“Miila malee lafarra foqoqee yunvarsiitiirraa eebbifamus lafa garaakoo hingeenye” -Dargaggoo Raasimoo Kabaa

“Biiftuu jirtu sussuuku yoo bubbulan mudhuku” jedhe Oromoon Dargaggoo Raasimoo Kabaas ganamuma qaamaan hir’uu ta’ee dhalatus gorsa abbootii biiftuu jirtu sussuuku jedhu kana milkeessee addunyaa kaan muuddee badhaastuufi kaan qimmiiddee rakkistu injifachuuf humna qabuun socho’aa turuusaatii gaafdeebii gaazexaa Bariisaa waliin dheengadda taasiseen kan ibse.

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Mandiitti kan dhalate Dargaggoo Raasimoo Kabaan miillisaa lamaan kan hinsochoone waan ta’eef jilbaan daa’imaa jireenya mo’atee tarree hiriyyootasaa taa’uufi jireenya harmeesaa jijjiruuf hamma humnasaa kaateera. Daa’imummaasaarraa kaasee miila maleessa kan ta’e dargaggoon kun abbaansaa daa’imummaatti waan irraa du’aniif harmeensaa akka haadhaafi abbaa ta’anii dhamaatee hedduun isa guddisaniiru.

Yommuu umriinsaa barnootaaf gahu akkuma hiriyyaasaa barruuleen bitameefii barachuu akka dandahu harmeensaa waadaa galuufii. Waadaa harmeensaa galaniifii kana milkeeffachuuf sochii daandii dheeraa deemuu shaakaluu kan jalqabe dargaggoon kun Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Alaltuu Gumbii Aanaa Mandiitti tokko jedhee barnootasaa eegale.

Manni barumsaa kun qe’ee maatiisaarraa fagoo waan ta’eef hiriyyootasaa dura ka’uun lafarra foqoqaa kilomeetira 10 imaluun mana barumsaasaa gaha. Dhaqaa gala sa’aa sadi imala jechuudha. Jalqaba wayita barnootasaa eegalu kanatti karaa dheeraa deemuun itti ulfaatee jilbiifi harkisaa luluqqa’us kaayyoosaa milkeeffachuuf duubatti hinjenne ture.

Raasimoon haala kana keessa ta’ee kutaa torba xumurus harmeensaa harka qaleeyyii waan ta’aniif namni dabtara bituufii dhibuun walqabatee barumsasaa addaan kutuuf murteessa. Barsiisaansaa hedduu isa jaallatu Barsiisaa Guddinaa Caalii murteen raasimoo kun sirrii akka hintaane ittimuun akka fedhe ta’ee kuta saddeet xumuruu akka qabu isa gorsaa turaniiru.

Barsiisichis barnootasaa kutaa 8fa isaan bira taa’ee akka xumuratu haala mijeessaniifii qalbii ciiseen kutaa 8fa xumuruu danda’eera. Raasimoon manarraa hamma mana barumsaa gahutti lafarra foqoqee waan deemuuf yeroo bokkaan roobu qormaata hamaa keessa galaa akka ture kaasa.

Wayita mana barumsaa dhaquufi deebihu bokkaan isarratti dhumaa lolaan isatti guutaa qabsoo Raasimoon jireenya mo’achuuf taasisu karaatti hambisuu sababa ta’aa tureera. Sababoota kanaaf kan hinjilbeeffanne dargaggoon kun kutaa saddeet xumuree sadarkaa 2fatti wayita darbu imala kilomeetira 20 waan isa gaafatuuf ammas qormaata dabalataa itti ta’eera.

“Ba’aarratti makkichoo” akkuma jedhamu Raasimoon takkaan qaama hir’uudha,lammaffaa harkaqaleessa sadaffaammoo manni barumsaa sadarkaa 2fa naannawicharraa fagoo waan ta’eef abjuu inni sadarkaa 2fa kutaa sagal barachuuf qabu ammas gaaffii keessa seenuu kaasa. Kanarraa kan ka’e barnootasaa itti fufuuf imala kilomeetira 20 kan isa gaafatu ta’ee waan argameef fala dhahuu jalqabe.

Kanarraa kan ka’e Naannoo Beenishaangul Gumuz mana barumsaa Daalattii galuun dirqama itti ta’uu kaasa. Imala kilomeetira 20 kana akka kana duraa lafarra foqoqee barachuun waan hindanda’amneef haadhafii obbolaasaa waliin erga mari’ateen booda harree ittiin deddeebihu bitachuu akka qabu murteessu.

Harree kana bituufimmoo ofii ganna ganna fuduraalee akka Maangoo,Avokaadoo, Paappaayyaa dhaabuu jalqabus dafanii waan hingeenyeef yaaddoo itti ta’an. Namoonni ollaafi firoonnisaa tokko tokko jireenya rakkisaa akkasii keessa ta’ee barachuusaarraa barnootasaa addaan kutuun furmaata gaarii ta’uu kaasaafii turaniiru.

Dargaggoo Raasimoon nama mul’ata fagoo qabuufi gorsa barsiisaasaa isa jajjabeessaa ture sana hindganne waan ta’eef fala addaa barbaaduu eegala. Kanarraa kan ka’e haatisaafi obboloonnisaa hangafaa qarshii walitti buusuun qarshii 700n harree bitaniifii ittiin deddeebihee barnootasaa akka baratu haala mijataa uumuusaanii dubbata. Haaluma kanaan barnootasaa kutaa 9fa mana Barumsaa Daalattii Sadarkaa 2fatti barachuu kan eegale Raasimoon gaaf gaaf harreerraa kufee rakkataa akka ture kaasa.

Qabsoo jireenya injifachuuf taasisu kana warri argan namoonni tokko tokko hidhii xuuxu, kaanimmoo raajeffatu, egaa Dargaggoo Raasimoo kana hunda baachaa kutaa 10 akkuma xumureen mana barumsaa qophaa’inaa kutaa 11fi 12 magaalaa Asoosaatti akka baratu ta’eera.

Raasimoon jireenyasaa kaleessaarraa karaa adda ta’een barachuu akka qabu murteessuun mana kiraa fudhatee barachuu eegala. Fuduraaleen inni dhaabaa turanis firii kennuu waan eegalaniif galii achirraa argatuun haala mijeeffachaa kutaa 12 xumuruu hima. Akkuma kutaa 12 fixeen Yunvarsiitii Riifti Vaalii magaalaa Asoosaatti argamu seenuun barnoota ICTiin dippiloomaan eebbifameera.

Kaayyoon Raasimoo baratee eebbifamee dhamaatee harmeesaa bara dheeraa keessumattuu yeroo inni kolleejjii baratu nyaata galaafatanii deeddeebisaafii waan turaniifiif oolmaa kana deebisuuf abjuu guddaa qaba ture.

Ta’us harmeensaa dhamaatee guddaa isaaf kaffalaa turte guyyaa gammachuusaa kana arguuf hincarromne. Qabsoo kanarra osoo jiruu harmeensaa dhamaatee meeqaan isa guddiste addunyaa kanarraa du’aan waan darbaniif fira abdii irra keewwatu waan dhabeef gara giddugala biyyaa Finfinneetti dhufuu dandaheera.

Finfinnee akkuma dhufeenis Burraayyuu mana firaa boqochuun barnoota barate kanaan qacaramee hojjechuuf hojii barbaaduu eegala.Beeksisni hedduu kan bahu naannawaa Daalattii ykn Kiiloo Afurii waan ta’eef torbanitti altakkaa garasitti akkaa dhufe beeksisa dubbisaa ture. Yoo maallaqa geejjibaa dhabemmoo filannoo inni qabu taa’uu qofadha.

Rakkoo Raasimoo warri hubatan tokko tokko maallaqa gaafa laataniifii fudhata irra deddeebbii yeroo ta’u garuu miirasaa akka miidhu kaasa. Haalasaa kana sirriitti kan hubatan tokko tokko bor nama ta’uu akka dandahu isaaf kaasuun mana kiraa fuudhaniifii isa deggaraa jiru.

Dargaggoo Raasimoon deggarsa namarraa fudhachuuf keessisaa akka hin ajajaneefii kan kaasu yoo ta’u of dandahee namatti ba’aa osoo hinta’iin ogummaa barateen hojjetee jiraachuu barbaada.

Kun kan ta’eefis kadhaa hadheeffatee waan jibbuuf kaleessa bara rakkoon hamaa isa mudateyyuu qabsoon jireenya injifatee as gahuusaa kaasee, ammas of ta’ee jiraachuuf kutannoo qabaachuu hima. Raasimoon qaamnisaa hir’uu ta’us dandeettii ogummaa itti barate sanaan hojjechuu gahaa ta’e akka qabu yoo kaasu oola bula malee lafa yaade gahuu akka dandahu dubbata.

Takka takkammoo barattoota dhaabbilee olaanaarra digirii 1fa fi 2fan eebbifamanii qaamnisaanii guutuu ta’ee osoo jiruu oliif gaadi fiiganii haala mijeeffachuu osoo dandahanii carraa hojii dhabanii yeroo rakkatan argee miirri abdii kutannaas isatti dhufa.

Ogummaa ‘ICT’n kan eebbifame Dargaggoo Raasimoo dhamaatee hadhaahaafi rakkisaa keessa taa’ee eebbifamus xiyyeeffannoo mootumman miidhamtoota qaamaaf kennaa jiru laafaa ta’ee isatti mul’achuullee kaasa. Erga gara giddugala biyyaa Finfinnee dhufee hojii argachuuf carraaqus dhaabbatni haala mijeessuufii dhibuusaan wal qabatee toorri xiyyeeffannoo miidhamtoota qaamaaf taa’eeru laafaa ta’uu hubadheera jedha.

Miila malee dhama’ee baradheen carraa hojii ammallee hinarganne kan jedhe Dargaggoo Raasimoon dargaggoota qaamnisaanii guutuu ta’an anaaf fakkaattotakoo carraa hojii dhaban ilaaluun abdii kutannaa uumuu dandaha jedha.

Miirri hojjetanii eeggattummaa jalaa bahuuf inni qabu olaanaa ta’uu kaasee, sochii mootummaan jireenya namoota akkakoo fooyyessuuf qabu garuu ammallee fooyya’uu kan maludha jedha.

Dargaggoo Raasimoo yeroo ammaattis wangeela lallabaa jireenya hadhooftuu biyya lafaa kanas injifachuuf carraaqaa kan jiru yoo ta’u qaamni dhimmisaa ilaallatu deggarsa barbaachisaa taasisuufii qabaan dhamsa kutaa qophii keenyaati.

Dargaggoo Raasimoon dargaggoota qaamnisaanii guutuu eebbifamanii hojii barbaadaa jiraniif fakkeenya gaarii akka ta’u yoo himu oliif gadi socho’anii hojii barbaaddachuufis ta’e hojii mataasaanii uummachuun akka fedhan warraaqanii jireenyasaanii fooyyeffachuu waan dandahaniif miira abdii kutannaa keessaa bahanii hojjechuu qabu ergaa jedhus dabarseera.

Walumaagalatti kan carraaqu jajjabeessuun kan milkaa’ina argate cimsuunifi haala mijataa uumee miira eeggattummaafi hirkattummaa hambisuuf mootummaan hojjechuu qabaan dhaamsa keenyadha.

Dargaggoo Raasimoo kabaa jireenya injifachuuf qabsootti jiru jajjabeessaa fi kan irraa baratamu waan ta’eef dhaabbileen dhuunfaas ta’e mootummaa deeggarsa barbaachisu taasistanii milkaahina abjuusaaf dirqama keessan akka baatan isin hubachiifna.

 Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You