Garichi deeggarsa namoomaarratti gufuu ta’aa jira

Finfinnee: Gareen Shororkeessaa ABUT akkuma barame deeggarsi namoomaa ummata Tigiraayiif akka hindhiyaanne gufuu ta’aa jiraachuu Ministirri Ministeera Tajaajila Koomunikeeshiini Mootummaa Doktar Laggasaa Tulluu ibsan.

Ministirichi ibsa dheengadda miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, gareen badii kun labsii dhukaasa dhaabuu fudhachuu dhiisuun farra ummataa ta’uufi ejjennoo shororkeessummaasaa gocha ifatti mul’isuun naannoo Amaaraafi Affaar weeraree lammiilee nagaa ajjeesaafi qabeenya ummataa barbadeessaa garee kaayyoo badiif dhaabbate ta’uu mirkaneesseera jedhan.

Mootummaan deeggarsa namoomaa rakkoo tokko malee naannoo Affaariin gara naannichaa akka imalu kallattii kaa’een akka dhaqqabu taasisaa jirus garichi garuu ammas deeggarsi namoomaa akka ummata Tigraay hindhaqqabneef gufuu ta’aa jiraachuu himaniiru.

Gama biraatiin, rakkoolee Itoophiyaa keessatti mul’atan bu’uurarraa hiikuufi sirna dimookraasii dhugaa biyyattii keessatti ijaaruuf himata hoggantootaafi miseensoota paartilee siyaasaa adda kutuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Mootummaan lammiilee hidhaarra turan himannaa isaani kan addaan kuteef birmadummaa Itoophiyaa ittifufsiisuuf, rakkoolee biyyattii hiikuun tokkummaafi nageenya waaraa mirkaneessuuf ta’uu hubachiisanii, dabalataaniis himatichi adda cituun rakkoolee hawaasummaa, siyaasaafi diinagdee biyyattii furuun ijaarsa sirna dimokraasiif wabii ta’uu akka danda’u dubbataniiru.

Galmee Himannaa Obbo Jawaar Mahaammadiifi Obbo Iskindir Naggaa adda kutuun ummata isaan duuba jiru hubannoo keessa galchuun ta’uu eeranii, marii biyyaalessaa hunda hammatee gaggeeffamuufis qooda qabu tilmaamama keessa galchuun ta’uus ibsaniiru.

Himanni namoota galmee Doktar Dabratsiyoon Gabramikaa’eel jala jiraniis sababa fayyaatiin kan walqabate ta’uus beeksisaniiru.

Gama biraatiin nageenya Oromiyaa mirkaneessuuf qaamolee shororkeessitoota nageenya uummataa booressitu irrattis tarkaanfiin fudhatamaa jiru cimee ittifufuu hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannichaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsan.

Waamicha abbootii Gadaafi haadholii Siinqeetiin miseensonni shororkeessaa Shanee 312 abbootii Gadaatti harka kennachuus ibsanii, kanneen ummata dararaa turan 876 irratti ammoo Mudde 16/30/2014tti tarkaanfiin fudhatamuu eeraniiru.

Waliigala erga labsiin yeroo hatattamaa labsamee as miseensota shororkeessitoota 2,439 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsuun, humni haleellaa baqachuun magaalota keessa bittinnaa’e 540 ammoo eeruu ummataatiin to’atamuu ibsaniiru.

Ammas ummanni naannoo isaa cimsee eeggachuun eeruu qaamolee nageenyaatiif kennaa hojii misoomaa isaa cimsee akka itti fufuu qabu Obbo Hayiluun waamicha dabarsaniiru.

Sinqinash Alamuutiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014

Recommended For You