“Duulli keenya hiyyummaafi Juuntaa injifachuun warraaqsa dinagdee keenyaa milkeessuudha” -Obbo Geetuu Gammachuu

Ummanni Oromoo Warraaqsa siyaasaa kanaan dura waggoota sadiif osoo walirraa hincitiin naannawicha keessatti taasisaa ture qabsoof wareegama qaaliin erga injifatee as kallattii qabsoosaa, siyaasarraa gara dinagdeetti jijjiiree hojiitti seenuun ni yaadatama.

Waraanni biyya diiga, dinagdee barbadeessa, abdii jireenyaa dukkaneessa misooma gufachiisa, madaala uumamaa raasuun godaansa, qe’eefi qabeenyarraa buqqa’uu qaqqabsiisa. Kanamalees omishaafi omishtummaa laamshessuun eeggattummaan akka hammaatu taasisa. Isa kanaafimmoo warraaqsa siyaasaa waggoota sadi keessatti qaqqabaa tureen gaaga’ama dinagdee mudate tilmaamuun nama hindhibu.

Rakkoo dinagdee mudachaa ture furuuf duula misoomaa taasifamaa jiruun milkaa’inni baay’ee argamus gocha gantummaa murni finxaaleyyii ABUT uumaniin walqabatee warraaqsi qabsoo dabalataa waraanaa banamee waggaa tokko lakkofsiseera. Isa kanaafis gaaga’amni dinagdee, hawaasummaafi miidhaan qorqalbii lammiileerratti mudatu omishaaf omishtummaallee miidhuu akka danda’u hayyonni dinagdee raagaa turaniiru; ammas ittuma jiru.

Kanamalees balaa waraanaan walqabatee qaqqabuu danda’u kana jalaa of baraaruuf damee msiooma qonnaa dagachuun sirrii akka hintaaneefi beela hammeessuu akka danda’u ogeessonni kun himu. Waraana kaaba Itoophiyaatti mudatee yeroo ammaa umrii waggaa tokkoo lakkoofsisaa jiruun walqabatee raafamni siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa qaqqabaa jiru hammaataadha.

Raafamni kun akkasitti ittifufuu akka hinqabneef qabsoon misooma qonnaa bayyanachiisuuf taasifamaa jiru yoomuu caalaa cimuu akka qabu hayyooni dinagdee himaa jiru. Kun ta’uu baannaan waraanni dinagdee banamu lammiileef balaa akka ta’etti kaasu. Balaa hanqina omishaafi waraanaan walqabatee qaqqabuu danda’u injifachuuf sochiin misooma qonnaa akka Oromiyaatti jiru maal fakkaata isa jedhuuf Hogganaa Ittaanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa dubbisnee turre.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu haala duula yeroo ammaa biyyi itti jirtuun walbira qabanii yaada laataniin duulli jiru lama ta’uu himanii, isaanis murna finxaaleyyii ABUTfi hiyyummaa ta’uu kaasu. Addoonni waraanaa kunneenis hirmaannaa tokkoon tokkoo lammiilee kan gaafataniifi qaamolee gaaraa hanga dakaatti jiran akka ilaallatu kaasu.

Akka fakkeenyaatti omishaafi omishtummaa guddisuuf nageenyi waaraa biyyaa mirkanaa’uu akka qabu eeranii, isa kanaafimmoo murnoota farra misoomaatti duulanii injifachuun murteessaa ta’uufi isa kanaafimmoo tarkaanfii Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad fudhatan fakkeenya gaarii ta’uu ibsu.

Duulichi walabummaa biyyaa mirkaneessuufi lammii misoomawaa horachuu keessatti bakka olaanaa kan qabu ta’uu himanii, gama kanaan hoggantoonni gara garaa tarkaanficha deggaruun duuluuf kan bobba’an yoo ta’u, warreen hafanimmoo misooma qonnaarratti duulaa jiru.

Hawaasni biyyattii irra jireessi qonnaan bulaadha kan jedhan Obbo Geetuun, waraana kaaba Itoophiyaan walqabatee omishaafi omishtummaan akka gadi hinbuune sassaabbiin omishaalee maatii duultotaa akka gaggeeffamu kallattii taa’een hojjettoonni mootummaa akka biirootti jiran bobba’anii sassaabaa jiru. Haala kanaan hojjettoonni mootummaa biiroolee Oromiyaa kuma sadiifi 500 ol ta’an Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee, aanaa Sabbataa Hawaas gandoota lama keessatti bobba’uun maatii duultotaafi qonnaan bultoota humna hinqabnee sassaabbii omisha taasisaniiru. Kanamalees hawaasni kilaastaraan bobba’ee sassaabbii omishaa akka gaggeessu taasisuun milkaa’inni omishaafi omishtummaa akka dabalu ta’aa jira.

Kaayyoonsaa dinagdeen keenya waraanichaan walqabatee gaaga’ama keessa akka hinseeneef hojii bayyanachiisuu hojjetamaa jiraachuu kaasanii, dheerachuu waraana kanaan walqabatee omishaafi omishtummaan akka hin hir’anneef toorri xiyyeeffannoo taa’ee irratti hojjetamaa jiraachuu ibsu.

Akka ibsa Obbo Geetuutti Oromiyaatti oomishni lafa hektaara miliyoona 2.5rratti argamu sassaabbiif kan gahe yoo ta’u, achi keessaa lafa hektaara 2.1rraa omishni sassaabameera. Sassaabbiin walqabatee harkifannaan akka hinmudanneef kombaayinaroonni 430 ta’an oyiruu qonnaan bulaarratti bobba’aniiru.

Gama biraanis rakkoon waliingahinsa kombaayinaraa mudachuu akka danda’u eeranii, barattoonni omisha gahe kanatti bobba’anii akka sassaabaniif manneen barnootaa cufamuun hojiileen jajjabeessoo hojjetamaa jiraachuu himu. Omishni bara kana akka Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru Oromiyaaf qofa osoo hintaane lammiilee Itoophiyaa akka gahuu dandahutti irratti hojjetamaa jiraachiis ni dubbatu.

“Kaayyoon gama misooma qonnaan qabame kun waraanaan walqabatee akka hingufanneef hojjetaan mootumma, barattoonni waliin ta’uun sassaabbii omishaa kana saffisiisaa kan jiran yoo ta’u yeroo ammaattis haala gaariirra jira. Kuni ta’us xiyyeeffannoo keenya duula adda waraanaaa qofarratti gochuun rakkisaa waan ta’eef harka tokkoon hiyyummaa harka biraanimmoo juuntaa buqqisaa deemuun fala omishaafi omishtummaa guddisuuti” jedhu.

Omishaafi omishtummaa Oromiyaa keessatti guddisuuf qonna kutaa sadiin qooduun hojiin hojjetamaa kan ture yoo ta’u isaan kunis qonna gannaa, qonna arfaasaafi jal’isiin hojjechuun warraaqsa dinagdee Oromiyaa milkeessuuf hojjetamaa turuu ibsu.

Akka ibsa Obbo Geetuutti, bara kana qofa omisha rooba gannaarraa argama jedhamee yaadamu kuntaala miliyoona dhibba tokkoofi 60 ol yoo ta’u, isa kanaaf lafti hektaara miliyoona 6.3 midhaaniin uwwifameera. Kana keessaa omishni lafa hektaara milyoona 2.5 irra jiru sassaabbiif kan gahe yoo ta’u midhaan lafa hektaara miliyoona 2.1 ta’urraa sassabamee jira.

Midhaan ooyiruurra uwwifaman kunneenis boqqolloo, qamadiifi garbuudha. Lammiilee Oromoo ammaan tana beela’aa jiraniif akka qaqqabuttis saffisaan sassaabamaa jira.

Hanga midhaan kunneen sassaabamanitti lammiilee wabii midhaan nyaataan of dadhaban deebisanii bayyanachiisuuf midhaan nyaataa gama mootummaan bittaan dhiyaachaa jiraachuu kan himan hogganaa ittaanaan kun, kanas ta’e sana midhaan amma oyiruurra jiru haalaafi xiyyeeffannoon yoo sassaabame rakkoo wabii midhaan nyaataa mudachaa jiru furuuf shoora guddaa akka taphatu himu.

Miirri hirkattummaa wabii midhaan nyaataa kun akka hinhammaanneef deggarsa taasifamu cinatti duulli misooma qonnaarratti taasifamu yoomuu caalaa cimuun akka irra jiraatus ni hubachiisu.

Omishaaf omishtummaan dachaan akka dabaluuf damee qonnaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka ture kan himan obbo Geetuun, makanaayizeeshinii qonnaa teknolojiin deggaramuun akka aadeffatamu hojiin bal’aa hojjetamusaa dubbatu.

Gama kanaan raabsaan paampii jallisii, tiraaktaraa, kombaayinara, sanyii filatamaa, calla guddistuufi farri aramaa yeroon gaggeeffamuu kaasanii, ta’us waliingahinsarratti hanqinni maashinarii akka jiruufi bara kana keessa dhiyeessii tiraaktaraa kuma lamaa ol dabalataan raabsuuf hojjetamaa akka jiru kaasu.

“Qabsoo ummanni Oromoo taasisu lamadha. Takkaan hiyyummaa seenaa gochuu lammatammoo farra misoomaa Juuntaa injifachuudha. Duulli kun lameen walfaana yoo deemaniin alatti tokko baannee tokko gannee milkaahinni argama yaanni jedhu waan hin tarkaanfachiisneef Muummeen Ministira Itoophiyaa duulatti bobbahaniiru. Inni kaanis tarkaanfii walfakkaataa fudhachaa jira. Damee misooma qonnaa keenyaafis xiyyeeffannoon laatamu caalaatti finiinuu qaba” jedhu.

Hawaasnis kana beekee midhaan oyiruusaarra jiruufi kan maatii duultotaa sassaabaa farra dinagdeefi nageenyaa hiyyummaafi murna finxaaleyyii Juuntaa waloon injifachuun imala warraaqsa dinagdee aggaamamee ka’e galmaan gahuuf kutannoon socho’uun barbaachisaa ta’uu dhaamu.

Walumaagalatti humnaa’uun dinagdee qabsoo siyaasaa injifachuuf bu’uura waan ta’eef toorri xiyyeeffannoo damee misooma qonnaaf taa’ee jiru yoomuu caalaa cimuun irra jiraata.

 Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014

Recommended For You