Rakkoowwan sirna barnootaa wajjin walqabatan

“Barrikee hundumtuu bara eebbaa siif haa ta’u; jireenya addunyaa kanaa wajjin wal’ansoo eegaluuf qajeeltee, ilma koo. Ayyaanii Waaqayyoo si wajjin haa ta’u” dhaamsa abbaa mucaasaa jalqabaaf mana barnootaatti ergeedha. “Tokko jennee eegalleeraa; yaa Waaq karaa irra deemu naa eebbisi” dhaamsa abbaa isa biraati. Lamaanuu feesbuukiirratti dhoobameen arge. Dhaamsaafi hawwii cimaadha. Waaqayyo isaan haa eegu, haa tiksu.

Wiixata tare. Onkoloolessa 1 bara 2014; guyyaa akka biyyaatti manneen barnootaa balbalasaanii saaqanii barattoota itti simataniidha. Baranas saaqiinsi manneen barnootaa ji’a tokkoon duubatti harkifateera. Silaa jalqaba ji’a Fulbaanaa banamuu qaba ture.

Yeroo barnootaa ji’a tokko ta’u qisaasameera. Akkamitti akka bakka bu’u itti yaadamuu qaba. sanbata barsiisuun filannoo tokko. Guyyaa barnootaarratti sa’aatii dabaluunis bakka buusun ni danda’ama. Garuu itti yaadamuu qaba. Kan baranaa qofa osoo hintaane kan darbes itti yaaduun gaarii ta’a.

Haalli barnoota biyya keenyaafi qulqullinnisaa rakkoo akka qabu beekamaadha. Kanarratti koviid-19 dhufee sirumaa qilee keessa galcheera. Waggoota lamaan taran ijoollen baratan jechuun hin danda’amu. Bara 2012 siimisteera 2fa manneen barnootaa sababa dhibee kanaan cufaman.

Sababa kanaan barnootaafi qormaata malee ijoolleen tola kutaa itti aanutti ce’an. Bara 2013 keessa manneen barnootaa humna guutuudhaan osoo hin taane dabareedhaan barsiisaa turan. Kun baratoota daran miidheera. Midhamni baratootaa miidhama biyyaa wajjin walqabata. Mala hanqinni beekumsa barattootaarratti uumame kana ittiin suphan dhahuun qooda qamolee barnootarratti hojjatanii ta’a.

Bara kanas yeroo manneen barnootaa banaman kanatti dhukkubni koviid-19 haala sodaachisaa ta’een biyya keessatti babalataa jira. Kun rakkoon adeemsa baruufi barsiisu itti fufsiisa jechuudha. Egumsi fayyaa barattootaa hojii guddaa xiyyeeffannaa barbaadudha. Maatiin ijoolleesaa barnootaaf jaalalaafi hawwii guddaan manneen barnootaatti ergus gaheesaa taphachuu mala.

Gama biraatiin, yeroo manneen barnootaa saaqaman, yeroo koviid-19 b barnootarratti dhiibbaa taasisaa jiru akkasumas yeroo qulqullinni barnoota biyyattii qilee keessa seene kanatti Ministeerri Barnootaa biyyattii hoogganaa haaraa argateera. Piroofeesar Birhaanuu Naggaa Ministira Barnootaa ta’anii muudamaniiru. Baga muudaman jechuun aadaadhuma; kan osoo achitti muudamuu baatee jedhu akkuma jirutti ta’e. Yaadni kun Paarlaamaa muudama mirkaneesse keessattis calaqqiseera.

Nama kanaafi dhaabbata isaan hogganan guddaa kanarraa maaltu eegama? Ummanni ni gaafata. Fedhiiwwan adda addaa jiraachuu malu. Kan qulqullina barnoota biyya kanaa fooyyessuu qaba jedhee yaadu hedduudha. Kanneen qooqa barnootaa barumsi ittiin kennamaa jiru ni fooyyessa ykn ni jijjira jedhee yaadus jira.

Namni akkanaa kun kallatiin na quunnameera. Ifatti dubbatamuu baatus wantooti midiyaaleen gartummaa saba tokkoo qaban dudubbatanillee ni jira. Akka yaada kootti gaaffiin kan ta’uu qabu namtokkee kana qofa irraa osoo hintaane akka siistamaatti ykn dhaabataatti maaltu eegama? Maaltu fooyya’uu qaba? kan jedhu ta’uu mala. Dhimma qooqa barnooti ittiin kennamu xuxxuquun gaarii natti hinfakkaatu. Qooqni hunduu abbaa mararafatuufi ittiin boonu qaba.

Rakkoon barnoota biyya kanaa rakkoo qulqullinaati. Namoonni tokko tokko “Afaan ykn qooqni barnooti ittiin kennamu rakkoo qaba, tokkummaa biyyattii hin eegsisu” yoo jedhamanis ni dhagahamu. Inni lammataa ammas anaaf fudhatama hinqabu.

Qooqa ofitiin barachuun biyya nama jaalachiisa malee biyya nama hin jibbisiisu. Garaagarummaa jiru keessatti tokkummaan akka jabaatu taasisa malee kan laafisuu miti. Dirqamaan ijoolleen afaan hin beeknen akka baratan taasisuutu tokkummaa laaffisa, walitti dhufeenya uummataa jeeqa. Kanaaf rakkoon siran abaruufi barsiisuu biyya keenyaa sababa qooqa itti baratanii osoo hintaane sababa qulqullina barnootaati jedhanii amananii irratti hojjechuutu bu’aa qaba.

Ministirri haara’ichis waan kana sirriitti hubachuu qabu. Ajandaa siyaasa qooqaa ijoolleen ittiin baratanii dhiisanii (yaadamasaanii kan duraan dubbachaa turan keessaa bahanii) kallattiin qulqullina barnootaarratti yoo hojjatan waan hedduu fooyyessuu ni danda’u. Muuxannoofi barumsa gahaa hojii kana hojjechuu isaan dandeessisu waan qabaniif.

Yoo akkuma ilaalcha yeroo adda addaa ifa gochaa turaniifi, barreeffamootasaanii keessatti calaqisiisaa turaniin itti fufan ykn gara qooqa barnootaa jijjiiruu ykn waliin makuutti deeman ta’e rakkoo biraa uumu. Kuni gara daandii milkii isaan hingeessu. Kanaaf itti yaaduu qabu.

Qulqullina barnootaa fooyyessuuf bakkeewwan xiyyeeffannoo barbaadan adda bahanii kan beekamaniidha. Rakkoo adda baasuuf qo’annoofi qorannoorratti dhamahuun hagas hinbarbaachisu. Qulqullina barnoota biyya kanaa fooyyessuuf dhimmoonni haalduree tokko malee irratti hojatamuu qaban hedduudha. Kanneen keessaa kan ijoo ta’aniifi hogganaa haarofti irratti xiyyeeffachuu qaban haa caqasu.

Barsiistota ga’umsa qaban gara manneen barnootaatti fiduu: Kan barnoota fooyyesus, kan ajjeesus dhimma gahumsa barsiistotaa wajjin walqabateedha. Haalli naannawa barnootaa biyya keenyaa jiru akkuma walii galaatti namni gahumsa guddaa qabu akka mil’atu kan taasisuu miti. Mindaaniifi faayidaan naannawa sanatti kanfalamu kan keessa jiruu kan baqachiisuudha malee kan alaa kan harkisuu miti.

Leenjiin barsiistotaa kennamu gahaa akka hintaane qo’annoon ni ibsa. Barnooti kollejjoota keessatti kannamu keessattuu kan barsiistota horatan daldala too’annaa gahaa hin qabne kan dhaloonni keessatti qaramu osoo hin taane kan keessatti doomu ta’ee ture- bara sirna Wayyaanee.

Kan gaafa jedhu bariistoti ciccimoon gahumsaafi beekumsa qaban hedduun akka jiran dagadhee miti. Garuu, akka walii galaatti yoo ilaalame humni namaa naannoo kanaa jiran eenyuyyuu caala sirriitti ilaalamuu akka qabu ibsuu barbaadeni. Ministirri haarofti damee barnootaa qabatan yoo jijjirama fiduu barbaadan gama kanatti xiyyeeffachuu qabu.

Kariikulamii barnootaa irra deebi’anii ilaaluu: Kariikulamiin barnootaa sadarkaa sadarkaan jiru hagam nama ga’umsaafi amala gaarii qabu akka horatu sakata’amuu qaba. Barataan kutaa tokkoffaa ga’umsa barataan kutaa tokkoffaa biyya ambaa keessa jiru wajjin walqixa ta’uu baatullee kan walmadaalu ykn walgitu ta’uu qabaa? Kuni qulqullina barnootaa qofaan osoo hintaane karikulamii barnootaatinis kan walqabatuudha. Hoganaan kun kanas yaaduu qabu.

Manneen barnootaa siyaasarraa bilisa taasisuu: Rakkoo bara Wayyaanee biyya quunname keessaa tokko manneen barnootaa dirree siyaasaa ta’uusaaniiti. Barsiisaan siyaasaan qoratamee, siyaasaan muudama ykn jijjiirraa argata. Guddinni barsiisaa ogummaan osoo hintaane siyaasaan walitti hidhama.

Barataan garee siyaasatiin akka gurmaa’u; siyaasa barata osoo hin taane hojjata oolu; hedduunsaanii. Kun waan gadhee naannawa manneen barnootaa faallessuudha. Kanaaf manneen barnootaa siyaasarraa bilisa taasisanii hojii baruu barsiisuurratti qofa akka xiyyeeffatan taasisuun barbbaachisaadha.

Qormata malee kutaa gara kutaatti darbuu: Qulqullina barnootaa wantoota ajjeesan keessaa tokko imaammata barnootaa hanga kutaa 4fatti jiruudha. Barataan qormaata malee kutaadha gara kutaatti akka darbu taasisamaa turuunsaa ijoolleen barnootaaf xiyyeeffannaan akka hinkennine, akka hinqayyabane taasiseera.

Kun keessattuu baadiyyaatti waan bal’inaan mulateedhe. Ijoolleen oromoo hedduun imaammata kanaan miidhamaniiru. Bratooti osoo dubbisyuufi barreessuu, herega dabaluufi hirisuu, baayyisuufi hiruu haga humnasaanii hin beekin kutaa 4ti of argu. Booda harca’anii manneen barnootaatii bahu.

Barnoota KG babal’isuu: Kun magaalatti rakkoo miti. Kan warra haalli mijaa’eef qofa osoo hin taane ijoolleen iyyeesaatuu kutaa tokko galuun dura barnoota KG hordofu. Baadiyyaatti garuu akkuma mana barnootaa gahaniin kan ijoollee simatu kutaa 1fa dha.

Bakkawwan hedduutti wanti KG jedhamu hin jiru. Yoo jiraates maqaadhaaf. Kun beekumsa ijoollerratti dhiibbaa guddaa qaba. kanaaf sirraa’uun dirqama ta’a. Baadiyaatti kutaawwan barnoota idilee duraa KGn haalli itti babal’ataniifi jabatan uumamuu qabu.

Meeshaalee manneen barnootaa guutuu: Akkuma beekamu aguuggiin manneen barnootaa yeroo ammaa kana gaariidha. Garuu akkuma dhaabbilee fayyaa; manneen barnootaa hedduun duwwaa jiru. Meeshaan baruufi barsiisuuf oolan, kan barnoota deeggeran hinjiran jechuun ni danda’ama. Bakka meeshaaleen kunniin hin guunnetti qulqullina barnootaa ni eegana jechuun hin danda’amu. Kunis bakka xiyyeeffannaa barbaaduudha.

Akkuma waliigalaatti rakkoon qulqullina barnootaa biyya keenyaa qooqa ykn afaan ittiin hiikataniin barachuu miti. Namoonni beekaniis ta’ee osoo hinbeekin qooqa ijoolleen ittiin barataniifi qulqullin barnootaa walitti fiduuf yaalu.

Kun ilaalcha jibba afaan sabaafi sablammiirraa waan maddu malee kan saayinsiidhaan deeggaramee miti. Kanaaf, qulqullina barnootaa fooyyessuuf qabxiiwwan harmaan olitti xuqamanirratti xiyyeeffatamuu qaba. Ministirri barnootaa haara’ichis gama kanaan yaaduu qabu.

Barattoota maraaf bara barnootaa itti milkaa’an haa ta’uuf.

Torban Gaarii!

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You

About the Author: wendimagegn