Oro-Fresh: Biraandii haarawaa, tajaajila haarawaa wajjin

Jidduu kana Oromiyaan dhaaba tokko eebbisaa turte. Dhaabbanni kun biraandii haarawaan gadi baheera. Maqaan Oro-fresh jedhu moggaafameefiira. Biraandii haarawa qabateera. Maqaansaas ta’e aasxaansaa hawwataadha. Kaayyoonsaas eebbifamaadha. Hojiin dhaabbata kanaa akkuma maqaafi kaayyoo isaa akka ta’u abdiin qaba. Qonnaan bultootni maqaafi kaayyoo kana jalatti gurmaa’an akkasumas shamattooti magaalaafi baadiyaa milkaa’ina dhaabbata biizinasii hojii qonnaa wajjin walqabate kana irraa waan hedduu eegu.

Akkuma beekamu dinagdeen biyya Xoobbiyaa qonnaan utubama. Qonni keenyammoo duubatti hafaafi ilaalcha aadaatiin kan xaxameedha. Qonna duubatti hafaa barkumee hedduuf ture kana ammayyoomsuuf akkuma biyyaatti tattaaffiin godhamaa jiru gaariidha. Naannoon Oromiyaa, kan dinagdee biyya Xoobbiyaa keessatti gahee muummee qabdu, adda durumaan hojiin hojjachaa jirtu kan abdii namaaf kennuudha. Kana fakkeenyaa qabatamaan ilaaluun ni danda’ama.

Bona tare qamadii jal’isiidhaan omishuuf yaaliin Oromiyaa keessatti jalqabame bu’aa gaarii akka argamsiise qonnaan bultooti hojii kanarratti bobba’an ragaa kennaniiru. Anillee baadiyyaatti, maatii koo biratti, qabatamaan argeera. Kan facaase yoo gammadu kan sodaatee osoo hinfacaasiin hafe yoo gaabbu. Kun dhugaadha. Omishni jal’isiidhaan argames wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa baheera. Bara kana bal’inaan itti fufa jedhamee eegama.

Kan lammataa qonna kilaastaraati. Qonni kun qonnaan bulaan lafa walmaddii qabu midhaan gosa tokko akka facaasu, lafa qonnaa haala walfakkaatuun akka qopheessu, sanyii filatamaafi xaa’oo akkasumas farreen midhaanii akka fayyadamu kan taasisuufi gorsa ogeessota qonnaatiin kan deeggaramuudha. Kun yaalii bira taree akka biyyaatti babal’ateera. Qonnaan bulaaf bu’aa gaarii argamsiiseera. Waan gaarii akka naannootti argaa jirru keessaa tokko qonna kilaastaraa kanaadha.

Sadeessootti wanti gaariin naannoo hojii qonnaa jiru qonna humna qotiyyoofi namaarraa adda baasanii makaanaayizeeshinii taasisuudha. Qotiyyoo duuba deemanii humna guddaa dhangalaasanii omisha ifaajii itti bahee gadi argachuun barmaatilee qonna keenya wajjin dhalootaa dhalootatti darbaa dhufeedha. Qonnaan bulaa hojii duubatti hafaa kana keessaa baasuuf ammas wanti Oromiyaa keessatti mul’achaa jiru kan haa jabaatu jedhamuu qabuudha. Waggoota muraasa darban keessa tiraaktaroonni lafa qotan naannoo kana keessatti raabsamaniiru. Kombaayinaroonni, akka tiraaktaraa bal’inaan itti adeemamuu baatanille, maasii qonnaa keessa galaniiru. Hojiin kun irra caala gara baha Oromiyaatti haala gaariin deemaa jira. Ummannis teknolojii wajjin walbaree ifaajji humnasaa nyaatu sanarraa bayyanatee, gama biraan ammoo omisha gaarii argateera. Hojiin kun Oromiyaa jiddu galeessaafi lixattis babal’achuu qaba.

Paampii qonnaan bulaaf raabsuudhaafis tattaaffiin taasifamaa jiru bareedaadha. Mootummaan naannichaa, qonnaan bultootiifi dargagooti paampii akka bitatan haala mijeessuudhaan qonna bonaa kan midhaanii, fuduraafi muduraa babal’isaa jira. Qonnaan bultooti hedduun kanarraa bu’aa gaarii argachuunsaanii kanneen biroos isaan ilaalanii akka hojii kana keessa galan taasisa. Garuu dhiheessiin paampii humnaafi qulqullina qabuu gatii madaalawaadhaan dhiheessuun itti fufuu qaba. Hojii dhiheessuu paampii kana tajaajila faayinaansitiin walitti hidhanii qonnaan bultooti akka ciman taasisuun barbaachisaadha.

Hojiin qonna ammayyoomsuu naannicha keessatti adeemaa jiru kun itti fufeera. Torbee darbe Waldaan Aksiyoonaa Oro- Fresh jedhamu hundaa’ee omisha qonnaa Magaalaa guddittii naannoo Oromiyaa dabalatee magaalotaaf dhiheessuuf akka hundaa’e ibsi sagantaa eebba dhaabbatichaarratti taasisame ni ibsa. Waldaa kana kan hundeessan waldaalee hojii gamtaa bu’uuraa, yuuniyoontafi qonnaan bultoota adda dureeyyiidha. Achiin omisha dabalaa asiinimmoo omishaaf gabaa barbaaduu ( market linkage) isa jedhamuudha. Akkuma beekammu qonnaan bulaan keenya ni omisha malee bu’aa ifaajjiisaa kan soratu qaama biraati. omishasaa maallaqa xiqqaan irraa bitanii kan ittiin sooroman faddaltootaafi daldaltoota. Kan inni omishe kallattiin shamataa bira hinga’u. Cincaala gabaa (market intermediaries) hedduutu isa omishuufi isa shamatu ( end consumer) jidduu jira. Cincaalli dheeraa kun qonnaan bulaa qofaa miti kan hubu. Isa shamatuttis gatii garmalee olkaasuun qaala’iinsa jireenyaa fida. Akka seera gabaatti cincaalota kana hirisuu malee guutumaa guututti balleessuun rakkisaa ta’a. Garuu Oro-Fresh cincaalota marayyuu balleessuudhaan omishaafi shamataa kallattiidhaan walitti fiduuf deema. Milkaa’i jechuun ala wanti jedhamu hinjiru.

Waldaan aksiyoonaa kun gabaa biyya keessaa qofaa miti kan kaayyeffate. Gabaa biyya alaatiis mil’achaa jira. Omishaalee fuduraafi muduraa biraandii Oro-Fresh jedhuun yeroo dhihootti gabaa addunyaarratti mul’achuuf deema. Hiiknisaa maal jechuudha? Sadarkaa jalqabaarratti omisha qonnaan bulaa biyya alaatti erguudhaan gatii gaaritti gurgura. Kanaanis qonnaan bultooti karaa waldaalee hojii gamtaas ta’ee dhuunfadhaan miseensa waldaa kana ta’an akkasumas kanneen alkallattiidhaan walitti hidhama qaban bu’aa dafqasaanii argatu.

Biyya keenya kana bara baraan sharafa alaa dhabdee rakkattuufis hanga tokko sharafa alaa ni argamsiisu. Sarafa alaa argamsiisuu qofa osoo hintaane omishaalee qonnaa karaa adda addaatiin alaa galaniifi sharafa alaa biyyattii dhabsiisan bakka bu’uudhaan (import substitution) dinagdee biyyattii keessatti gahee isaanii bahu. Biraandii Oro-fresh jedhu qabatanii addunyaatti bahuunis fuula gaarii biyyattii ni mul’isu. Oromoollee addunyaatti beeksisu. Braandii Oro- fresh jedhu kan dibata qaamaafi saamunaa afaanii, nyaata… omishu gabaa addunyaa keessa jiraachuunsaa maqaa daldalaarratti rakkoo akka hinfidne ilaaluun gaarii ta’a.

Waldaan kun jajjabaachuu qaba. Akka biyyaattis guddatee akka ba’uufi kanneen isa fakkaatan hedduun akka uumaman karaa saaquuf karaa maraanuu bira dhabbachuun barbaachisaadha. Akkuma carraa gaarii qabu ‘chaaleenjiiwwan’ hedduunis akka jiran hubatamee dursanii sirreessuun bu’aa qabeessummaa Oro-fresh milkeessa. Fakkeenyaaf ‘chaalleenjiin’ waldaa kana quunnamuu danda’an keessaa tokko hoggansaan walqabata. Dhaabbata guddaa kaayyoo guddaa qabu kan guddinasaas kufaatiisaas kan saffisiisu hoggansa. Kanaaf hoggansa filachuun mirga abbootii aksiyoonichaa ta’ee, garuu hogganaa cimaan akka barbaachisu osoon hintuqne bira hintaru. Hoggantooti filataman, leenjiidhaan, muuxannoo biyya keessaafi biyya alaatiin akka ciman gochuun mul’ata fagoo jirtu sana bira geessisa.

‘Chaaleenjiin biraa quunnamuu malu sirna gabaa diriisuu wajjin walqabatee kan jiruudha. Gabaa biyya alaa akka salphaatti seenuun hindanda’amu. Gabaan biyya alaa gatii caala qulqullina, haala omishaa kemikaala hintuxxuqamne keessa darbuusaa, istandardii gabaan biyya alaa fedhu guutuu, amanamummaa qabaachuun barbaachisaadha. Kanaaf gama kanaan gargaarsi ogummaa, omisharraa kaasee hanga shamataa bira gahutti deggersi ni barbaachisa.

Biyya keenyatti dhaabbilee akkanaa luka jalaa butuu kan kuffisu caasaa sirriifi iftoomina qabu dhabuudha. Fedhii namoota dhuunfaatiin keessattuu hoggantoota waldichaatiin butamuu, malaammaltummaaf saaxilamuun dhaabbilee akkanaa keessa tureera. Gocha fokkataa akkanaa kana ammumaa eegaluun to’achuun, sirna iftoomaafi ittigaafatama qabu diriirfachuu qabu; abbootiin qabeenyaa. Faddaloti karaa tokkoon ulaan itti cufame ulaa biraa banatanii kaayyoo gaarii kana akka hindanqine ammuma itti yaadamuu qaba.

Waldaan kun akka naannoottis ta’ee akka biyyaatti cimuu waan qabuuf mootummaan naannoo Oromiyaa deeggarsa gochuufii qaba. Oromiyaa lalistuu Xoobbiyaa bira tartee Afrikaaf ta’uu dandeessu qabatanii iyyummaafi gadadoo faarsaa jiraachuun dhaabbachuuf deema. Kanaaf dhaabbileen akka Oro-fresh tokko qofa osoo hintaane hedduun jiraachuu ni malu. Kan fuduraafi muduraa qofa osoo hintaane kan midhaan dheedhii, kan aannanii, kan foonii, kan lukkuu… jiraachuu qabu. Bittinnaa’anii dhuunfadhaan kaachuurra walitti yoo gurmaa’ani waan ajaa’ibaa hojjechuun akka danda’amu hojiiwwan waggoota muraasa darban keessa mul’atan ni agarsiisu. Jabaachuudha!

Torban gaarii!

 Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You