororkeessitootaaf deebii quufsaa kennuun qeerroofi qarreen Oromoo biyyasaanii eeguufi shororkeessitootarraa ittisuuf dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu eeraniiru.

Fiqaaduu Dheeressaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You