Qoleen meeshaa waraanaa baatu; misoomaa akka hindaganne

Jaarsatu Waraana sagalee qabumoo sagalee hinqabne siif wayya jennaan lakki waraana sagalee maleessa naaf wayya jedhe jedhama. Waraana sagalee qabu maali? Kan meeshaa waraanaa deggarame jechuudha, isa kana fagootti dhagahanii dheessanii lama buluun danda’ama, kan sagalee hinqabnemmoo beeladha dheessanii jalaa bahuun hindandahamu, nama jalaa hinhafu osoo ilaalanii ciisanii kan du’an yoo ta’u daran isa hammaataadha.

Kanas ta’e sana waraanni sagalee qabus ta’e sagalee maleessi biyya kan diigu yoo ta’u irra caalaatti kan miidhaa qaqqabsiisu waraana sagalee maleessa beelaan qaqqabudha. Isa kanaafimmoo sababa kan ta’e raafama siyaasaan walqabatee walwaraansa meeshaa waraanaan mudatu akka ta’e dagachuun nurra hinjiraatu.

Guddina dinagdee, rakkoo hawaasummaafi siyaasa biyyaa kanneen goolan keessaa waraanni isa hammaataadha. Keessayyuu bara kana addunyaan keenya dhibee balaafamaa koronaadhaan gaaga’ama guddaa keessa wayita seentee jirtutti dabalataan waraana keessa seenuun hammam qorqalbii lammiilee akka miidhu hubachuun nama hindhibu.

Tatamasa’ina vaayirasii koronaan walqabatee dhumaatiin lubbuu dhala namaa akka addunyaatti qaqqabaa ture ajab kan nama jechisiisu yoo ta’u, kana hordofuun biyyoonni daangaasaanii walirraa cufachuun sochiin hawaas dinagdee akkasumas siyaasaa daangahuun gaaga’amni dinagdee qaqqabaa ture safuu nama jechisiisa.

Itoophiyaanis biyyoota gaaga’ama vaayirasichaafi dinagdeen waxalamaa turte yoo taatu dabalataanimmoo waldhabdee siyaasaa akka biyyaatti mootummaa federaalaafi murna TPLF gidduutti mudateen waraanni erga banamee waggaa tokko lakkoofsiseera.

Rakkoo waraana kanaan walqabatee dhumaatiin lubbuu dhala namaa bakka bu’insa hinqabne qaqqabaa jiru tokko lama miti. Keessumattuu walwaraansa kanaan walqabatee lammiileen nagaa jumlaan ajjeefamuun lolichi akka hammaatu taasiseera. Dabalataanis kanneen qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqifaman kumaatamatti kan lakkaawaman yoo ta’u eeggattummaa jalatti kufuun du’aaf jireenya gidduu jiru.

Harki qonnaan bulaa kaleessa qotee of jiraachisuurra darbee hojjetaa mootummaaf dhiyeessuun gabaa quubsaa ture har’a eeggattummaa jalatti kufuun harka lammiileesaa eeggataa jira. Gargaarsi yeroo deeggarsa lammiileef dhaabbilee miti mootummaan taasifamu kun buqqaatota kana lama bulchuuf yoo ta’een alatti deebisanii dhaabbiin hundeessuurratti hagas mara bu’aa qaba jedhanii yaaduun dogoggoradha.

Kanamalees buqqaatonni kunneen jireenya bal’inaa kaleessa jiraachaa turan sanarraa gadi bu’anii beela’uun, rakkoo fayyaaf saaxilamuun, barataan barnootasaarraa adda bahuun, daa’imni maatiirraa adda bahuun qorqalbiin lammiilee akka jaamu miirri abdii kutannaa akka babal’atu taasisaa jira.

Murni TPLF kaleessa biyya diigaa ture yakkamtoota seeraan barbaadaman bobaa jala buufatee olaantummaa seeraaf kabaja kennuu dhabuun akka baraa osoon taane akka bare sanaan buluuf wayita miixatu calaqqisa. Barichi bara harqoota gabrummaa morma namaatti fe’uun olaantummaa saba tokkoofi maxxantummaan jiraatan osoon taane bara of ta’anii jiraataniifi olaantummaa seeraa jalatti bulan ta’uu dagatamuu hinqabu.

Kanas ta’e sana waldhabdeen mootummaa federaalaafi murna TPLF gidduutti mudateen walwaraansi erga eegalee waggaa tokko lakkoofsiseera,walwaraansi kun yoo caamuu baate gaaga’amni dinagdee, rakkoon hawaasummaafi raafamni siyaasaa biyyattii elmaa jiru hammaataa kan deemu ta’uu xiinxaltoonni siyaas dinagdee himaa jiru.

Kun akka hintaaneefimmoo waldhabdee mariin furuuf yaaluun ammayyummaa ta’uu dagatamuu hinqabu. Mariin gatii hadhaahaa nama hinkaffalchiisu, qe’eef qabeenyarraa nama hinbuqqisu, hawaasa kaleessa quufee nyaatu mar’ummaan hinmaru, waraana meeshaan dhufe waraana yaadaan kan injifatudha. Biyya walqixxummaan keessatti mirkanaaheefi badhaate ijaaruuf hamma deemnutti waraana meeshaan dhufe yaadaan injifachuuf yaaluun bilchinadha.

Bu’aan waraanaa maal akka ta’e biyyoota gara garaarraa ilaaluun dandahama, balaan biyyoota garagaraa qaqqabe kun Itoophiyaa dabalata sodaan jedhu waan jiruuf biyyattii diigama jalaa baraaruuf waraana yaadaatti osoo deebihame gaariidha.

Kun osoo akkanaan jiruu, qonnaan bulaan beelaafi hiyyummaa dinagdee seenaa gochuuf bonaa ganna dhama’u harqotaaf nohee buusisanii gurmaahi, hidhadhu, duuli miirri jedhu damee qonnaa booddeetti harkisaa jiraachuunsaa kan dagatamu miti.

Muummeen Ministiraa Itoophiyaa Doktar Abiyyii Ahimadis dhimma kana ilaalchisuun yaada bakkeewwan gara garaatti kaasaa jiraniin miirri gurmaahi, hidhadhu, duuli jedhu waraana meeshaarraa gara warraaqsa dinagdeetti deebihuu akka malu gorsaa turaniiru.

Gorsisaanii kun hammam cimaafi jajjabeessaa akka ta’e ogeeyyonni waa’ee dinagdeefi siyaasaa xiinxalan ibsaa jiru, kun waan ta’eef qoleen keenya meeshaa waraanaa baachuurraa meeshaa makaanaayzeeshinii qonnaa baachuutti fuulleffachuu mala.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You