Dorgommii atileetiksii Adaamaatti namoonni kumni 30 ni hirmaatu

Finfinnee: Dorgommiin atileetiksii kiiloo meetira kudhanii galiin isaa namoota sababa addaddaatiin qe’eesaanirraa buqqa’aniif oolu har’aa magaalaa Adaamaatti ni adeemsifama.

Pirezdaantii Waldaa Atileetiksii “HIMA” jedhamu Komaandar Huseen Shiboo Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, dorgommii kanarraatti namoonni kuma 30 kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa 500 atileetota.

Atileetonni kunneen kan hirmaatan kilaboota beekamoo Finfinneefi Oromiyaarraa waan ta’aniif dorgommichi miidhagaa ta’a jedhamee akka eegamus ni ibsu.

Dorgommiichas waldaan ‘HIMA’fi Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin kan qopheessan yoo ta’u, tiishartiin isaaf ooluus dursee magaalota Oromiyaatti gurguramaa turuu ibsaniiru.

Tiishartiifi ispoonsara irraa walumaagalatti galii qarshiin miiliyoona torbaa ni argama jedhamee akka yaadame kan himan pirezdaantichi, isa keessaa atileetota tokkoffaadhaa hanga kurnaffaa bahaniif badhaasa qarshii akka kennamu mul’isaniiru.

Walumaagalatti atileetota 1fa-10fa bahaniif qarshii kuma 300 ol badhaasaaf kan qophaa’e yoo ta’u, atileetii tokkoffaa ba’uuf qarshii kuma 50, lammaffaaf kuma 30, sadaffaan kuma 20 ta’e, sadarkaa sadarkaadhaan gadi bu’aa deemuun kurnaffaa kan ba’uuf qarshiin kuma shan akka badhaafamu ibsaniiru.

Waldaan kun edda hundeeffamee waggoota afur ta’us dorgommii yoo qopheessu kan jalqabaa ta’uu kan eeran Komaandar Huseen, sababiin isaammoo waggoota sadan darban keessa weerara vaayirasii Koviid-19fi rakkooleen garagaraa mudachuun ta’uu kaasaniiru. Haa ta’u malee, akka koreen waldichaa waliigaleetti dorgommiin kun waggaa waggaadhaan magaalota Oromiyaa fiigicha maaraatooniitiin ittifufa jedhan.

Kaayyoon waldichaa ispoortii atileetiksii jaalatamaa kana caalaatti guddisuun atileetota ciccimoo horachuun bakka bu’oota qopheessuuf waan ta’eef ummanni, waldaaleen ispoortiifi kilaboonni atileetiksii isaan waliin hojjechuu akka danda’anillee ibsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014

Recommended For You