Dhibeewwan sal-qunnamtii daangaa hinqabneen daddarban

Addunyaa keenya kanarratti guyyaa tokkittii keessatti dhukkuboota walquunnaamtii saalaan daddarban miliyoona tokkoo ol ta’antu nama irraa namatti darbee oola. Baakteeriyaa, vaayirasiifi paraasayitoonni baay’inaan 30 ol ta’an karaa quunnamtii saalaan ni daddarbu. Kanneen keessaa saddeet (8) kanneen baay’inaan dhukkuba walqunnamtii saalaan daddarban kan nama qabsiisanidha. Kanneen saddeettan keessaa afur (4) qorichaan guutummaa guututti fayyisuun ni danda’ama. Isaanis fanxoo (syphilis), cophxoo (gonorrhea), ‘chlamydia’ fi ‘trichomoniasis’ dha. Kanneen hafan afran, Vaayirasii tiruu gosa B, HIV, human papilloma virus (HPV) fi herpes simplex virus (HSV) qorichaan fooyyessuu malee fayyisuun kan hindanda’amnedha.

Dhukkuboonni walquunnaamtii saalaan daddarban akkuma maqaan isaanii ibsutti karaa walqunnamtii saalaa daangaa hinqabneen kan namaa namatti darban yoo ta’u, erga namatti darbanii boodaa gariin isaanii mallattoo yoo argisiisan gariin ammoo mallattoo tokkollee osoo hinmul’isiin akkanumaan qaama namaa irratti miidhaa addaa addaa geessisu. Kanaaf namni tokko walqunnaamtii saalaa of eeggannoo hinqabne kan raawwatu yoo ta’e, mallattoon qaama isaa irrattis ta’e miira isaa irratti mul’achuu dhabuun isaa fayyummaa isaa waan hinargiisiifneef akka fayyaa/bilisa ta’e/taate beekuu yoo baarbaade/barbaadde mana yaalaa deemuun laabiraatoriin qoratamuu qofaanii. Dhukkuboonni walqunnaamtii saalaa daangaa hinqabne kanaan daddarban keessaa warreen baaay’inan argaman kanneen armaan gadiiti.

  • Cophxoo (Gonorrhea) – Kun  baakteeriyaa ‘Neisseria Gonorrhea’ jedhamuun kan dhufu yoo ta’u, yoo yaalamuu baate turtii yeroo dheeraa keessa dhibee cimaa kan namatti fiduufi yoo yeroodhaan argamee jaalalleewwan lamaan waliin yaalaman garuu guutummaa guutuutti kan fayyudha.
  • Fanxoo (Syphilis) – Jarmii ‘Treponema palladium’ kan jedhamuun kan dhufu yoo ta’u akkuma cophxoo inni kunis yoo yeroon yaalame kan guutummatti fayyu, yoo yaala hinarganne ammoo rakkoowwan hedduu kan dhala namarraan ga’udha.
  • Vaayirasoota tiruu (Viral Hepatitis)– Vaayirasoonni tiruu keessumaa kan gosa B fi C karaa walqunnaamtii saalaa daangaa hinqabneen daddarbuun lubbuu namoota hedduu galaafataniru.
  • ‘HIV/AIDS’ – Dhukkubni HIV karaa walqunnaamtii saalaa akka daddarbu beekamaa ta’ee, namoonni dhukkuboota qunnaamtii saalaan daddarban kan biroo akka cophxoofi fanxoo qaban carraan vaayirasii HIV kanaan qabamuu isaanii namoota biroo irra olka’aadha.
  • Trichomoniasis – Kun ‘Trichomonas vaginalis’ jarmii jedhamuun kan nama qabu yoo ta’u, yeroo hedduu keessumaa dhiirota irratti mallattoo kan hin argisiifnedha.
  • Herpes Simplex – kunis vaayirasoota gosa lama:  ‘Herpes simplex virus type 1 (HSV-1)’ kan naannoo afaanii hidhii hubuufi ‘Herpes simplex virus type 2 (HSV-2)’ kan qaaama saalaa hubuudhaan dhukkuboota saalqunnaamtiin daddarban keessaa sadarkaa 1ffaa irratti argamuun beekama.
  • Dhukkuboonni haala kanaan daddarban kanneen biroo akka: Chlamydia, Human Papilloma Virus (HPV), Chancroid fi bacterial vaginosis ille ni jiru.

Namni tokko yoo dhukkuba walqunnaamtii saalaan daddarban kanaan qabame mallattoo akkamiitu irratti mul’achuu danda’aa?

  • Dhangala’aan adda addaa qaama dhiiraa irraan dhangala’uu, dhiita’uu cidhaani, dhiita’uufi madaa’uu xannachoota mudaamuddii (xannachoota) cinaa qaama saalaa jiranii.
  • Dhangalaan bifa addaa qabu ykn foolii addaa qabu karaa qaama saalaa dubartootaa dhangala’uu.
  • Madaa’uu ykn ququnca’uu qaama saalaa dhiiraa ykn dubaraa, dhukkuubbii addaa yeroo qunnaamtii saalaa raawwatan, fincaan yoo fincaa’an garmalee nama gubuu, dhagna gubaa, dhukkubbii garaa gara handhuuraa gadii.
  • Daa’immaan akkuma dhalataniin iji isaanii dhiita’uufi dhangala’aa addaa yaasuunis gosuma dhukkuboota saalqunnaamtiin daddarbaniiti. Kunis qaama deessuu irraa gara ija mucaa dhalatuu/ttuutti waan darbuufi.

Namoota dhukkuboota kana qaban keessaa gariin keessumaa dhiironni mallattoo argisiisuu dhiisuu malu, kanaafuu namni walqunnamtii daangaafi ofeeggannaa hinqabne rawwataa mallattoolee kana hinqabne dhukkuba kana hinqabu jechuun hindanda’amu.

Waantoonni carraa dhukkuboota kanaan qabamuu keenyaa olkaasan maalfa’i?

Haalonni addatti dhukkuboota kanaaf nama saaxilan: umurii dargaggummaa, tokkoof tokkoon jiraachuu dhiisuu, dandeettiin ittisa qaama keenyaa sababa adda adddaan hir’achuu, nama sal-qunnamtii waliin raawwatan /jaalallee/ jijjiiruu ykn baay’isuu, dhiirota ykn dubartootaa nama baay’ee waliin qunnaamtii taasisan (fkn shamarran mana bunaa) waliin qunnaamtii of eeggannoo hinqabne taasisuu, umuriin osoo hinga’iin ijoollummaan heerumuufi k.k.f dha. Akkasumas qorichoota nama adoochan fayyadamuufi araada garaa garaa qabaachuun salphaatti gara walqunnaamtii saalaa of eeggannoo hinqabneetti waan nama geessaniif dhibee kanaaf nama saaxilu.

Akkamiin ofirraa ittisuufi yaalamuu dandeenyaa? Yoo hin yaalamnehoo maaltu nu mudata?

Irraa of ittisuudhaaf: Dhukkuboota walqunnaamtii saalaa irraan daddarban irraa bilisa ta’uuf: gaa’ela dura quunnamtii saalaarraa of eeguu, tokkoof tokkoon jiraachuu, haala gaariin kondoomii fayyadamuudha.

Yaala kan argachuu qabnu: Qunnaamtiin saalaa daangaa hinqabne  yoo beeknees haa ta’u hinbeekiin nama mudatuufi mallattooleen dhukkubichaa armaan olitti ibsaman namarratti argaman, atattamaan gara mana yaalaa deemuun dawaa fudhachuun fayyuun ni danda’ama. Asirratti kan sirriitti hubatamuu qabu namoonni qunnaamtii saalaa waliin raawwatan sun lamaan isaanii yeroo walfakkaataa ta’etti qoricha dhukkuba kanaa fudhachuu qabu. Yoo jara lamaan keessaa tokko yaalamuu baate/tte, yookaan walduraa duuba yaalaman, dhukkubichi qaama jaalallee tokkoo keessa turee eeguun kanbiraatti waan darbuuf yaalamuun isaa/ishee qofti hinfayyadu.

Dhukkuba kana yoo yaalamuu baanne: miidhaa yeroo gabaaba bira darbee turtiin booda :

  • Dubartoota irratti: dhala dhabu, ulfa gadameessaan alaa (ectopic pregnancy), dhukkubbii gadameessaa yeroo dheeraa,
  • Dhiirota irratti: dhibee fincaan fincaa’uu dadhabuu (ujummoo fincaanii madeessee waan dhiphisuuf) akkasuma daa’ima haadha qaamni saalaa dhukkuba kana qabu irraa dhalatte/tetti ija dhabuu /jaamina/ fiduufi kkf. rakkoolee dhibeewwaan kun fidan keessaa isaan angafoota.

“Fayyaan Faaya”

Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an,
Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Qiddus Phaawuloosiitti
baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *