Gadaa: Sirna jireenya Oromoo kallattiilee mara­an sakatta’uudha

Saboota yeroo dheeraadhaa kaasanii seera ofii tumatanii itiin bulaa turan keessa tokko saba Oromooti. Heerriifi seerri isaa jireenya ummataa karaa hundaan kan ilaaluu yoo ta’u, sabni bilisummaa, nagaafi tokkummaadhaan misoomee wajjin akka jiraatu kan dandeessisuudha.

Heeraafi seera Gadaan ittiin bulchaa ture kana sabni Oromoo orma irraa ergifatee utuu hintaane ofumasaatiin akkaa aadaafi fedhiisaati hayyoota (beektoota) isaatiin seera tumatee ittiin of bulchaa tureedha.

Oromoon sirna bulchiinsafi aadaa boonsa qaba. Gadaan sirna bulchiinsa Oromooti. Sirni kun bara akkasii nama abalu, abalu jedhamuun calqabame jechuun nama rakkisa. Gadaan waan nama tokkoon yeroo tokkotti eegalame miti. Gadaan waan irraa jalaan yaaliifi muuxannoo bara dheeraarraa walitti kuufamee guddateedha.

Gadaan takka kufaa, takka ka’aa bara hedduu dabarseera. Sirni Gadaa dhiibbaa alagaatiin bara dhibba shanii oliitiin morkee, Oromiyaa naannawa Booranaa, Gujii, Arsii, Ituu Humbanna, Tuulamaafi Maccatti har’ayyuu jabaatee ni jira. Gadaan sirna dimokiraatawaa ummanni Oromoo beekumsa bu’uuraa (basic knowledge) irratti hundaa’uun dur ittiin of bulchaa tureedha.

Wantoota saba Oromoo saboota biroorraa adda taasisan keessaa tokko mallattoo eenyumaasaa kan ta’e sirna bulchiinsa Gadaa qabaachuusaati. Kanaafuu Sirni Gadaa mallattoo eenyummaa Oromooti. Sirni kun akka hinbanne, bakka laafee turetti ammoo akka jabaatu taasisuufi sirnichi duudhaa eegee dhalootaa dhalootatti akka darbu taasisuun, barsiisuufi hubachiisuun dirqama dhaloota har’aati.

Jabeenyi Oromomummaa diina of irraa ittisuuf ta’ee mirga ofii kabajeeffachuuf nama gargaara. Kana jechaan Oromoon gara fuuldurraatti addunyaa kana irratti karaa hundaan guddatee kabjamee beekamaa akka ta’u ni taasi’sa. Sirni Gadaa sirna akka malee guddaafi iccittii gadifagoo qabu waan ta’eef barreeffama gabaabduu kanaan waa’ee sirnichaa ibsuun hindanda’amu.

Sirna Gadaa laafee ture deebisanii jabeessuuf yaaliiwwan gara garaa taasifamaa jiru. Qorattoonniifi barsiisonniifi Abbootiin Gadaas dhaloonni har’a jiru duudhaalee sirnichaa sirriitti akka beekaniifi hubataniif barsiisaafi gorsaa jiru. Tattaaffii Ministeerri Aaadaafi Ispoortii, Biiroon Aaadaafi Tuurizimii Oromiyaafi hayyoonni Sirna gadaa taasisaa turaniin sirnichi Sadaasa 21 bara 2009 hambaa kiliyaa addunyaa Dhabbata Saayinsii, Barnootaafi Aadaa ‘UNESCO’tti galmaa’eera.

Kana malees Yunivarsitii Bulee Horaatti barnoonni Sirna Gadaa hanga digrii sadaffaatti kennamaa jira. Manneen Barnootaa Oromiyaa keessa jiran keessattis kutaa tokkoffaa hanga saddeetaffaatti Sirni Gadaa akka barnoota tokkootti kennamaa jira. Isaan kun hundinuu tattaaffii sirnicha dhaloota har’aa barsiisuufi dhaloota borriitti dabarsuuf taasifamaa jiran kan mul’isaniidha.

Gadaan sirna siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa ummanni Oromoo ittiin walbulchaa tureedha. Gadaan sirna dimokiraatawaa hawaasni marti walqixxummaan keessatti qooda fudhatuudha.

Sirni Gadaa ummata Oromoo gosaan ykn gitaan utuu gargar hinbaasin Gadaa shanitti gurmeessee akka dabareedhaan walbulchu kan taasiseedha. Gadaan sirna ummanni Oromoo Gadaa shanan jalatti gurmaa’ee dabaree darbuun ykn buusuudhaan waggaa saddeet saddeetiif kan itti wal bulchuudha.

Walumaagalatti Gadaan sirna waan mara of keessatti qabatuufi jireenya Oromoo kallattiilee maraan sakatta’uudha. Gadaa jechuun jilaaf godaanuu ykn buttaa qaluufi nyaachisuu miti. Gadaa keessatti aadaan jaarmiyaa akka Guddisaa, Gumaa, Araaraa, Meendhachaa, Rakoo, Waaqeffannaa, Irreessaa, Siinqee, Marabbaafi kanneen biroo hedduu of keessaa qaba.

Daraartuu Asaffaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014

Recommended For You