Waaliyaan tapaha ‘CHAN’f shaakalasaa ittufufeera

Finfinnee: Walmorkiiwwan Konfedereeshinii kubbaa miilaa Afrikaatiin  Ardii Afrikaarratti adeemsifaman keessaa tokko tapha ‘CHAN’ jedhamuudhaan beekamuufi kan taphattoonni liigiiwwan biyyaa keessaa qofti irratti hirmaataniidha.

Walmorkiin kun waggaa lamatti al tokko biyyoota miseensota konfedereeshinichaa jidduutti gaggeeffama. Haaluma kanaa ALA bara 2020 yeroo 6faf  Kaameeruunitti adeemsifama jedhamee  eegama.

Shaampiyoonaa Kaameeruunitti adeemsifamu kanarratti biyyoota hirmaatan beekuuf walmorkiiwwan gulaala gulaalaa biyyaalessaa 28 jidduutti adeemsifamaa jira.

Itoophiyaan walmorkii kanarratti hirmaachuuf tapha gulaala gulaala duraa torban darbe Jibuutiitti 1-0n, kan deebii Dilbata darbe Dirree Dawaatti ammoo 4-3n   walumaagalatti 5-3n mo’achuun tapha ittaanuuf dabarteetti.

Gareen Itoophiyaa, Waaliyaaf galchoota kanneen argamsiisan aara galfannaa dura daqiiqaa 26farratti Amaanu’eel Gabramikaa’eel, 43farratti Yaareed Baatuufi sa’aatii dabalamaa keessatti Addis Gidayin ta’uusaati.

Aara galfannaa  booda ammoo daqiiqaa 88fa irratti geeddaramee kan gale Masfin Taadassaatiini. Walmorkiin kan adeemsifame istaadiyooma Dirree Dawaatti  yoo  ta’u, istaadiyoomichi haaromsamaa waan jiruuf bakka daaw’ataan hinjirretti ta’uun beekameera.

Waaliyaan tapha gulaala gulaalaa kanatti milkaa’uusaatti walmorkii  gulaalaa kan adeemsifatu garee Ruwaandaa wajjin Hagayya 26 bara 2011  ta’uua sagantaan Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa ni muldhisa.

Wal morkiin kun biyyoota Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa biroo jidduutti kan adeemsifame yoo ta’u, Ugaandaan Somaalee 3-1n, Burundiin Sudaan Kibbaa 2-0n yoo mo’atan,  Keeniyaafi Taanzaaniyaan ammoo galcha malee 0-0n adda bahaniiru.

Waaliyaan qophii ittaanu kanaaf taphattoota  iddoo tokkotti walitti qabee Magaalaa Adaamaatti guyyaatti si’aatii 2:00f shaakalaa akka jiru beekuun danda’ameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

One Comment to “Waaliyaan tapaha ‘CHAN’f shaakalasaa ittufufeera”

  1. Pingback: DevOps consulting

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *