“Gumaachi guddina Afaan Oromootiif taasifamu sadarkaa barbaadamurra hinjiru” – Obbo Taayyee Danda’aa

Finfinnee: Namootni baay’een Afaan Oromoo akka afaan hojii federaalaa ta’uuf fedhiin qaban olaanaa ta’us gumaachi dagaagina afaanichaatiif taasifamu qabatamaan oggaa ilaalamu sadarkaa barbaadamurra akka hinjirre Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti, Ittigaafatamaan Sabquunnamtii Ummataa Obbo Taayyee Danda’aa ibsan.

Obbo Taayyeen kitaaba “Seerluga Afaan Oromoo” barreessuun tibbana dubbistoota biraan ga’an ilaalchisee turtii addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin, dhimmi afaan ofiin barachuufi hojjechuu wiirtuu qabsoo Oromoo ture milkaa’ee gaafa mirgi sun gonfatamu waaltinni afaanichaa waan hinturreef Oromoo gidduuttuu walhubachuun rakkisaa turuu yaadachiisaniiru.

Keessumaa Oromoo giddugaleessa biyyaatti argamu miidhaa hamaa afaansaafi aadaasaarra turerraa kan ka’e rakkoo hamaan isa mudate keessaa baasuuf hojii guddaan akka barbaachisus dubbataniiru.

Bakka irraa ka’amerratti hundaa’uun guddinni afaaniifi aadaa Oromoo wayita ilaalamu sadarkaa olaanaarra akka ga’eefi kanarra darbees afaanicha afaan hojii federaalaa taasisuuf bal’inaan hojjetamaa jiraachuus ibsanii, baay’ina ummata Oromootiin yoo walbira qabamu kitaabileen asoosamaa, dinagdee, aadaa, qorqalbiifi galmee jechootaa qulqullinaan Afaan Oromootiin barreeffaman daran xiqqaadha jedhan. Kunis akka kaleessaa afaan kanaan barreessuun dhorkaa ta’ee osoon hintaane hanqinni gumaachaa jiraachuu kan agarsiisuudha jedhan.

Kitaabileefi galmeeleen jechootaa baay’inaan Somaaliffaan barreeffaman gama afaanichaan barachuu salphisuutiin gumaachaa jiraachuu akka fakkeenyaatti kan kaasan Obbo Taayyeen, hojii boonsaan Biiroon Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaa gama kanaan hojjete akkuma jirutti ta’ee Oromoo namoota afaan kanaan hanga digrii sadaffaatti baratan hedduu otoo qabuu hojiin qabatamaatti lafa jiruu garuu gahaa akka hintaane ibsaniiru.

“Afaan Oromoo kan Oromoo qofa kan jedhu amantaa hinqabu, garuu ammoo afaan eenyummaafi abbummaa qaba. Afaan Oromoo Itoophiyaa ijaaruu keessatti shoora guddaa qaba. Ummata biyyattii keessaa ummatni dhibbantaan 40 ta’u afaanicha dubbachuun ala giddugaleessa biyyattii keessa jiraata,” kan jedhan Obbo Taayyeen, akkuma Oromoon afaanota biroo fayyadamu ummatoonni biyyattii, keessumaa kan Finfinnee keessa jiraatu afaanicha barachuu qaba jedhan.

Afaanicha guddisuun gahee hundaati amantaa jedhurraa ka’uun kitaaba Seerluga Afaan Oromoo barreessuu kan eeran Obbo Taayeen, wayita mana adabaa Baatuu turanitti, hidhamtoonni siyaasaa saboota biroo isaanirraa Afaan Oromoo barachuuf itti dhiyeenyaa truullee yaadachiisaniiru.

Wayituma sana fedhii namoota kunneenii guutuuf kitaaba barsiisaa malee afaanicha barachuuf gargaaru, kan jechoota gara Amaariffaatti hiiku qopheessuuf karoorfachuu eeranii, bu’uuruma kanaan kitaaba Afaan Oromoo gara Afaan Amaariffaafi Ingiliffatti hiiku kana dhugoomsuu himan.

Yeroo jalqaba habbaa (koppiin) kitaabichaa kumni 20 gabaaf dhiyaachuu, haaluma kanaan gaafa kitaabichi eebbifame bifa waadaafi gurgurtaan habbaan kumni 15 gurguramuu kan eeran Obbo Taayyeen, fedhiirratti hundaa’uun ammas maxxansiisuuf qophiirra jiraachuu eeraniiru.

Haala kitaabichaa ilaalchiseen duubdeebiin namoota kitaabicha dubbisan biraa dhufaa jiruun faayidaafi barbaachisummaan kitaabichaa olaanaa ta’uu hubachuu kan ibsan Obbo Taayyeen, galii kitaabicharraa argamuun mana kitaabaa ummataa Aanaa Kuyyuu, Magaalaa Garbagurraachaatti kan ijaarsisan ta’uu udbbataniiru.

 Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You

About the Author: wendimagegn