“Boqochuu Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraan Gadda keessookoo ibsaa; maatii, hiriyootaafi dinqisiifattootasaa guutuu adunyaarra jiraniifis jajjabinan hawwa” -MM Abiyyi Ahmad (PhD)

Alii Birraa sajoo guddaa, Qabeenya Biyyaafi Addunyaati. Artistii dhugaa isa afaanota torbaan Jaarraa walakkaa oliif mirga namoomaafi hacuucamtootaaf sagaleeti.

Aartistii, aartiin kan addunyaa ta’uu sirriitti hubatee, aartiin sabaafi afaaniin, qabeenyaafi dhabeenyaan akka nama hinqoodne qalbeeffatee, daddarba jiruu, sadoofi qananii dhala namaa waliin qooddateedha.

Hambaa artiifi wabii cunqurfamtootaaf sagaleeti; Doktarri Kabajaa Dachaafi Artisti Alii Birraa. Sirbisaa Sirna Abbaan Lafaa qonnaan bulaa ittiin miidhee mormuun diddaan bara sanaa akka finiinuufi jijjiirama sirnaa warra fedhaniif hirkoo ta’ee, hardhummaa Itoophiyaa hawwuu bira darbee, Walleesaatiin suuraa guyyaa boruu kaasuun nu agarsiiseera.

Sirboonni isaa warra hardha dhaggeeffatamanii boruu nuffaman osoo hin taane, Walleelee ce’oo warra kaleessaas turanii, hardhas jiraatanii, boruuf ammoo galaa ta’aniitu baay’atu.

Alii Birraan mootii muuziqaa ta’uusaatiif ragaan, qinyitiiwwan muuziqaa hundarratti sirbuusaati. Kanaanis artistii gameessa Afrikaa ta’uun badhaafameera. Isaaf muuziqaan salphaadha. Makkoofi rakkoo sabaa tuulame taa’ee daqiiqaa shan keessatti akka daaw’itiitti namatti muldhisa.

Walleewwansaa jechoota halluu miidhagaan faayaman, daran waalta’oo, jechoota sonaafi simboo hawaasaatiin guutamanidha.

Yeedaloon isaammoo gurra namaa hin quuqani, suuta jedhanii akka dhiigaa qaama namaa keessa yaa’aanii nama waldhaanu. Sirboonnisaa warreen jaalala labsan ammoo qaamaafi qalbii namaatiif sugu, xiinsammuu jaalalaan qabameefis sifa ta’u.

Kana qofas miti; inni artii biyyaafi Afrikaaf wabiidha. Umriisaa raage kanatti weellistoota dargaggoota Itoophiyaa waliin sirbuun labata dhufuuf baallii darseera. Muuxannoosaa jaarraa walakkaa oliif tuulames dhalootaaf galaaseera.

Itoophiyaafi Afrikaan aartistoota akkanaa barbaaddi. Warra aartiif dhalatanii aartiif jiraatan. Warra afaan isaan hindaangessine; warra jijjiiramni sirnaafi siyaasaa isaan hindanqine. Warra dhugaaf sirbaniifi dhugaaf jiraatan.

Aliin waanniifi matadureen inni irratti hinsirbine hinjiru. Sirboonnisaa hedduun utubaa qabsoo, ummataati. Warri kaan ammoo jaalala leellisu, gariin ammoo barnoota jabeessu, kaanis ispoortiin fayyaaf jechuun sochii qaamaa jajjabeessu. Kanneen hafanimmoo duudhaa, sansakaafi qabeenya guddaa biyyaa leellisu, uumaa dinqisiifatu.

Hundaa’ol ammoo sirbi Alii Birraa “Haati teenya tokkoo maaltu addaan nu baase” jedhu, Ulfinaafi guddina Alii Birraaf ragaa baha. Aliin wallee isaa kana keessatti namni nama hin caalu jedha. Hundi keenya haadha tokko irraa dhalanne. Dhalli namaa addunyaa kana guutee dambali’e kun haadha tokkorraa dhalate. Tiruu tokkos boraafate.

Garuummoo gara garummaa yaadaafi siyaasaatiin addaan faca’e. Gara garummaan yeroofi sirnaan uumame kun ammoo haadha tokkorraa dhalachuu ummata addunyaa kana jijjiruu hindanda’u. kanaaf “haati teenya tokko” maaltu addaan nu baase kan inni jedhe.

Kanaaf Alii Birraa “Ibsaa hindhaamneedha”, isatu nurraa boqote malee Hojiin inni nuuf gumaache bara baraan jiraatu.

Boollasaa Daadhiin haa guutu, lubbuun isaammoo Jennata keessatti haa qananiitu.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 3 Bara 2015

Recommended For You