Nuraddiin Ibraahim: Barsiisaa kitaaba deggarsaa Afaan Oromoo barreessee deggarsa barbaadu

Gaazexaan Bariisaa gaafdeebii barreessaafi barsiisaa dargaggeessa Nuraddiin Ibraahim wajjin taasise akka armaan gadiitti dubbistootasaatiif dhiyeesseeraa dubbisa gaarii.

Gaaffii: Maqaa keerraa haa kaanuu?

Deebii: Eeyyee, tole. Bariisaa Nuraddiin Ibraahimin jedhama. Godina Arsii Lixaa, Aanaa Gadab Hasaasaarraati.

Gaaffii: Eessatti maal barsiista?

Deebii: Godinuma Arsii Lixaa, Aanaa Qoreettin Afaan Oromoon barsiisa. Amma ergan barsiisu eegalee waggoota torba ta’eera. Waggaa lamaaf ammoo bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Burqaa jedhamutti barsiiseera. Waggaa tokkoof rakkoo hawaasummaatiin walqabatee Shaashamannee turee, ammaan tana ammoo Aanaa Gadab Hasaasaatti mana barumsaa mootummaattin barsiisaan jira.

Gaaffii: Dudduubee barnoota kee nutti himi mee?

Deebii: Barnoota kiyya hanga kutaa 12fatti naannawuma dhaloota kiyyattin hordofe. Manneen barnootaa Magaalaa Hasaasaatti argamanittin baradhe. Yunivarsitii Adaamaarraa digrii koo jalqabaa fudhadheera. Maastarsii ammoo Afaan Oromootiin Yunivarsitii Finfinneetti gara xumuraattin jira.

Gaaffii: Kitaaba Qubee Harmee jedhamu barreessiteertaatii waa’eesaa nutti himi mee?

Deebii: Kitaaba Qubee Harmee jedhamu barreessuuf kan na kakaase hanqinoota Afaan Oromoorratti mul’atan waanin hubadheefi. Akka carraa ta’ee afaanichaan baradheera. Waan kitaabonni guutamanii hinjirreef Muummee Afaan Oromoorra kan biraa barachuu wayya nama jechisiisa.

Barattoonni Muummee biroo kan Afaan Oromoo akka waan salphaa ta’eetti yaadu. Gaafa Afaan Oromoo barattu waanti ati ka’umsa godhattu hinjiru. Fakkeenyaaf muummeewwan saayinsii akka Kemistiriifaa yoo fudhatte waantonni hundi guutamoodha.

Kan afaanota kaaniis yoo fudhatte akkasuma madda hedduu qabu. Dhaabbileen barnootaas kanneen guuttataniit barsiisu. Afaan Oromoo garuu kanaaf hincarroomne. Kan ati wabii godhattee irraa barattu afaanota biroorraa hiikteet qabiyyee barniootichaa hubachuu yaalta malee waanti akka ka’umsaatti argattu hinjiru.

Afaan Oromoo biyya alaatti hanga yunivarsitiiwwan guguddoo Harvaardi fa’itti kennamaa jira. Afaanichi baay’ina dubbattootaatiin Afrikaarraa sadarkaa 3farratti argama. Guddina afaan keenyaa sadarkaa barbaadamuun ga’uuf hunduu dhimmamee hojjechuu qaba.

Har’a yoo hubatteetta ta’e nama aktivistiidha ofiin jedhurraa eegalee Afaan Oromoo sirnaan qubeessuu, caaslugasaafi tartiibasaa eeganii fayyadamuurratti hanqina guddaatu mul’ata. Sirnuma tuqaaleellee sirnaan fayyadamuu dhabuurratti dhukkuba guddaatu jira.

Ta’e jenneetuma walhubachaa jirra malee iddoowwan baay’eetti waanti Afaan Oromootiin barreeffamu ergaallee hindabarsu. Hoggansi guddaadha jedhamullee sirnaan qajeelchee hinbarreessu. Rakkoolee kanneen cabsuuf akka nama tokkootti akkan kitaaba kana barreessuuf na kakaaseera.

Gamaa biraatiin qormaatawwan biyyaalessaa akaakuuwwan barnootaa akka Oromiyaatti kennaman 10 keessaa qabxii gadaanaan kanitti galmaa’u Afaan Oromooti. Afaan Oromoo caala Herregni, Histiriin…nutti aanee otoo hintaane xiyyeeffannaan afaanichaaf kenname gadaanaa ta’uurraa kan maddeedha.

Akkuma barnoota kaaniif xiyyeeffannaan kennamee Afaan Oromootiifis akkasuma ta’uu qaba. Afaan Oromoo afaan mootummaa federaalaa, kan Afrikaa ta’uu qaba jennee dubbanna. Garuu afaanichaaf akka ka’umsaatti waanti lafaa qabnu hinjiru. Afaanicharratti akka hayyootaatti, mootummaattis ta’e dhuunfaatti haala quufsaa ta’een hinhojjetamne. Kanaaf afaanichi hanqina guddaa keessa jira jechuudha.

Dhimmootuma kanatu egaa xiiqii na qabsiisee akkan hanga humna koo gumaachuuf na kakaase. Rakkadheeni malee kitaabni kutaa 5fa hanga 8fatti tajaajilu kun qubeessaa akka shishifatee hinbarreeffamu ture. Humnurraa ka’een qabiyyeesaas irraa hir’ise.

Kan ani qopheesse kitaaba kutaa 5fa hanga 12fatti kan tajaajilu ture. Hanqinuma maallaqaatiinin gadi buuse. Oolmaa daa’immaniirraa kaasee sadarkaalee hundaaf nu barbaachisa. Adeemsa hanga ammaatiin manneenuma maxxansaatu afaanota biroorraa hiikee nutti gurgurataa jira.

Dhuguma kitaabonni sun madaalamanii Afaan Oromoo ittiin barsiisuuf ga’umsa qabuu yoo jenne rakkinuma irranatti eerreen kan xaxameedha. Waa’ee afaan keenyaarrattis ta’e dhimmoota barbaachisoo biroorratti otoo waltumsinee biyya keenya fuulduratti butuu dandeenya. Namni kamuu otoo kallattii ogummaa irra jiruun qofa socho’ee waa gumaachee akkam gaarii ture?

Gaaffii: Kitaabni kee kun akka kitaaba deggarsaatti kan tajaajiluudhaa? Haala kamiin? Akkamittis maxxansiisuu dandeesse.

Deebii: Eeyyee. Kitaabichi kitaaba barnootarratti xiyyeeffatuudha. Kitaabichi silabasii barnootaa wajjin kan deemnuudha. Maxxansa kitaaba kanaa kan na gargaare nama dhalataa Oromoo hintaaneedha. Gama kanaaniin ministirri de’eetaan Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaafaan (hogganaan duraanii Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa) daran na gargaaran.

Waa’een kitaabichaa kallattiin kan ilaallatu Biiroon Barnootaa Oromiyaa kitaaba kana gulaalee naa deebisuuf waggaa tokkoo ol ittifudhate. Biirichi humna maallaqaa kitaabicha ittiin sii maxxansiinsu hinqabnu jedhee akka ispoonsara barbaaddadhuuf xalayaa deggarsaa naa kenne.

Xalayicharratti kan barreeffame hanga kitaaba kutaa 5fa hanga 12fa jechuuni akka gargaaramuuf kan eerame. Waa’ee kitaana kanaa Biiroon Barnoota Oromiyaafi Waajjirri Pirezidaantii Oromoyaa dhiyeenyaan beeka jechuumafan kaase.

Abbootiin qabeenyaafi hoggansi mootummaa warran irranatti eereen ala warri kaan afaan si wajjin jirraa jabaadhu jechuun ala gama maallaqaatiin kan na gargaare hinjiru. Kitaabichi seera, afoolaafi qormaatota biyyaalessaa Afaan Oromoo hanga ammaatti bahan ofirraa qaba.

Qormaata moodeelii Biiroon Barnoota Oromiyaa qopheessaa tures deebiiwwansaanii wajjin ni qaba. Waa’ee hiika afaanii ibsa hayyootaatiin deggarames of keessaa qaba. Kitaaba kamirrayyuu qabiyyee hunda qabatee kan qophaa’eedha. Otoon bizinasii barbaadee silaa qabiyyee kanneen seerluga, afoola… jedhee qabiyyeedhaan adda addaa qooduu nan danda’aayyu.

Haalli kitaabni kun muuxannoo maatiin kitaaba ijoolleesaatiif bituuf qabullee yaada keessa kan galcheedha. Namni tokko keessumaa baadiyyaatti kitaaba lamaa sadii ijoolleesaatiif bituu hindanda’u. Kanaaf isa qabiyyee adda addaatiin bakka tokkotti qophaa’e kana garuu eenyumtuu salphumatti bitachuu danda’a. Anis kanuma jiddugaleessa godhadheen kitaaba kana haala kanaan qopheesse.

Gaaffii: Kitaabichi fuulaafi boqonnaa meeqa qaba?

Deebii: Kitaabichi boqonnaawwan 10fi fuulawwan 365 qaba.

Gaaffii: Maqaan kitaabichaa “Qubee Harmee” jedhu kana maalirraa kaatee moggaafte?

Deebii: Akkuma beekuma haati aarsaa guddaa dhalashiitiif kafalti, ulfina guddaas qabdi. Qubeenillee qubaan buluuf yeroonitti quba ofi dhabuun ummata Oromoo mudachaa tureera. Ergaa biraallee of keessaa qaba qubeen gaafa gaa’elaaf walkaadhimatanillee ishee dubaraa qubee naa bittaa jettiin, amaanaa galchisiisuuf; jaalala qabduuf ibsachuuf.

Gara kitaaba kanaatti yoo deebines namni kamuu dursee kan waa hunda baratu harmeesaarraayyi. Qubees haadharraa barata. Gaafa haadha barsiisnu haati sirriitti barsiisuu dandeessi jechuudha. Harmeefi qubeen haala kanaan moggaasa kitaaba kanaa ta’e. Kanaaf qubeen eenyuyyuu caalaa haadhaan malti.

Gaaffii: Kitaaba kana barreessuuf qabiyyeessaa akkamitti funaante, yeroo hammamiis sitti fudhate?

Deebii: Ani yaadannoon waggoota shaniif irraa barsiisaa turen gara kitaabaatti fide. Haala yeroo dhimmoota birootiin walqabatee kitaabichi xiqqoo tureera.

Kanaan walqabatee ergaan barsiisotaaf qabu, yoo dhuguma akaakuu barnootaa barsiisnu ofitti fudhannee barsiisna ta’e  yaadannoodhuma irraa barsiisan gara kitaabaatti fiduu qabu. Warri kaanis haaluma kanaan gara kitaabaatti jijjiiraa waan jiraniif. Keessumaa barsiisonni akaakuu barsiisaniin dandeettii gaarii qaban kana gochuu qabu. Inni keemistii, keemistirii, inni baayolojii danda’us akkasumatti jechuudha.

Barsiisonni waggoota dheeraaf barsiisummaarra hojjetaniifi hojjetaa jiran gama kanaan muuxannoo cimaa waan qabaniif xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qabu jedha. Hojichi isaaniif salphaadha. Dinagdees ta’uu waan danda’uuf xiyyeeffannaa kennuufii qabu. Yoo kana goone barattoota keenyaafis wabii biraa dabalaa jirra jechuudha.

Gaaffii: Namoonni waa barreessan gurmuu wayii qabdu moo dhuunfaadhumaan sochootu?

Deebii: Lakki, ni qabna. Waldaan Barreessitoota Oromoo jira. Waldichi kallattiillee adda addaarraa damee qaba. Anis barreessaa damee kibbaatti. Dhimma guddina Afaan Oromoorratti hojjechaa jirra, akka waldaatti. Akka waldaa keenyaatti barjaawwan sirna Afaan Oromoo eeganii akka barreeffaman fa’irratti qaama dhimmi ilaallatu wajjin ni hojjenna.

Gaaffii: Kitaabni kun akka ummata bira keessumaa damee caasaa barnootaa bira akka ga’uuf eenyurraa maal barbaadda?

Deebii: Ani ogummaa kootiin kitaaba kana gumaacheera, Mootummaafi seektaroonnisaa ammoo gargaarsa barbaachisu gochuu qabu. Abbootiin qabeenyaas dhimma afaansaaniirratti dirqama lammummaasaanii bahachuu qabu; walgargaaree waan keenya akka guddifannuuf. Miidiyaaleenis guddina afaanichaatiif cichanii hojjechuu qabu.

Gaaffii: Waa’ee kitaaba kee kanarratti karaa waldaa keessanii hammam ittideemame?

Deebii: Waldaan keenya humna namaa malee humna maallaqaa waan akkanaa ittiin sochoosu hinqabu. Tarii dhimma kana kan quba qaban Waajjira Pirezidaantii Oromiyaafi Biiroo Barnoota Oromiyaati. Keessumaa biiroon barnootaa otoo manneen barnootaa isa jala jiraniif kitaabotuma lama lama ergee baay’ee deemuu danda’a.

Gaaffii: Afaan Oromoo sirnaafi seerasaa eeganii barreessuuf dhabuuf waanti akka sababaatti kaastu yoo jiraate? Furmaanni hanqina kanaa hoo maalinni jetta?

Deebii: Sababoota qulqullina dhabuu barreeffamoota Afaan Oromootiif inni guddaafi ijoon imaammata barnootaati. Sababoota adda addaarraa kan ka’e dandeettiin barsiisota afaanciha barsiisaniis ga’aa miti. Hanqinni barsiisota afaanichaas ni jira.

Kan eebbifamee bahuufi baay’inni manneen barnootaafi barattootaa walhingitu. Isuma herregaan ykn baayolojiidhaan eebbifametu akka gootu godhi jedhama. Barsiisichi Afaan Oromootiif ga’umsa hinqabu ta’aa bari. Dirqama kennameef bahachuu qofaaf, “Mana nyaataa, Mana nyaattaa” jedheefaa barsiisa.

Hanqinaafi dogoggoroota ammaan tana mul’ataa jiran keessaa bahuuf dhimmichi sadarkaa dakaatti xiyyeeffannaa argachuu qaba. Kolleejonni Afaan Oromoo barsiisanis barsiisota ga’umsa qaban sirnaan omishanii baasuu qabu. Walumaagalattuu maatiirraa kaasee sadarkaaleefi bakkawwan hundatti Afaan Oromootiif xiyyeeffannaa cimaan kennamuu qabu.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 18/2014

Recommended For You