Raawwii carraa hojii uumuu, humna Oromiyaan qabuun hinmadaalle

Yeroo ammaa akka addunyaattis ta’ee biyya keenyaatti waa’een hojidhabdummaa ajandaa siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee ta’ee sadarkaa duraatti kan ka’uudha. Keessattuu, rakkoon hoji dhabdummaa dargaggootaan walqabatee ka’u immoo rakkoolee birootiif yeroon sababa itti ta’us hedduudha.

Waggoota sadii dura jijjiirama biyyattii keessatti dhufeef sochiin dargaggota olaanaa akka ture kan haalu hinjiru. Yeroo ammaa kana mootummaan sochii dargaggootni taasisaniin gara aangootti dhufe osoo jiru dargaggootni har’as rakkoo kana keessa jiran hedduudha.

Dhimma hojidhabdummaa furuuf taasifamu akka hojiiwwan birootti garuu waajjira tokko yookiin qaama tokko qofaan furuun ulfaataa akka ta’es hundumaafuu ifaadha.

Dargaggoota sochii fincila qabsoo gaggeessuun jijjiirraa sirnaa kanaaf gatii kanfalan keessaa immoo sadarkaa duraatti kan maqaansaanii waamamu qeerroofi qarree Oromiyaa yammuu ta’an, dargaggoonni kunniin har’as gaaffii carraa hojiisaaniif deebii quubsaa waan argatan hinfakkaatan.

Oromiyaan giddugala indaastriiwwan biyyattii hedduu taatee osoo jirtu, lafa bal’aafi hojii kamiifuu mijataa ta’e, humna carraa hojii gahaa uumuu osoo qabdu har’as rakkoo hojdhabdummaa hir’isuun waan milkaa’e hinfakkaatu.

Obbo Boggaalaa Fallaqaa Hogganaa Biiroo Indaastiriifi Misooma Intarpiraayizii Oromiyaa qabeenya uumamaafi baay’ina indaastirii akkasumas lafa bal’aa naannichi qabu guutuutti carraa hojii uumuutiin itti fayyadamuun yoo danda’ame hoji dhabdummaa hir’isuun salphaa akka ta’e himu ji’a tokko dura ibsanii turan.

Bara bajataa xumurametti carraalee jiran kanneenitti fayyadamuudhaan carraa hojii bal’aa ta’e uumuudhaaf tattaaffiin olaanaan taasifamaa turuu Gaazexaa Bariisaatti himanii, kanaanis raawwii waggoottan darbee ol ta’e milkeessuun kan danda’ame ta’uu dubbatu.

Akka ibsasaaniitti, bara 2013tti ergamni guddaan waajjirasaaniitti kenname rakkoo guddaa yeroo ammaa yaadeessaa ta’e hoji dhabdummaa xiqqeessuuf xiiqiidhaan hojjechuu ture. Mootummaan naannichaas dhimmicha haala addaatiin waan hordofuuf yeroo yeroon kallattii hojii kaa’uu qofaa osoo hintaane haala raawwiisaa too’ataa wantoota sirreeffamuu qabanis deeggaraa turuu kaasu.

Kana keessaa inni tokkoofi guddaan immoo carraa dinagdeen biyyattii uumuu danda’u hundatti fayyadamuudhaan carraa hojii bal’aa uumuun kallattii ijoo mootummarraa waajjira kanaaf kenname turuu ibsu. Kanarraa ka’uunis xumura bara bajatichaatti carraa hojii namoota miliyoona 1.2f uumuuf kan karoorfame yommuu ta’u, kan raawwatame garuu miiliyoona tokkoof kuma 250 ture. Kunis karoora qabameen ol waan ta’eef akka raawwii gaariitti fudhachuun kan danda’amuudha jedhu.

Carraa hojii baay’inaan uumuu qofa osoo hinta’in qaamota dursa argachuu malaniif kennuunis sirnaan raawwatamuu kan himan Obbo Boggaalaan, kanaan walqabatee namoota carraan hojii bara bajatichaatti uumameef keessaa laakkofsi olaanaan kan eebbifamtootaati. Hojiin kun immoo dhiheessii lafaa, ijaarsa sheedotaa, liqii, qusannaafi hojiilee birootiin kan deggarame ta’uu ibsu.

Gama qusannaatiin yommuu ilaallamu bara bajatichaatti qarshii biiliyoona saddeet qusachuuf kan karoorfamee ture yoo ta’u, xumura bara karoorichaatti garuu kan milkeessuun danda’ame qarshii biiliyoona 8.8 ture. Kunis karoora qabamee ol waan tureef akka raawwii milkaa’aatti fudhachuun akka danda’amu himu.

“Raawwiin qusannaa gaarii ta’uu baannaan liqiin kennamu gahaa hinta’u. Liqiin gahaan kennamuu baannaan immoo carraan hojii namoota hedduuf uumamuu hindanda’u. Kanaaf raawwiin qusannoorratti ture gaarii ta’uunsaa hiikkaa dachaa qabaata. Haa ta’uu malee qusannaan haala gaarii ta’een raawwatamus liqiin sadarkaa barbaadamuun hojidhabdootaaf hin dhihaanne” jedhu.

Akka ibsa hogganichaatti, liqiin carraa hojii uumuu kanaaf dhihaate qarshii biiliyoona 1.6 qofaa yommuu ta’u, kunis isa bara bajataatti dargaggoota gara hojiitti galaniif liqeessuuf qabame keessaa dhibbantaa 50 gadi waan ta’eef akka raawwii gadaanaatti kan ilaallamuudha.

Rakkoolee gurguddoo bara bajatichaatti gama raawwiitiin mul’atan keessaa inni tokko liqii gahaa sochoosuu dadhabuu akka ta’e eeranii, kunis dhaabbilee madda liqii ta’an waliin gara fuuladuraatti wanti hojjatamuu malu guddaan kan hafu ta’uusaa kan agarsiisu ta’uu dubbatu. Bakka liqiin gahaan hin dhihaannetti hojiin carraa hojii uumuuf taasifamu guutuu waan hintaaneef bara ittaanuuf xiyyeeffannoon olaanaan dhimma kanaaf kan kennamu ta’uus ni kaasu.

Gama ijaarsa sheedotaatinis bara bajatichaatti sheedotni kumaa 700 ol ta’an ijaaramuudhaan gara fayyadamtootaatti kan dabarfaman ta’uu himanii, sheedota karaa seeraan alaatiin qabamanii turan hedduus warroota seeraan ala qabatanirraa fuudhanii kan maluuf dabarsuusaanii ibsu.

Akka ibsasaaniitti, wantoota carraan hojii baay’inaan irratti uumuudhaaf barbaachisan keessaa inni guddaan iddoo hojii yemmuu ta’u, yeroo hedduuf akka rakkoottis kan ka’aa ture hanqina dhiheessii lafaati. Bara bajatichaatti wantoota raawwii olaanaa galmeessisan keessaa inni tokko isa gama dhiheessii lafaatiin jiruudha. Kanaanis lafti hektaarri kuma 47 ta’u dhimma carraa hojii uumuu kanaaf akka dabarfamu ta’uu danda’eera.

“Dhimmi biroo carraa hojii uumuu keessatti ka’uu qabu dhimma liqii fudhatan sana yeroo eeganii deebisuuti. Kanumarraa ka’uunis bara bajatichaatti liqii kenname keessaa dhibbantaa 100 walitti qabuuf karoorfamee gara hojiitti kan galame yemmuu ta’u, kan sassaabame garuu isa liqeeffame keessaa dhibbantaa 86 qofa. Kunis garuu raawwii kanaan dura tureen yemmuu wal bira qabamee ilaallamu olaanaadha jedhanii fudhachuun ni danda’ama” jedhu.

Liqicha sassaabuu qofa osoo hintaane inni ala bules eessaafi eenyu harka akka bule kan barame waan ta’eef yeroosaa eeggatee deebi’uun waan hinoollee ta’us ni kaasu.

Wanta gaarii barana raawwatame keessaa liqii waggoota hedduuf ala bulan sassaabuu ta’uu himanii, kanaanis liqiiwwan dagatamanii turaniifi ni deebi’u jedhanii amanuun nama rakkisu deebisiisuun danda’amuu dubbatu.

Haaluma kanaan bara bajatichaatti liqii buleessaa kuma 800 sassaabuuf karoorfamee kuma 400 ol ta’u sassaabamuu kan himan Obbo Boggaalaan, kun immoo isaan kanaan dura eessa akka jiran hinbeekkamneefi abbaan liqeeffates biraa dhabamee turee ta’uu ibsu.

“Wanti gama carraa hojii uumuu baranaa kana keessatti akka rakkoo guddaatti nu muudate garuu baay’ina dubartootaa carraan hojii uumameef irratti. Raawwiin keenya karoora keenya carraa hojii uumamu hunda keessatti dhibbantaan 50 dubartootaaf ta’uu qaba jennu waliin kan deemuu miti” jedhu.

Rakkoon hirmaannaa dubartootaa dabaluu kun immoo waajjira tokko qofaan kan furamuu danda’u waan hintaaneef qaamoonni dhimmichi ilaallatu hundi deeggaruu akka qaban kaasu. Fakkeenyaaf gurmiin dubartootaa sadarkaa garaa garaatti jiruufi kutaaleen hawaasaa garaa garaa dubartioonni gadi bahanii carraa jiru keessatti dalagachuu akka qaban deggaruun barbaachisaa ta’u ibsu.

Inni biraammoo dhiheessii liqiirratti rakkoo jiru furuun rakkoo guddaa barana muudateefi bara ittaanutti xiyyeeffannoon irratti hojjatamuu qabu ta’u kan himan hogganana biirichaa, keessattuu birookiraasiin dhaabbilee liqii dhiheessaniin walqabatee sadarkaa dakaatti mul’ataa jiru saffisaan furamutu isarraa eeggama jedhu.

“Maddi liqii inni guddaan immoo WALQO duriifi Baankii Siinqee har’aati. Rakkoolee barana mul’atanirratti walii galuudhaan bara ittaanuuf karoora walii baafnee gara hojiitti kan galame waan ta’eef rakkoon kun yeroo ittaanutti ni furama jedhamee abdatama” jechuun ibsu.

Walumaagalatti, dhimmi carraa hojii uumuuf taasifamu kamiyyuu ergama waajjira ykn dhaaba tokkoo qofaan milkaa’uu waan danda’uu miti. Kan gurmeessu kan biraa, kan lafa dhiheessu kan biraa, kan liqii dhiheessus kan biraa waan ta’aniif milkaa’ina damee kanaa mirkaneessuuf qindoominni qaamota kanneeniif isaan dhimmi ilaallatu hunduu jiraachuu qaba.

 Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You

About the Author: wendimagegn