Liigii piriimeerii Itoophiyaa bara 2014 boru jalqabama

Finfinnee: Bara 1990 irraa eegalee waggaa waggaadhaan kan adeemsifamu walmorkiin kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa Beet king jedhamu borurraa eegalee kilaboota Naannoo Sidaamaa, ummatoota Kibbaa, Oromiyaa, Amaaraa, magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaa jidduutti gageeffama.

Hirmaattonnis Finfinneerraa Qiddus Giyoorgis, Buna Itoophiyaa, Raayyaa Ittisaafi bulchinsa magaalaa Finfinneetti. Oromiyaarraa magaalaa Adaamaa, Sabataafi Jimmaa Abbaa Jifaari.

Naannoo Siidaamaarraa Magaalaa Hawaasaa, Buna Sidaamaa; naannoo Kibbaarraa magaalaa Walqixxee, Walaayittaa Diichaa, Hadiyaa Hosaa’inaafi magaalaa Arbaaminci.

Naannoo Amaaraarraa bulchiinsa magaalaa Faasiliifi Baahirdaar; Dirre Dhawaarraa bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaati.

Bu’uura sagantaa baheetiin walmorkiin kun boru sa’aatii 9:00 irratti kan banamu tapha kilabni bulchinsa magaalaa Hawaasaafi Jimmaa Abbaa Jifaar jidduutti Istaadiyoomii Yunivarsitii Hawaasaatti taasifamuuni.

Akkasumas galgala sa’aatii 1:00 irratti bulchiisni magaalaa Dirre Dhawaafi Walaayittaa Diichaan ni taphatu. Iftaanis ittifufuudhaan Adaamaafi Walqixxeen, Raayyaan Ittisaafi Magaalaan Arbaaminci walfalmu.

Federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa sagantaa kilabootaaf hirerraa akka hubaneetti wal morkiin marsaa duraa kun hanga turban saglaffaatti istaadiyoomuma yunivarsitichaatti ittifufa.

 Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You