“Hojiirra oolmaan waamicha araaraa harkifachuun na yaaddesseera” – Jaal Leencoo Lataa

Finfinnee: Waamichi araaraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa qaama hidhatee bosona jiruuf taasise isaan gammachiisus hojiirra oolmaansaa harkifachuun garuu kan isaan yaaddessu ta’uu hayyuun siyaasaa gameessi Jaal Leencoo Lataa ibsan.

Hayyichi ibsa Roobii darbe addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin akka jedhanitti, yeroo diinni Oromoo baay’achaa jiru kanatti walqolachuurraa gara diina waloo wajjummaan qolachuutti deebi’uun daran murteessaadha. Hammeenyiifi dhiibbaan alaa Oromoorratti taasifamu guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jiru bilchinaafi hubannoodhaan xiinxaluu gaafata.

Walqolachaa diina qolachuun akka hindanda’amne haala Oromoon jaarraa tokkoo oliif keessa ture ilaaluun barbaachisaadha kan jedhan Jaal Leencoon, diinni fira fakkaatee ummaticha cabsuu seenaa wabeeffachuun ibsaniiru.

Yeroo mootummaan waamicha araaraa taasiseefi simannaa qaama bosona jiruu wayita dhaga’an gammachuu daangaa hinqabne itti dhaga’amuu himanii, waamichi sun qabatamaan hojiitti hiikamuurratti harkifachuun garuu kan isaan yaaddessu ta’uu himaniiru.

“Hunda dura mootummaan federaalaa qaama kanarraa shororkeessummaa kaasuu qaba. Osoo kun hinta’in jaarsoliin biyyaafi Abbootiin Gadaa qaama kana waliin haala mariirratti dubbachuun isaan rakkisa. Gaaffiin qaama hidhatee bosona jiruus Oromiyaa qofa osoo hintaane mootummaa federaalaa waliin marii barbaada. Qaamni hidhatee bosona jiru milkaa’ina marichaatiif guutummaatti dhukaasa dhaabuu qaba” jedhu.

Diinonni “Oromoon waliifis hinta’u, biyya bulchuus hindanda’u,” jechuun baroota dheeraa ofitti lallabaa turan kan jedhan Jaal Leencoon, fedhii kanaaf ammoo haalli har’a Oromoo gidduu jiru diinota keessaa dabalataan ollaadhaallee hawwachaa akka jiru hubachiisaniiru. Aggaammiin daangaa ce’anii ummata miidhuuf taasifames bu’aa fedhii jiruufi qaawwa uumamee akka ta’es qeeqaniiru.

Oromoon walta’ee saboota biroo of cina hiriirsinaan biyyi jabduun gaanfa Afrikaatti akka uumamu kaasanii, mul’ata kana dhugoomsuun kan danda’amu garuu rakkoon har’a jiru yoo furame qofa akka ta’es nihubachiisu.

Waldhabdeen har’a Oromoofi Oromiyaa hunkuraa jiru dhimma hayyoota siyaasaa qofa waan hintaaneef furmaatasaatiif Oromoon keessaafi alaa sadarkaan jiru dhiibbaa uumuutu irraa eegama jedhan.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *