Deggartonni Waaliyaa 500 Waancaa Afrikaa daawwachuuf carraa argatu

Finfinnee:Waancaan Kubbaa Miilaa Afrikaa 33fan ALA ji’a Amajjii bara 2022 magaalota Kaameeruunitti gaggeeffama. Walmorkii kanarratti biyyoonni Afrikaa 24 ramaddii saddeetitti adda qoodamuudhaan walfalmu.

Itoophiyaan waggoota saddeet booda waancaa kanaaf darbusheetiin deeggartonni 500 achitti argamuun garichaaf hamilee akka kennan Federeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaafi dhaabbilee garagaraa waliin ta’uun mijeessaa jira.

Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Bahaaruu Xilaahuuniifi gaggeessaan hojiifi abbaan Piromoshiin Sarviis, Sisaay Adirsee tibbana Hoteela Sharaatanitti akka ibsanitti, Waancaan Kubbaa Miilaa Afrikaa kun haala gaarii Itoophiyaa kan itti mul’ifamufi irra caalaa biyyattii waltajjii addunyaarratti kan itti beeksifamudha jedhu.

Waltajjiin kun Itoophiyaan nagaa ta’uushee agarsiisuudhaaf kan qophaa’e ta’uu himanii, keessattuu ololo sobaa biyyoonni Awuroppaafi Ameerikaa odeessan sirrii akka hintaane addunyaatti kan itti agarsiifamu ta’uus ni ibsu.

Akkasumas, gaazeexesitonni miidiyaa adda addaa 25 ta’an achiti argamuun kan gabaasan ta’uu himameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You