Karoora hinqabdu taanaan namatu sitti karoorfata

Yeroo tokko barattootni afur kolleejii utuu baratanii qormaatni akka itti dhiyaate utuu hinhubatin halkan taphataa turanii waan qophii qormaataa hinqabneef ganamaan ka’anii diinii kolleejii bira dhaqanii akka rakkoon isaan mudate ibsaniif. Yeroo gara diinii kolleejii dhaqan giraasoo konkolaataa dibatanii, dhoqqee ofitti dibanii ture.

Firri isaanii waan cidha qabuuf gargaaraa turanii utuu halkan galanii akka gommaan konkolaataa isaanii karaa irratti jalaa dhohe; halkan guutuu konkolaataa kana dhiibaa hanga kolleejii isaaniitti akka dhufan ibsaniif.

Inni kun akka qorannoofi qophii isaan qormaataaf godhan irratti akka dhiibbaa geessiseef yoo fedhasaa ta’e yeroo qormaataa akka darbuuf gaafatan. Diiniin kolleejichaas erga dhaggeeffatee booda guyyaa sadii booda akka dubbisanii dhufanii qormaata fudhatan heeyyameef.

Barattootni afran sunis galateeffatanii galan. Guyyaa sadii booda yeroo deebi’anii qormaata fudhachuu dhufan qormaanni isaan fudhatan isa kanaan duraarraa adda jedheen. Hundisaanii kutaa dhuunfaasaanii keessatti fudhatu; hunduu qopha qophaa jechuudha. Erga isaan kutaa qormaataa seenanii booda hundasaanii gaaffii walfakkaataa lama akka kennamuuf taasise.

Gaaffii 1. Maqaan konkolaataa keessanii maal jedhama? (Qabxii lama)

Gaaffii 2. Gommaa kamtu dhohee? A. Isa bitaa duraa B. Isa mirgaa duraa C. Isa bitaa booddee D. Isa mirgaa booddee. (Qabxii 98)

Bartootni kunniin hundi deebiinsaanii adda adda ture. Utuu karoora sirrii qabaatan ta’ee yoom akka qorataniifi yoom akka bashannanan nibeeku turan. Karoorri hundumaaf daran barbaachisaadha. Namni karoora hinqabne kufaatiif nama karoorfateedha. Karoora qabaachuun karoora dhabuu caalaa miidhaa hamaa qaba.

Namni karoora qabu xiyyeeffannoo sirrii qaba. Namni karoora qabu egeree isaaf ofitti amanamummaa cimaa qaba. Eessatti akka deemu nama sirriitti beekuudha. Baasii isaa nama sirriitti to’atuudha. Wantoota isa mudaatu hundumaa madaalee ilaaluu; isa hintaanetti harka kennuu diduuf ofitti amanamummaa qabaata.

Yerootii gara yerootti maal akka hojjetu beeka. Eessatti akka deemu beeka. Duraa duubaan maal akka hojjetu beeka. Namoota waliin dorgaman attamitti caalee akka argamu beeka. Kanaaf karoorri jireenya ilmaan namootaaf barbaachisaadha.

Yeroo hedduu taphattoota jabaatanii leenji’an, jabaatanii taphatan, garuu kubbaa saaphanaa wajjin walagarsiisuu kan hindandeenye ni argina. Haa ta’u malee kaayyoon tapha kubbaa saaphanaa wajjin walagarsiisuudha.

Bakka itti kubba galchanii qabxii lakkoofsifatan hinbeekan taanaan sirriitti taphachuun isaanii kan jijjiirama fudu miti. Akka nama egereesaarratti hojjetuutti karoora jireenyaa sirrii qabaachuu, karoora kana ammoo jabaannee hojiitti hiikuuf dhama’uun murteessaadha.

Yoo karoora qabaannee hojiitti hiikuu hindandeenyu ta’e waan lama banna. Tokkos qabeenyaa, humnaafi yeroo akkasumas borii keenya rratti dhiibbaa gaarii geessisuu danda’uu dadhabna. Inni kun miidhaa guddaadha. Waan hundarra namni karoora malee deemu akka nama dukkana keessa qaqqabataa socho’uuti.

Karoora qabaatee karoorasaa kana ammoo yoo hojiitti hiike ciminasaa kan agarsiisu yoo ta’u, yoo karoorri ba’ee hojiitti hiikuu dadhabe garuu dadhabinasaa calaqqisiisuunsaa hinoolu.

Yeroo deemsa jalqabnu garam akka deemnu sirriitti beekuun gaariidha. Mul’ata sirriis qabaachuun murteessaadha. Maaliif akka barannu, maaliif akka hojjennu, eessa ga’uuf akka deemnu beekuun gaariidha. Har’a eessa akka jirru, waggaa har’aa, waggaa lama har’aafi waggaa sadiifi kudhan har’aa eessa akka ga’uu qabnu ammuma murteessuun irratti hojjechuu jalqabuu qabna.

Namni karoora hinqabne ofirrattis ta’e bakka jirutti jijjiirama nan fida jedhee yaaduu hindandaa’u. Sababiin isaa yoom maal akka hojjetu nama adda baasee hinbeekne waan ta’eef. Kanaaf milkoominaan kan nu ga’u jalqaba irratti maal akka gochuun nuuf ta’u dursinee karoorsuun baay’ee barbaachisaadha. Karoorri maatiif, karoorri barataaf, karoorri daldalaaf, karoorri qotee bulaaf, karoorri gaggeessaaf…nibarbaachisa.

Walumaa galatti karoorri namoota hundumaaf daran barbaachisaadha. Fakkeenyaaf geggeessaan tokko karoora sirrii hinqabu yoo ta’e gonkumaa milkaa’uu hindanda’u. Geggeessaan karoora qabu galma sirrii niqabaata. Waan hojjetu jalqabasaa qofa utuu hinta’in dhumasaas arguu danda’a.

Mul’ata gaarii yoo qabaanne eenyuyyuu caalaatti karoorsuufi hojjennee milkaa’uuf carraan qabnu daran bal’aadha. Waan karoorsines kan gufachiisuu danda’u hinjiru. Karoora hinqabnu yoo ta’e akka doonii kallattii hinbeekne irra socho’uu taana. Meeshaa kallattii agarsiisu malee dooniin tokko akka barbaachisetti eessayyuu sirriitti ga’uu hindanda’u.

Socho’ullee garuu karaa sirriirra lafa yaade ga’uun salphaa miti. Bu’aansaas bubbee galaanaatiin asiifi achi oofamuudha. Namni daandii kamirrattillee hojjetu, hojjetee milkaa’uu fedhu karoora yoo qabaateefi karoorasaas fiixaan baasuuf tattaaffii barbaachisaa yoo taasise qofa.

Kanaaf karoora sirrii qabaachuuf waan gochuu mallu keessaa muraasni 1. Rakkoolee nu marsan, marsan yookaan naannoo keenya jiran ilaaluu. 2. Ilaalcha keenya fageessinee bor jijjiirama dhufuu malan sammuu keenya keessatti yaadaa jirrurratti xiyyeeffachuu. 3. Isa yaada keenya keessa jiru attamitti namoota kan biraa biraan akka geenyu itti yaaduu. 4. Isa yaada keenya keessa jiru kan ofii keenyaa godhachuufi duraan dursii itti amanuu. Mul’ata burqisiisnetti hinamannu yoo ta’e namoonni kan biroon akka hinamanne hubachuun daran barbaachisaadha. 5. Dhumarratti duraa duubaan waan hojjechuu qabnu kana kaa’uun akka ariitiifi barbaachisummaasaaniitti hojii irra oolchuun gaariidha.

Kanaaf namni karoora hinqabne akkasumatti yeroo isaafi qabeenya isaa balleessa. Kutaa kana amma yeroo dubbbiftu ati maal keessa jirtaa? Eessa akka deemuun siif ta’u sirriitti beektaa? Jireenya kee boriif karoora attamii karoorsitee jirta? Milkoomina argachuudhaafis hangam jabaattee hojjechaa jirta?

Nama karoora malee jiraatu yoo taate bor gaabbuun kee hinoolu. Ofduuba ilaaltee gaddita. Namni karoora hinqabne ergamaa nama karoora qabuuti. Isa kanaaf utuu yeroo itti hinkennin ammaa qabdee borii kee irratti gadi fageenyaan yaaduu qabda. Karoorsuu qabda. Haa ta’u iyyuu malee karoora sirrii yoo qabaatte hojii sirrii hojjechuuf kanneen sigargaaran muraasa akka armaan gadiitti waliin haa ilaallu.

Namni tokko akkaataa itti guyyaasaa eegaluufi jireenyasaa gidduutti hariiroo cimaan akka jiru beekuu danda’uun gaariidha. Ganama daqiiqaa 10-15 kan ta’uuf waa’ee kanneen armaan gadii yaaduu irratti dabarsi. Waa’ee hojii, hariiroo namootaa wajjin qabaattu, waa’ee maatii, waa’ee hawaasa keessa jiraattuufi waliin hojjettuufi kkf yaadi.

Maalitti gammadda, maal raawwachuus qabdaa? Kanaaf guyyaa ati itti seentu kun maal fakkaachuu malaa? Maalis fakkaachuu akka qabu sababa hubattuuf dandeettii kee gadi fageenyaan yaaduu nifooyyessa.

Itti fufuun waan har’a hojjettu karoorsi. “Illeettii lama qabuuf yoo duukaa buute tokko iyyuu hinqabdu” jedhu warri Raashiyaa Namni tokko jireenyasaarrattis ta’e hojiisaarratti jijjiirama fiduuf tattaaffii ta’uu keessatti milkaa’aa kan isa taasisu karoora inni baasuufi raawwii isaati.

Abjuufi hawwii baay’ee yoo qabaatanillee kan yaadaniifi kan abjootan raawwatanii kan argaman namoota dhibba keessaa namoota lama qofa. Dhibbantaan 98 garuu abjuufi yaada qaban biraan utuu hinga’in kan hafaniidha.

Waan tokko bira ga’uuf abjoochuu duwwaan ga’aa miti. Garuu attamitti akka argatan karaa isaa beekuun baay’ee barbaachisaadha. Waan hawwine bira ga’uudhaaf karoorsuufi wanta karoorsan kana immoo jabaatanii hojjechuufi ijatti geeddaruu barbaada.

Karoora malee hojjechuun bu’aa malee akka hafnu nu taasisa. Yeroo tokko daldalaan kan jiraatu namichi tokko gamoo guddaa ijaaruu yaadee ijaarsa erga jalqabee booda yeroo afurii ol karoora ijaarsa gamoo isaa jijjiireera. Sababiin guddaan rakkoo karooraafi raawwii ni qaba jechuudha.

Kanarraa kan ka’es kasaaraa guddaan irra ga’eera, utuu bu’aa qabeessa hinta’inis hafe. Akkasumas barattoonni dhibbantaan guddaan akaakuu barnoota barataniif karoora akka hinqabne qorannoowwan ni mirkaneessu.

Waantota hojjechuuf karoorfanne hunda yeroo tokkicha hojjechuu akka hindandeenye beekuunis daran barbaachisaadha. Yeroo tokko waanuma tokko qofarratti xiyyeeffachuudhaan hojjechuun dhiphinarraa akka eegamnu gochuu qofa utuu hinta’in hojii bu’aa qabeessa akka hojjechuu dandeenyu gochuu keessatti ga’ee cimaa taphata.

Hojii tokko yeroo sirriitti utuu hinhojjetin dabarsinaan isa borii wajjin walitti ida’amee nu dhiphisuun sababa hinoolleef waan har’a hojjennu rakkoon kan biraa hanga nu hinmudannetti hojjechuu irraa boodatti deebi’uu hinqabnu.

Fakkeenyaaf yeroo tokko nama hojii yeroo sirriitti utuu hinhojjetin hafe baay’ina hojii irraa kan ka’e hedduu dhiphatu tokko argeen ture. Namni kun hoogganaa waajjiraa yeroo ta’u waajjirri isaa yeroo hundumaa waraqaa hedduudhaan kan guute ture.

Hundumaa keessaa kan na ajaa’ibsiisu kaleessaafi dheengadda kanan argaa ture xalayoonni achuma jiru turan. Yeroo sana kan isa dhiphisaa ture hojii yeroo isaatti utuu hinhojjetamin hafaniiti. Isa tokko hojjechuuf yeroo yaalu, isa kan biraatti immoo utuu darbuu hojiis utuu hinhojjetin oola. Rakkoon akkasii akka si hinmudanneef of eeggachuun barbaachisaadha.

Egaa walumaa galatti karoora sirrii qabaachuun, borii ofii gadii fageenyaan itti yaaduufi irratti hojjechuun murteessaadha.

“Itti yaaddee yoo karoorsite, jabaattee yoo hojjette, sammuufi humna kee sirriitti yoo hojjechiifte, of irra darbitee mul’ata biyya lafaa jijjiiru yoo burqisiifte nama biyya lafaa jijjiiru ta’uu nidandeessa.” Nama hinbeekamne.

 Doktar Zarihun Gabree

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You

About the Author: wendimagegn