Simrat Tamasgeen: Dubartii digrii 1fafi 2fan warqii lama lama argattee sadaffaaf kaadhimamte

Baatuun dhiheenya kana sirna eebbaa Yunivarsitii Naannoo Oromiyaa keessummeessite waan takkaa hinbaramne ummatatti agarsiiftee tokko ajaa’ibsiiftee kaan immoo maalalchiifteetti.

Ummanni eebba barattootaatiif galma yunivarsitichaatti Sanbata darbe walga’e milkiifi injifannoo dubartii takkaatiin miira waldhawaa keessa jira. Eebbifamtootnis yeroo badhaasni barattoota qabxii olaanaa argataniif kennamu maqaan dubartii tanaa irra deddeebiin waamamuusaatti inni kuun harka afaansaarra kaawwatee taajjaba, inni hafe immoo hanga qoonqoonsaa madaa’utti iyyee, harkisaa diimatutti immoo harka rukutee gammachuushii qooddata.

Warri dubartiin tun tana hunda cimtee osoo hintaane walitti dhiheenya addaa barsiisota waliin qabduun badhaasota kanneen hunda argatte jedhanii hamatanis hindhabaman.

Keessummoonni guyyichaas akka keessummaatti taa’anii sirnicha ilaaluufi badhaasa kennuu qofa osoo hintaane, akkuma barattoota guyyicha eebbifamuutti yeroo lafaa olka’anii harka rukutuudhaan dubartii eebba guyyichaatiif miidhaagina addaa keennite sanaaf kabaja kennaa turan.

Keessummaa kabajaa guyyicha barattoota qabxii olaanaa argataniif badhaasa kennuttis qormaata taatee kan oolte dubartiin tun nama dhiisii lafa irra ejjattus saalfattu tun, “Intalli waltajjicha geggeessaa turte yeroo lamaa sadii as deebi’uurra hanga sirni badhaasaa xumuramutti osoo asuma turtee siif wayya” jetteeni.

Intalattiin dhugaa jette! maqaan Simrat jedhamu waamamee badhaasa tokko osoo fudhattee hindeebine ammas maqaan Simrat jedhamu waamama. Haati Simrat Aadde Ballaxuunis osoo gammachuu intalasaanii isa badhaasa tokkoon gammaddanii hinquufin yemmuu maqaan intalasaanii amma amma waamamu immimmaan haadhummaafi gammachuu harcaasu, intala mataa ol isaan qabachiiftes faarsu.

“Garaan dhalaa gaafa ilmoon gammaddu ni boossi” kan jedhamus kanuumaaf natti fakkata. Gammachuun irra darbe yookiin gammachuun miira kolfaafi seequu qofaan ibsamu akkuma jirutti ta’ee, yeroo tokko tokko immoo namni gammachuusaa miira akkasiitiin ibsachuu hindandeenye boo’ichaafi imimmaan harcaasee kan ibsatus jira. Kana keessaa imimmaan gammachuun garaan dhalaa ilmoof gammadu isa seequufi kolfaa bira darbee immiin harcaasuutti nama geessitu sanatu harmee Simrat mudate fakkaata.

Haati seenaa armaan oliifi asii gadii shamarree Simrat Tamasgen jedhamti. Eebbifamtoota torbee darbe Yunivarsitiin Naannoo Oromiyaa eebbisiise keessaa ishee tokkoofi guyyichatti maqaanshee mooraa yunivarsitichaatti uwwisa guddaa argateera.

Akaakuu barnootaa ‘Leadership and Change Management’n digrii lammataatiin tan eebbifamte dubartiin cimtuun tun, waancaa waliigalaa yunivarsitichaa dabalatee warqiiwwan lama argattee mataa barattoota yunivarsitichaa ta’uun eebbifamte.

Qabxii olaanaa galmeessisuudhaan eebbifamuun ormaaf malee isheefi maatiisheetiif haaraa kan hintaane ta’uu tan himtu Simrat, digrii jalqabaatiin wayita eebbifamtus uunivarsituma kanarraa badhaasa warqii lama argachuushii dubbatti.

“Gaafa digrii jalqabaa eebbifamu qabtii olaanaa fiddee badhaasa warqii lamaa argachuu qofa osoo hintaane, yunivarsitichis barnoota digrii lammataa bilisaan akka ittifufu naa mijeessinaan kunoo har’as digrii lammataatiin eebbifamuu bira gahe”

Digrii 1fa qabxii olaanaan eebbifamuun iskoolaarshiippii digrii 2fa kan argatte Simrat amma immoo digrii 2farrattis qabxii olaanaa warqee lamaafi waancaa argattee eebbifamuusheetiin barnoota digrii 3fafis iskoolaarshiippii argatteerti.

Akka carraa ta’ee immoo bara barnootaa 2014 kanatti Yuunversiitiin Nannoo Oromiyaa barnoota Digrii 3fa ykn ‘PhD’ kan eegalu ta’uu Pirezidaantiin yuunversiitichaa sirnicharratti mirkaneessaniiru.

Dubartiin cimina qofa osoo hintaane carraa uumaas waan qabdu fakkaattu tun badhaasarratti badhaasa, barumsarratti barumsa, injifannoorratti injifannoo galmeessisuun dubartoota boodaa dhufaniif kaka’umsa olaanaa uumuunshee waan hinoolleedha.

“Ciminakoofi milkii hanga ammaatti argadheef ana caalaa qooda guddaa fudhachuu kan qabu harmee kooti. Tattaaffii jireenyaa keessattuu barnootaa kutaa gadaanaarraa eegalee hanga ammaatti taasisaa ture duuba osoo harmeen koo hinjirtu ta’ee silaa seenaan amma odeessaa jirru kun faallaasaatiin odeeffamuu akka danda’u hinshakku” kan jettu Simrat, abbaanshees gama hamileeshee cimsuutiin gahee olaanaa bahachaa kan ture ta’uu dubbatti.

Akka yaada Simratitti; kaayyoonshii inni guddaan qabxii olaanaa argachaa badhaasa argachuu qofa miti. Bakka irraa kaate yaadachaa bakka bira qaqqabuuf adeemu immoo bartee achi ga’uuf halkanii guyyaa hojjachuudha. Dhalli namaa immoo waan yaade sana inuma dalaga. Wanti guddaan garuu bakka gaarii ga’uuf yaaduu qofa osoo hintaane wantoota bakka yaadne sana nama geessan hunda akka yeroosaaniitti walduraa duubaan raawwachuudha.

Karoora hinraawwanne immoo baafachuun barbaachisaa miti. Karoora raawwachuu dandeenyu qofarratti xiyyeeffachuutu barbaachisa. Gama barnootaa kanarratti dubartoonni hedduu qabxii olaanaan eebbifamuu dhiisii barnootasaanii xumuranii eebbifamuunuu hangam akka itti ulfatu nan beeka.

Hubannoon hawaasa keessa jiru ammas waan jijjiirame hinfakkaatu. Ba’aa dachaa dhalootaan dubartootarratti fe’ameefi hawaasni dubartootarratti fe’e dubartootni akkuma dhiiraatti barnootaan akka hinmilkoofneef gufuu ta’eera yaada jedhu qabdi.

“Dubarootaaf ergaa guddaan ani dabarsu hinjiru” kan jettu Simrat, maatii isaaniifi hawaasa bal’aaf garuu dhaamsa guddaa akka qabdu dubbatti. Kunis dubartiin takka akka milkooftuuf yaalii isheen taasiftu caala haala mijataa maatiinshee uumuuftu murteessaadha. Bakka hubannoon hawaasaa geeddaramee ilaalchi dhiira ol qabee dubartii immoo gadi qabu hinhambifne keessatti milkaa’ina dubartootaa dabaluun daran rakkisaadha.

Manuma tokko keessatti haalli abbaafi haati ijoolleesaanii dhiiraafi dubartii itti ilaalanis iddoowwan hedduutti hanga ammaatti hinjijjiiramne. Keessattuu baadiyyaatti har’as dubartootni ilaalcha boodatti hafaatiin osoo baruumsa hinarganne ykn immoo eegalanii osoo bakkaan hingeenye addaan gutuuf dirqaman hedduudha.

Kanaaf dubartootni akka milkaa’an haala mijataa uumuu malee gorsa addaa ykn deeggarsa addaa hinbarbaachisu.

Kana immoo maatii dubartootaaf iddoo olaanaa kennanii haala mijataa isaaniif uuman keessatti dubartootni akkamii akka bahan ilaaluun salphaadha. Maatiin kiyya immoo waan abba dubachaa jiru kana hundaaf ragaadha.

Gara fuula duraattis taanaan barnootaan imalli dheeraan kan ishee eeggatu ta’uu kan himtu Simrat, umrii shamarrummaa kanatti barumsaan fagaatanii yoo hinadeemne booddee ulfaachuu waan maluuf carraa kanatti fayyadamuuf murteessuushee dubbatti.

Iccitiin milkaa’ina barnoota ishee harmeeshee ta’uufi gara fuula duraattis barnootaan fagaattee akka adeemtuuf hawwii qofa osoo hintaane deeggarsa qabatamaatiin ishee faana jiraachuun immoo imalicha kan isheef salphisu akka ta’e ibsiti.

Biyya ammas hirmaannaan dubartoota gama barnootaatiin gadaanaadha jedhamu keessatti dubartii mooraa yunversiitii dhiironni kumaatamoonni jiran keessatti badhaasa waancaa argattu tana argachuun dubartootaafis ta’e lammiif ergaa addaa kan qabuudha.

Dubartoota aangeessuufi dhiiraan walqixa carraa jiru hundatti akka fayyadaman taasisuun immoo eenyuyyuu dura maatiisaanii irraa eegaluu qaba. Ilaalchi walqixxummaa maatii ijoollee keessatti hinjiraanne manneen barnootaafi hariiroo hawaasummaa kanneen biroo keessatti uumamuu hin danda’u.

Milkaa’ina barattuu Simrat keessatti shoora olaanaa kan taphate haadhashee Aadde Ballaxuu akka turan Simrat ragaa bahaa jirti. Deeggarsi dubartootaa maatii biratti eegale immoo eessattillee gufachuu kan hindandeenye hamilee cimaa kan itti horuudha.

Haadha milkii warqiirratti warqii dabalaa imala barnootaarra gulufaa jirtu akkanaa baay’inaan horachuuf immoo adeemsasheerraa muuxannoo fudhachuun murteessaa ta’a.

 Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You

About the Author: wendimagegn