Muudamni keenya muddama akka hinfinne; mudaa eeggachaa

“Isa taa’ee ilaaluuf daakuun boqqolloo dinbilaala” jedha Oromoon, Itoophiyaa keessatti murnoota aangoorra jiran caalaa waa’ee biyyaaf natu beeka kan jedhan qondaaltota siyaasaa kumaatamni guutaniiru.

Kanamalees kara deemaan xiinxalaa siyaasaa of godhee waa’ee Itoophiyaa ibsa, egereeshii raaga, kanarraa kan ka’e hunduu beekaa ta’ee kan waldhagahu waan jiru hinfakkaatu. Isa kana taphattoota kubbaa miilaa addunyaafi daaw’attootaan walfakkeessuun ni danda’ama.

Qaama dirree seenee taphatu caalaa kan bakkee taa’ee foddaa tv ykn teessuma istaadiyoomii keessa taa’ee ilaalatu waa’ee kubbaa ibsuu yaala. kanarraa kan ka’e daaw’ataan taphataa caala jedhamee itti baacama. Takka takkammoo wayita taphatan dogoggoru osoo akkas godheera ta’e gala ture, taphataan kun ari’amuu qaba kan jedhus hedduudha.

Inni kaanimmoo murtee abbaa seeraa taphachiisu sana ilaaluun loogdummaa agarsiiseera jijjiiramuu qaba, seera kubbaa hinbeeku dirree gadhiisuu qaba ilaalcha jedhuun hanga dirree seenee tumuutti gaha.

Taphattoonni dirree keessa jiranis ogummaa taphichaan socho’uu caalaa miira deeggartootasaanii dirree ala jiruufi murtee abbaa seeraa mormuun walsakaalanii qabxii galmeessisuuf wayita yaalanitti faallaa seeraa waan deemaniif taphachiisaa waliin yeroo walitti bu’an mul’ata.

Kunniin hunduu miira ofittummaafi waldandahuu dhabuu kan agarsiisudha. Siyaasni Itoophiyaa keessaas hudhaa dirree kubbaa miilaa keessatti mudatuun kan walfakkaatu yoo ta’u, ilaalcha kootu sirrriidha miira jedhuun waltamasuun baay’achaa imalarraa walsakaalaa ummata boqonnaa dhowwuutu baaya’chaa jira.

Biyya Itoophiyaa jedhamtu tana seeraan kunuunsanii ijaaruuf sirna federaalizmii sabdaneessaa amma hojiirra jiru cimsanii dhaabuun barbaachisaa yoo ta’u, fiigicha fedhii aangoo ofii guuttachuufi ilaalcha ofii namatti fe’uuf yaalamuun walqabatee tasgabbiifi nageenyi biyyattii yaaddoo keessa seeneera.

Mootummaan haaromsaa amma aangoorra jirus ijaarsa dimokiraasii lafa qabsiisuuf filannoo marsaa jahaffaa seenaa Itoophiyaa keessatti adda jedhame gaggeessuun himamaafii kan jiru yoo ta’u, Fulbaana 24 bara 2014 ifatti hundaa’uun xiinxaltoota siyaasaa dur ala taa’anii waa’ee Itoophiyaa natu beeka jedhan tokko tokkos ofitti makeera.

Paartiileen morkattootaa biyyasaaniif akka hojjetaniif sadarkaa naannoo hanga federaalaatti aangoon itti kenname jajjabeessaa ta’us imaanaa isaan baatanii aangootti bahan hagam ulfaataa akka ta’e beekuun barbaachisaadha.

Sababnisaas isa kaleessa bakkee taa’anii akkas ta’uu qaba, kanatu Itoophiyaaf wayya jechaa turan sana miira keessaa bahanii hojiitti hiikanii argamuun dirqamasaaniiti.

Hamma odeessan gahanii ykn ta’anii argamuun noobeelii isaan badhaasisuu danda’a, ta’us imaanaa mootummaan kenneef faayidaa dhuunfaasaaniif yoo oolchan ykn yoo kufanii argaman ija keessaa akka bahan beekuun irraa eegama.

Muudama hoggantoota paartiilee morkattootaa tokko tokko ilaalchisuun mormiin miseensota mana mariitti ka’aa turuun kan yaadatamu yoo ta’u, morkattoonni ilaalcha siyaasaa walqixxummaa sabaafi sablammii Itoophiyaa dhiibu kaleessa qabatanii dhaadataa turaniin Itoophiyaa har’aa tajaajilla ykn bocna jedhanii kan yaadan taanaan boocee ta’uunsaanii hinoolu.

Kanamalees kaleessa gaafa dhaadannoo nafiladhaa gaggeessaa turan waan ni raawwanna jedhanii ibsaa turan hojiitti hiikanii argamuun dirqamasaaniiti. Dhimmi waadaa galan hojiitti hiikanii argamuu dirqama mootummaa aangoorra jiruufi morkattoota warra ammaan tana aangeffamanii kan of keessatti hammateedha.

Mormii muudama paartiilee morkattootaarratti ka’aa ture ilaalchisuun Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad deebii kennaniin dhimmi muudamuufi hojjechuu garagara ta’uu kaasaniiru.

Miseensa paartiisaaniis ta’e morktaan muudame kamuu imaanaa biyyi kenniteef bahachuuf of qopheessuun irraa eegama jedhanii, hojiisaanii mo’achuu baannaaan garuu ittigaafatamuunis duubaan akka jiru kallattii kaa’aniiru.

Egaa muudamni keenya muddama akka nutti hinfinneef akka kaleessaa dirree ala teenyee quba qabuun hafee taphataa taanee imaanaa biyyi nutti kenname milkeessuun badhaafamuuf of qopheessuun barbaachisaadha.

Egaa jechi keenya hojiitti jijjiiramee kan hinargamne yoo ta’e muudamichi fedhii dhuunfaa muudamaa sana guutuuf meeshaa ta’ee tajaajiluun ala imaanaa ummataa baata jedhanii yaaduun hindanda’mu.

Kanaaf paartiileen morkattootaas ta’e kan badhaadhinaa yeroo ammaa imaanaan ummataa isinitti kenname bakka qabattan marti keessan, muudama keessan mudaarraa eeggattanii muddama dhufuu dandahu jalaa ofis biyyas baraaruuf miira aantummaa fi kutannaa siyaasaatiin socho’uun isinirraa eegama.

Imala keessan keessattis Itoophiyaan biyya sabaafi sablammiin 83 ol ta’e keessa jiraatu ta’uushee osoo hindagatiin hunduu kankooti ilaalcha jedhuun yaada finxaalessummaa booddeetti dhiisaa Itoophiyaa badhaateefi hunda walqixa keessummeessitu ijaaruuf waadaa keessan hojiitti jijjiiraa ammas filatamaa jenna.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You

About the Author: wendimagegn