“Oromoon rakkoo buqqaatiin fidu ni hubata” – Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa

Finfinnee: Oromoon buqqaatiin isa madeessee waan beekuuf rakkoo inni fidu hubatee kan nama deeggaru ta’uu Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa ibsan.

Ustaaz Raayyaan ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, ummatni Oromoo wayita naannoo Somaaleetii buqqa’etti namoota hedduutti iyyatus kan birmateef namoota qubaan lakkaa’aman ta’uun rakkoo hamaaf saaxilamee ture.

Rakkoo buqqaatii kana hubachuun lammiilee sababa waraanaan godina Walloo Kibbaafi naannawaasheerraa buqqa’aniif hiriyootasaanii waliin ta’uun deeggarsa qarshii kuma 600 olitti tilmaamamu garasitti geejibsiisaniiru.

Ummatni waraana Juuntaan irratti bane jalaa lubbuusaa oolfachuuf qe’eefi qabeenyasaa dhiisee gara Daseetti baqatee jiraachuu kan eeran Ustaaz Raayyaan, namoota dhukkubsatanii hospitaala keessatti wal’aansi taasifamaafii jiru yaalii addaan kutanii baqachuuf dirqamuu, akkasumas namoota umuriin raaganiifi sireedhaan baatamanii bakka bakkatti socha’an osoo hinhafin buqqaatiif saaxilamuun rakkoo hamaa keessa jiraachuusaaniis yaadachiisaniiru.

Namoota buqqa’an kunneeniif mootummaan deeggarsa taasisaa jiraachuus kan dubbatan Ustaaz, baay’inni namootaa rakkoo ta’uun akkuma jirutti ta’ee namootni kunneeniif deeggarsi taasifamu akka jireenya manasaanii ta’uufii baatus rakkoosaanii keessatti aantummaa itti agarsiisuuf mootummaa cina dhaabbatanii deeggaruun dirqama namummaa ta’uu hubachiisaniiru.

Kaayyoonsaanii namoota gara Daseetti baqatan deeggaruu qofa osoo hintaane kanneen baqachuuf carraa dhabanii yaaddoofi rakkoo hamaa keessa jiran dhaqqabuu ta’uus himaniiru.

Rakkoon saba, amantii, ilaalcha siyaasaa yookiin gartuu biraa hinqabu, taatee dhala namaa hunda mudata, hundaa ol ammoo rakkoon waraanaan walqabatuufi lammiilee nagaarra ga’u daran rifaasisuu ta’uu dubbataniiru.

Akka dhala namaatti namoota rakkatan cina dhaabbachuun dirqama namummaa ta’uun akkuma jirutti ta’ee, akka qaama lola walirratti bane lameeniitti garuu deemee deemee waliin mariin waan hinoolleef, balaan kana caaluu osoo hin mudatni gamanumaan itti yaaduun barbaachisaadha jedhaniiru.

“Dirreetti ba’anii gargaaramuurra, mana ofii taa’anii beela’uu wayya. Kunis namni wayita buqqa’u waan qabu waliin yookiin ammoo waan qabu dhiiseeti. Kanaaf, gargaarsi dhala namaa garaa nama ga’uu baatus yeroof rakkoo ofii waan nama irraanfachiisuuf aadaan waltumsuu dirqama keenya,” jedhu Ustaaz Raayyaan.

Akka isaan jedhanitti, biyya kamittuu yeroo mara kan rakkoon mudatatu gartuu yookiin saba tokko qofa miti. Rakkoon dabaree waan ta’eef kaleessa buqqaatiin ummata Oromoorra ga’e har’a ammoo Kaaba biyyattiitti mudateera. Oromoon ammoo warra buqqa’an cina dhaabbatee rakkoon hundarra ga’a yaada jedhu qabatamaan barsiisuu qaba.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You