“Otoo dhuguma Oromoof qabsaa’anii maaliif haadha hiyyeessaa dararu” – Aadde Taattuu Dabalaa

Shaambuu: Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Guduruutti, namoonni qulqulluun fo’amanii garee shororkeessaa Shaneetiin akka ajjeefaman, qe’eefi qabeenyasaaniirraa akka buqqa’an akkasumas dararri hedduun irra gahuu gareen gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa daaw’annaa taasiseen taajjabeera.

Addee Taattuu Dabalaa aanichatti Jiraattuu ganda Barooti. Abbaan warraasaanii ogummaa muka tolchuutiin kan bulan yoo ta’u, hojiisaanii maddiitti hojii nageenya eegsisuu naannawichaatiin sardamaa turan. Gareen shororkeessaa Shanee bakkeewwan hedduutti namoota nageenya naannawasaanii eegsisuuf halkanii guyyaa dhama’an barbaaduun keessattuu milishoota gandaa adamsuun tarkaanfii fudhata. Miidhaa garichi milishootarraan gahu abbaan warraa Aadde Taattuus hinhanqanne ture.

Sababa abbaan warraa koo milishaa ta’eef qofa “Maaliif kaayyoo keenya dura dhaabatte” jechuun ganamaa galgala bilbilaan rakkisaanii akka turan kan himan Aadde Taattuun, yoo isa argatan akka ajjeesan hubachuun maatiin gara magaalaa Kombolchaatti (Kombolchi magaalaa aanichatti argamtuudha) akka baqatan taasisaniiru.

Dubbiin hammaannaan isaanis namoonni hedduu wajjin gara magaalattiitti baqachuu kan himan Aadde Taattuun, lubbuusaanii oolfatanis qabeenyasaanii oolfachuu hindandeenye. Shaneen meeshaasaanii gabaatti guuree jalaa gubuu imimmaan dhangalaasaa dubbatu.

“Otoo Oromoof qabsaa’u ta’ee maaliif haadha hiyyeessaa dararu? Ijoollee maatii malee hambisu? Kan Oromoof qabsaa’u Oromoof dhaabata malee Oromorratti hinka’u ture, maatiis sadarkaa kanaan hindararu ture” jedhu.

Oduudhuma walqabateen, jiraattonni aanichaa biroonis garee shororkeessaa Shaneetiin ajjeefamaa, qabeenyisaanii barbadaa’aa, qe’eesaanitti bilisummaan jiraachuun itti ulfaachaa jiraachuu dubbatu.

Daaw’annaa gandoota aanichaa tokko tokkotti taasisneen, manneen dhuunfaa, waajjiraaleen gandaa, waldaaleen bu’uraa qonnaan bultootaa akkasumas dhaabbileen mootummaafi kanneen biroon garee shororkeessichaan barbadaa’uusaanii taajjabeera.

Obbo Lataa Waaggaarii hidhattoota gandaa garee shororkeessichaatiin miidhaan irra gahe keessaa tokko yoo ta’an, aanichatti hidhataa gandaa biroo waliin ta’uun ummata haqaan tajaajilaa turan. Humnoonni shororkeessichaa ‘hidhannoon keessan qabsoof nubarbaachisa’ jennaaniin waan ‘hidhannoo koo hinkennu’ jedhaniif reebamanii miidhaa qaamaatiif saaxilamanii rakkachaa jiraachuu eeru.

Bulchaan Aanaa Guduruu Obbo Doshaa Tafarraa akka jedhanitti, shororkeessaa Shaneen hammeenya kana hinjedhamne hawaasa naannawicharraan gahaa jira. Garee badii kana naannawichaa dhabamsiisuuf yeroo kamuurra tarkaanfii cimaan fudhatamaa waan jiruuf humnisaa dadhabaa jira.

Tarkaanfii miseensota humnoota badii naannawichatti socho’anirratti fudhatameenis adda dureewwan 24 to’annoo seeraa jala ooluufi meeshaaleen waraanaa 75 booji’amuu dubbataniiru.

Haleellaa shororkeessaa Shaneen hawaasa naannawichaarratti irra deddeebiin raawwateen namoota kuma sadii ta’an baqatan qe’eesaaniitti deebisuuf hojin nageenya kabachiisuu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Garichi namoota qulqulluufi dhaabbilee tajaajila fayyaa, konkolaattota dhaabbilee mootummaafi ambulaansiiwwan gubee hawaasicha rakkoolee garagaraa keessa galchuuf socho’aa jira jedhu Obbo Doshaan.

Fiqaaduu Dheeressaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014

Recommended For You