“Gurmaa’i, hidhadhu, duuli omishaafi omishtummaa guddisuuf” – Doktar Abiyyi Ahimad

Nagaa, misoomaafi dimokiraasiin Itoophiyaaf dheebuufi beela bara hedduuti jechuun danda’ama. Sirni dhufee darbu kamuu afaaniin Itoophiyaaf natu beeka jedhee gara aangootti dhufus kaleessarra har’a wayya jedhamee abdii jijjiiramaafi gammachiisaa ta’e horachuun ulfataa ta’aa tureera.

Jijjiiramani milkaa’ina adeemsaan dhufu ta’uusaan walqabatee boru bariihinnaa ilaalcha jedhuun of jijjiiruuf kan carraaquufi qalbiin haala mijataa arguuf roorra’u kumaatamadha. Kaanimmoo hojjetee of jijjiiruuf carraaquu caalaa hatee golasaa guuttachuufi duroomee kaan ergachuuf abjuu fafummaan of haguugee umriisaa kan lakkaahu tokko lama miti.

Garaagarummaa jireenyaa dhala namaa gidduutti seeraan ala uumamu kanan walqabatee waldhabdee uumamuun sirni sirna nyaatee mootummaan haaromsaa amma aangoorra jiru teessuma qabateera. Turtii aangoorratti dabarse waggoota sadi keessattis hojiilee misoomaa gara garaa hojjetaa kan ture ta’us nageenya biyyattii guutummaa guutuutti mirkaneessuuf sakaallaa keessa seeneera.

Kanaafimmoo sababa guddaa kan ta’e ilaalcha finxaalessummaa murni ABUT agarsiise yoo ta’u tarkaanfii kabachiisa olaantummaa seeraa mirkaneessuuf waraanni baname caamuu diduun waggaa tokko lakkoofsiseera.

Hudhaa kana keessa taa’uun filannoon marsaa 6fa akka biyyaatti gaggeeffamuu akka qabu taasifamuun mootummaan haaromsaa aangoorra jiru filannoo marsaa 6fa injifachuusaa boordii filannoon mirkanaaheefii ijaarsi kaabinee raawwatee hojiitti seenamus, walwaraansi mootummaa federaalaafi murna ABUT gidduutti taasifamu babal’achuun hariiroo hawaasummaa lammiilee balaa keessa galcheera.

Kumaatamni ajjeefamaniiru, kumaatamni qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqa’aniiru, kanas ta’ee nageenyi waaraa bu’uu hindandeenye. Dhiibbaan qondaaltota biyyoota alaa Itoophiyaarratti qoqqobbii kaahaa jirus dinagdee biyyattii hubaa jira.

Hudhaa kana keessa ta’anii Itoophiyaa olkasuuf warraaqsi taasifamu hirmaannaa lammiilee biyyattii kan gaafatu waan ta’eef xiyyeeffannoon warraaqsa dinagdee Itoophiyaaf kennamuu qabu cimuu akka qabu Ministirri Muummee Itoophiyaa tibbana kaasaniiru.

Walgahii Ariifachiisaa Ministirotaa tibbana gaggeeffamerratti argamuun haala yeroorratti haasaa kan taasisan Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad duula qorqalbii biyyaa eegsisuu gaggeeffamaa jiru cinatti damee dinagdeef xiyyeeffannoon kennamuu qaba jedhaniiru. Waraanni biyya golgoleessa gola lammiilee onsa; kana dandamachuufimmoo misooma qonnaa keenya dagachuun sirrii miti yaada jedhu kaasaniiru.

Hammam walwaraansiifi rakkoon nageenyaa baay’atus sochiin gama misooma qonnaan jiru jajjabeessaa akka ta’e himuun ammaas xiyyeeffannoon damee qonnaaf laatamaa jiru cimuu akka qabu yaadachiisaniiru. Tibbana daawwannaa ooyiruu qonnaan bulaa Goojjam wayita taasisanitti haalli oomishaaleen qonnaa itti jiran jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru. Duula kabachiisa olaantummaa seeraa akka biyyaatti gaggeeffamaa jiru cinatti damee misooma qonnaan cimsanii qabuun firiin galmaahuuf jiru tole kan nama jechisiisudha jedhu.

Waraanni dinagdee nyaata, kanamalees dinagdeen yoo utubameen ala balaadha kan jedhan Ministirri Muummichaa, dinagdee biyyattii gaaga’amarraa baraaruuf shoorri qonnaan bultoonni Itoophiyaa taphataa jiran kan namatti tolu ta’uu kaasaniiru. Daawwannaa gaggeessaniinis naqanni bissii garbuufi qamadii amma ooyiruurra jiru waan ajaa’ibaati jedhanii qonnaan bultoonnis isa kanatti gammadaa jiraachuu kaasu.

Qonnaan bultoonni naannawichaas midhaan ooyiruurra jiru akkasitti naqachuunsaafi waraana biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru walbira qabanii raajeffatanii “nudhiibuufii laata” jechaa jiru kan jedhan Dr Abiyyi waraana keessa taa’anii oomisha akkasii qabaachuun waan addaa ta’uu himu.

Miirri gurmaahi, hidhadhu, duuli jedhu kun gaafa dhagahamu qorqalbiin namaa waraana duwwaa yaaduun gaaga’ama dinagdee fiduun lammiileen eeggattummaa midhaan nyaataaf akka saaxilaman waan taasisuuf akkuma Ministirri Muummee Itoophiyaa jedhan damee qonnaaf xiyyeeffannoo laachuun dirqamadha.

Kanaan duras daawwannaa ooyiruu qonnaan bulaa godina Arsii Pirezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaan Obbo Shimallis Abdiisaan durfamurratti Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi dabalatee Pirezdaantonni naannoolee biyyattii argamaniiru.

Doktar Abiyyi daawwannaa kana wayita gaggeessaa turanitti haasaa taasisaniin waraana biyyarratti baname deggaraa misooma qamadiifi garbuu akkasii babal’isuun waan ajaa’ibaa ta’uu kaasaniiru. Waraanni biyya diiga qe’ee golgoleessa jedhanii, misooma qonnaafis xiyyeeffannoo laachuun murteessaa ta’uu kaasaniiru. Yeroo ammaatti waraanaan walqabatee ilaalchi hidhadhu, duuli jedhu babal’ataa jiraachuu eeranii, duulichi gama qonnaanis taasifamuu akka qabu dubbatu.

Dargaggoon keenya hidhadhu, duuli wayita jedhamu qawwee qofa godhee ilaaluu akka hinqabne tuqanii paampii, tiraaktara, kombaayinara hidhachuun hiyyummaa seenaa gochuuf hojjechuun murteessaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Akka ibsa Ministira Muummichaatti, yaanni namaa waraana qofarratti kan xiyyeeffatu taanaan hiyyumni dabalamuu waan danda’uuf naannooleen misoomarrattis gurmaa’uu hidhachuu, duuluu akka qaban kan ibsudha. Yeroo ammaattis misoomawwan qonnaa naannoolee biyyattii gara garaa keessatti babal’ataa jiran abdii kan namatti horan ta’anis waraana gaggeeffamaa jiruun walqabatee dagannaan jiraachuu akka hinmalledha kan kaasan.

Duula gama misooma qonnaan taasifamaa jiruun aadaan jal’isii gabbataa jira, hirkattummaan roobaa hafaa jira, eeggattummaan qamadii alaa galuu akka hafu ta’aa jira. Yaalii qamadii alaa galchuu kanaan dura ture hambisuuf damee qonnaan taasifamaa jiruun qamadiin guyyoota 90tti gahuu danda’u babal’achuun lammiileef haara galfiin ta’aa jira.

Kanarraa kan ka’e qamadii alarraa galchuuf sochiin taasifamu kamuu hir’achaa kan jiru yoo ta’u miira ofitti amanamummaa kan jajjabeessuufi eeggattummaa kan hambisu ta’ee tajaajilaa jira.

Fakkeenyi gaarii naannoolee Itoophiyaa gara garaa keessatti eegalamee jiru kun akka biyyaatti waliin gahamee qamadiin alaa galu hafuu akka qabuuf ciminaan hojjetamuu akka qabu Ministirri Muummee Itoophiyaa dubbataniiru.

Pirezdaantonni naannoolees yaada kana hojiitti hiikuuf gamanumaa of qopheessuu akka qaban kan taasifame yoo ta’u gurmaa’inni, hidhannoofi duulli waraana qofa ta’ee ilaalamuu akka hinqabne himamee jira.

Har’a sababa waraanaan walqabatee lammiileen qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqa’anii jiran eeggattummaa jalatti kufaniiru isa kanammoo deeggarsa alaa argamu qofaan abdii horuun fagoo waan nama hindeemsisneef oomishaafi oomishtummaarratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.

Waraanni biyya diiga biyya golgoleessa, maatii addaan facaasa rakkina dabalataa hawaasummaa, dinagdeefi fayyaa fiduu danda’a, kana jalaa lammiilee keenya baraaruufimmoo kabachiisa olaantummaa seeraa taasifamaa jiru cinatti damee qonnaafis xiyyeeffannoo laachuun dhimma murteessaadha.

Dhiibbaa dinagdee biyyoota alaarraa Itoophiyaarratti aggaamamaa jiru kana jalaa miliquufis miirri ofitti amanamummaa kan horatamu damee qonnaa ammayyeessuufi omishaafi omishtummaa guddisuunidha.

Gama kanaan Mootummaan naannoo Oromiyaa makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa babal’isaa kan jiru yoo ta’u qonnaan bultoonni gara gara fayyadamoo ta’aniiru. Qonna ammayyeessuuf tarkaanfii fudhatamaa tureen raabsaan paampii, jenereetaraa, tiraakteraa, kombaayineraafi sanyiiwwan filatamoo yeroon gaggeeffamaniiru.

Kanamalees rabsaan sanyii, farra aramaa, calal guddistuufi farra ilbiisaas akka waliin gahamau ta’aniiru. Qonnaan bultoonni teknoloojii kana fayyadamoo ta’an hedduunsaanii oomishnisaanii dachaan dabaleera. Wabii midhaan nyaataan ofirra darbaniis gabaaf dhiyeessuu dandahaniiru.

Raafama gabaa akka waraana lammaffaatti biyyarratti labasamee ture tasgabbeessuufis callaan gabaaf dhiyaate abdii kan namatti horu ta’uu karaa waldaalee hojii gamtaa ibsamaa kan ture yoo ta’u duulli misooma qonnaarratti taasifamaa ture jajjabeessaa ta’uu kan agarsiisedha.

Walumaagalatti waraana biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru qofarratti xiyyeeffatamee kan deemamu yoo ta’e dameen dinagdee raafama keessa galuun waraana dabalataa akka hintaane misooma qonnaaf xiyyeeffannoo laachuun barbaachisaadha.

Ministirri Muummee Itoophiyaas waltajjiiwwan gara garaa irratti argamuun haasaa taasisan keessatti dhimmi misooma qonnaa xiyyeeffannoo argachuu akka malu kallattii kaa’aniiru.

Tarkaanfichi kadhaafi eeggattummaan midhaan nyaataa biyya alaarra argamu akka hafu, miirri ofitti amanamummaa akka gabbatu kan godhu waan ta’eef dameen misooma qonnaa xiyyeeffannoo argachuu akka malu hubachiisaniiru.

Mootummoonni naannoolees dinagdee dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu lammiilee ta’e kana cimsuuf dargaggoota biyyattii paampii, tiraaktara, kombaayinara hidhachiisuun oomishaafi oomishtummaa guddisuuf gurmeessuun jajjabeessuun barbaachisaa ta’uus Doktar Abiyyi dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You