Seenaa Oromoofi hubannoo dhalootaaf ta’u

Kutaa 13fa

                    Haaromsa Gadaa Odaa Roobaa

Wiirtuun Gadaa Odaa Nabe erga diigamee booda jijjiramni guddaan Gadarratti ta’e. Akka barsiifataatti “Haaromsa Gadaa” jedhamee bara 1116 Odaa Nabeerratti deemsifame tarii bara eerame kanatti bakki taa’umsa abbaa Muudaa Mormorirraa gara Odaa Nabeetti yeroo jijjiirame ta’uu danda’a.

Tasgabbiin naannichatti dhabamuusaarraa kan ka’e kennaawwan adda addaa qabatanii namoonni galma abbaa Muudaatti jila deeman haala barbaadaniin waan hinadeemsifamneef bakka taa’umsa abbaa Muudaa jijjiiruun dirqama isaanitti ta’a.

Haaluma kanaan ta’uu danda’a bakki taa’umsa Qaalluu Mormorirraa Odaa Nabeetti kan jijjiirame. Odaan Nabee giddugala amantiifi siyaasaa taatee tajaajila kennaa turuushii ragaan barreeffamaas dabalataan ni mirkaneessa. Haata’u malee ragaan barreeffamaafi afoolaa walfaallessa. 

Kitaaba “History of the Sayyo Oromo” jedhu keessatti Nagaasoo Gidaadaa akka ibsanitti, Odaan Nabee bara 1230 tti giddugala amantiifi siyaasaa turuushii lakkoofsa dhalootaatiin akka bira gahan tilmaamaniiru. 

Karaa biraatiin kan barreessitoonni seenaa biyya kanaa barreessan eeruudhaan Odaan Nabee bara 1344 – 1370 akka hojjechaa turte ibsaniiru.

Asirratti tilmaamni Nagaasoos ta’e kan isaan wabeeffatanii dhiyeessan hir’ina mataasaa danda’e qaba. Tokkoffaa, Nagaasoon bara dheeraa kana bira ga’uuf tilmaamni isaan dhiyeessan quubsaa miti. 

Kan afoolaan Oromoonni Tuulamaa Haaromsa Gadaa jedhanii dhiyeessan wajjin garaagarummaa umurii jaarraa tokkoo qaba. Tarii barri Nagaasoon dhiyeessan kanuma Oromoon Tuulamaa Haaromsa Gadaa jedhu kana ta’uu danda’a.

Karaa biraatiin akka barreeffamichaatti giddugalli amantiifi siyaasa Sirna Gadaa Oromoo bakka tokkoo bakka biraatti jijjiiramaa turuusaa eeruudhaan bara mooticha Amdatsiyoon Kattaarraa Dawwaarootti, achii Odaa Nabeetti darbuusaa ibsa.

Barreeffamni kunis dhugaa ragaa seenaa ta’e tokko kan of keessatti hammate fakkaatee wal keessa xaxameera. Sababiinsaas Kattaarraa gara Dawwaarootti jijjiirame bara jedhametti Dawwaaroo bakka hedduutti argamu keessaa kam akka ture addaan baasuun rakkisaa ta’eera. Ta’ullee Dawwaaroo Baalee jedhamee kan eerame yoo ta’u bara jijjiirama taa’umsa abbaa Muudaa Odaa Roobaatti (Baale) taasifame wajjin walitti dhufeenya qaba. 

Karaa kanaan ragaa dhugaatti dhiyaate fakkaata. Kanayyuu yoo ta’e ragaa afoolaan arganne wajjin guutummaa guutuutti waldeeggara jechuu miti. Akka afoola manguddootaatti, taa’umsi abbaa Muudaa Odaa Roobaatti (Baaletti) kan jijjiirame Kattaarraa ka’ee osoo hintaane Odaa Nabeerraati. Odaa Roobaa booda gara Madda Walaabuutti akka socho’e dubbatu. Qabxii olitti kaafnetti yoo deebinu, Odaan Nabee giddugala amantiifi siyaasaa taatee yeroo ishiin tajaajilaa turte baay’ee muraasa fakkaata. 

Karaa kanaan yeroo Haaromsa Gadaa jedhamee beekamutti seeronni haaraan bahan hojiirra akka hin oolle yaaliin taasifamaa ture salphaa miti. Falmii garee haaromsa barbaaduufi haaromsa hin feene gidduutti godhamuun lolli ka’aa ture. Haaluma kanaan lola uumameen Qaalluu Odituu kan warra marii Galaan akka ajjeesan ni himama. Kana booda maatiin warra Qaalluu gara Odaa Roobaatti akka baqatan himama. 

Asirratti maatiin warra Qaalluu gara Odaa Roobaatti baqatan kan jedhu fedha warra Qaalluu qofaan kan raawwate hin fakkaatu. Sababiin isaas Oromoonni gara maatii warra Qaalluu sanaatti waggaa saddet saddetitti al tokko jila deemuun dirqama waan tureef naannichis (Odaan Nabee) tasgabbii waan dhabeef bakka jireenya Qaalluu ykn abbaa Muudaa Odaa Roobaatti kan jijjiiran fakkaata. 

Bara taa’umsi abbaa Muudaa Odaa Roobaatti jijjiiramuuf dirqame jedhamu kanatti haalli naannoon Odaa Nabee itti argamu dhuguma tasgabbii qaba jechuu nama hin dandeessisu. Kanaaf afoolli olitti dhiyaate kun kan dhugaatti siiquufi ragaa dhugaa ta’e of keessatti kan qabate fakkaata.

Bara afoolaan eerame kanatti gahee Oromoonni qabaachaa turan maal akka fakkaatu yoo ibsuu baatanillee, hordoftoota amantii Kiristaanaafi Islaamaa gidduutti waldorgommiin daangaa amantii babal’ifachuu cimee waan tureef Shawaafi naannawasaatti nageenyi akka hinturre ibsu.

Asirratti waan tokko hubachuun barbaachisaadha. Kunis walitti bu’insi hordoftoota amantoota lamaanii gidduutti daangaafi amantii babal’ifachuuf uumame isaanuma gidduutti qabatee kan dhaame hinturre. Inumaayyuu kaayyoonsaanii daangaa babal’ifachuufi darbees hordoftoota baay’ifachuu ture. Kanarraa kan ka’e jiraattota (indigenous) keessumaayyuu Oromootarratti dhiibbaan gahe salphaa hinturre.

Hunda caalaa bakka walgahii Oromootaa kan ture bakki taa’umsa abbaa Muudaa jeequmsa guddaa keessa ture jechuun ni danda’ama. Kanaafis fakkaata Odaa Nabeerratti baay’ee kabajamaa kan ture abbaan Muudaa kan ajjeefame. Kun mataansaa ragaa guddaa kan agarsiisudha.

Akka himinsa aadaatti, abbaan Muudaa ykn Qaalluun gaheen siyaasa Sirna Gadaa keessatti qabu muraasa akka ture kan ibsudha. Haa ta’u malee abbootiin Muudaa (Qaalluu) gahee isaan siyaasa Sirna Gadaa keessatti qabaachaa turan olaanaa ta’uu hubanna. Sababiinsaas yeroo Haaromsa Gadaa jedhamee beekamutti Odaa Nabeetti Qaalluu ajjeesuunsaanii abbaan Muudaa (Qaalluun) Oromoota tokko gochuufi tasgabbeessuurratti gahee olaanaa akka qabaachaa turan hubanna.  

Akka afoola maanguddootaatti, erga Qaalluun Odituu du’ee booda giddugalummaan amantiifi siyaasa Oromoo waggaa 200f (dhibba lamaaf) tajaajila Muudaa akka hin kennine dubbatu. Bara 200n (dhibba lamaan) kana keessatti giddugalummaan abbaan Muudaa tajaajila kennuu yoo baateyyuu seerri Gadaa bifuma waliigalaatiin hojii hinhojjenne jechuu nama hindandeessisu. 

Jalqabuma yeroo babal’achaa deeman Qaalluu xixiqqaa fudhatanii waan socho’aniif waggoottan 200n (dhibba lamaan) kana Qaalluu gosa xixiqqaan kun hojii muudaa hojjechaa akka turan himama.

Kanaaf waggaa 200 jedhamee bara eerame gidduutti bifa waliigalaan waggaa saddeetitti al tokko jilli gara araddaa Abbaa Muudaa qaalluu hangafaatti taasifamu hin turre jechuu fakkaata. Kana booddee bara 1316tti bifa haaraan Odaan Roobaa bakka giddugala amantiifi siyaasa Oromoo taatee akka filatamte himu. Asirratti dubbistoonni waan tokko akka nuu hubattan barbaanna. 

Kunis Odaa Mormor, Odaa Nabee, Odaa Roobaa, Madda Walaabuurratti Haaromsi Sirna Gadaa adeemsifamaa tureera oggaa jennu kaayyoo tokkoof dhaabbileen lama wajjin socho’aa akka turan hubachuun barbaachisaadha.

Kanaaf Odaa Nabeetti Sirni Gadaa haaromfameera oggaa jennu Oromoo maraaf naannoo Odaa Nabee qubatanii jiraataniif bakka amantiis, siyaasaas ta’ee tajaajila kennaa ture jechuudha. Karaa kanaan abbaa Muudaa (Qaalluu) isa guddaarraa eebbas ta’e jila itti adeemsifamaa tureen Oromootuma mara wajjin itti fayyadamaa turan jechuudha.

Oromoota fagaatanii jiraataniif bakka abbaa Muudaa (kan jilaafi eebbaaf itti godaanan) isa guddaa ta’ee isaan tajaajila jechuudha. Akkas yeroo jedhamu abbaan Muudaa (Qaalluu) bakka taa’umsa isaa irraa fagaatanii Oromoota dhufaniif sochii isaan siyaasa keessatti adeemsisan keessatti gahee hinqabu jechuu miti. Hunda caalaa gosoota Oromoo tokko taasisuufi walitti qabuurratti gaheen abbaa Muudaa isa olaanaadha.

Kanaafis fakkaata yeroo baay’ee balaan (rakkinni) abbaa Muudaafi galmasaarratti diinotaan kan raawwatamaa ture. Bifuma kanaani naannoo bara 1316tti Haaromsa Gadaa jedhamee kan Odaa Roobaarratti galmi abbaa Muudaa jijjiirame. Waa’ee Haaromsa Gadaa Odaa Roobaa irratti raawwatameefi maaltu akka hojjetamaa ture gadi hiiqnee kaafna.

Ammaaf Oromoon jaarraa 16fan dura naannawa Shawaa qubatee jiraachaa turuusaa ragaawwan ibsan ilaalla. Waa’ee Haaromsa Gadaa Odaa Roobaarratti adeemsifame booda waan kaafnuuf ammas jireenyaafi qubsuma Oromoo jaarraa 16fan duratti Tuulama ykn Shawaa keessa jiraachaa turuu isaanii ragaalee ibsan haa sakattaanu.

Yeroo ammaa bakka qubsuma Tuulamaa keessatti seenaa Odaa Nabeetiin walqabatee kan jiru waa’ee Hora Jahan Waaqayyoofi Tulluu Saddeettan Waaqayyooti. Kana malee Fugugiifi Gaamoon seenaa Oromoo wajjin walitti hidhannoo waan qabaniif barreeffamaan yeroo baay’ee ka’u.

Kanaaf, seenaa Oromoo keessatti gaheen isaan qaban akka ragaatti guddaa waan ta’eef sakatta’amuu qabu. Seenaa Oromoo waliin hidhannoo bakkeewwan kun qaban kaasuun ragaa jireenyaafi qubsuma Oromoo yeroo dheeraa agarsiisa. Fakkeenyaaf Hora Jahan Waaqayyoo jedhamuun araddaa uulamaa keessatti kan argaman horawwan adda addaa yoo ta’an isaanis:

Arsadii, Hora Kiilolee, Hora Finfinnee, Hora Erer, Hora Hadhoofi   Hora Warxooti.Haroowwan kunis bakka abbootiifi akaakoon Oromoo dur durii kaasanii saawwan isaanii itti bobbaafatan ta’uuaanii seenaa Odaa Nabee (3th C.A.D.) waliin walqabsiisanii dubbatu.

Kana malees, ardii Tuulamaa keessa Tulluu Saddeettan Waaqayyoo kan jedhamanis bakka Oromoon amantii isaa itti gaggeeffachaa ture ta’uu ibsu.Tulluuwwan Saddeettan Waaqayyoo kunis:Tulluu Cuqqaalaa, Tulluu Erer, Tulluu Bosati, Tulluu Furii, Tulluu Eegduu, Tulluu Foyataa, Tulluu Galaan, (Muxxee Galaan)Tulluu Waatoo Daalachaa jedhamuun beekamu.

Odaa Nabee jalatti siyaasni Sirna Gadaa yemmuu gaggeeffamu Tulluuwwan kana gubbaatti immoo Oromoon Waaqa akka kadhatuufi dhugeeffatu ni himama. Akkasumas, seenaa madda Oromoo keessatti hayyoonni adda addaa bakka madda Oromoo jalqabaa yookaan dhalootaa (homeland) jedhanii kan ibsan lafa (biyya) Fugug jedhamu.

Biyyi Fugug kun eessatti akka argamu ilaalchisanii Mahammad Hassan yaada barreessaa ‘Martial de Salviac’ jedhamu eeruudhaan akka ibsanitti:

In one Oromo tradition, there is a reference to a far way land, the land which is consistently claimed as the first home of the Oromo  people, the birthplace of the nation. This land is known as Fugug today located in the administrative region of Arsi, the heart land of historical Bali 8  jedhaniiru.

Kunis gara Afaan Oromootti yoo hiikamu.

 Ittifufa…

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You

About the Author: wendimagegn