Atileetota beekamoo RIB maddii hiriiran

Finfinnee: Atileetonni beekamoon biyya keenya jaalatan goota Raayyaa keenyaa maddii adda waraanaatti hiriirunsaantti gamachu guddaan akka isaanitti dhagahame dubatan.

Atileet Gazaahany Abarraa, Atileet Fayissaa Leellisaafi Atileet Komaandar Maarqoos Gannatii kanaan dura biyya haadhasaanii dorgommii atileetiksii addaddaatiin injifannoo dachaa gonfachuun alaabaan biyya keenyaa ol kaatee akka tallistu gochaa turuusaanii tuqanii, Yeroo ammaa dirree waraanaarratti Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) keenyaa cinaa dhaabachuudhaan diinasaanii barbadeessuuf hiriiruusaanii muldhisaniiru.

Seenaa gootummaa RIB keenya beeknullee erga adda waraanaa kana dhufnee ammoo kan argine gootummaa ajaa’ibsiisaadha jedhan.

Yeroo ammaa kana goota diinasaa bahaa gala dhorkee biyyeedhaan walitti makaa jiru kana wajjin hiriire wanta nurraa barbaadamu maraa hojjechuuf kutannaadhaan kaaneerra jedhu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 9/2014

Recommended For You